'Mindeessitoonnikoo manatti natti cufanii lubbuusaniif baqatan'- hojjattuu mana namaa Beeruut
'Mindeessitoonnikoo manatti natti cufanii lubbuusaniif baqatan'- hojjattuu mana namaa Beeruut
Haleellaa qilleensaa Israa'el Liibaanos bakkeewwan garaa garaatti raawwataa jirtuun, magaalaa guddoo biyyattii Beeruut dabalatee iddoowwan heddutti sodaanif mancaatin babal'ataa jira.
Kanaan wal qabatees namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman manaa fi qabeenyaa saanii gatanii baqachuuf dirqamaniiru.
Haata'u malee hojjattoonni manaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota garaa garaarraa gara sanatti imalan rakkoo cimaaf saaxilamaa jiraachu dubbattu.
Dubartootaa fi dhaabbata namoota akkasiitiif gargaarsa taasiisu BBCn dubbisee haala asiin gadiitti isiniif qindeessinneera ilaalaa.






