Haadha qabeenyaa buna jabanaarraa kaatee waggaa lama keessatti damee hojii baballisaa jirtu

Ibsa waa'ee viidiyoo, Haati qabeenyaa kuni 'Warqaa Bunnaa' maqaa jedhuun buna jabanaa jalqabde
Haadha qabeenyaa buna jabanaarraa kaatee waggaa lama keessatti damee hojii baballisaa jirtu

Bunaafi nyaata aadaa garagaraa dabalatee waan magaalaa Finfinnee keessatti hin argamne qopheessuun beekamti.

Haati qabeenyaa kun Chaachii Tafarraa jedhamti. Mana puulii keessa hojjechuurraa kaasee hojii baayyee yaalteetti.

Waggaa lama dura garuu 'Warqaa Bunnaa' maqaa jedhuun buna jabanaa jalqabde.

Amma garuu mana nyaataafi buna addaa dhiyeessuun damee baayyee banatteetti.

Hojjettoota lamaan jalqabdee 110 ol qacaruurra geesseetti.

Biyya alaatti damee banuufis yaadaa jirti. Kun waggaa lama keessatti. Ishumarraa dhaga'aa!