'Mucaankoo maatii gargaaruuf biyyaa baatee achumaan dhabamte'- maatii

Ganatii fi Simany

Madda suuraa, Asnaaqech fi Kabe

Ibsa waa'ee suuraa, Ganatii (bitaa) fi Simany (mirga)

Bara 2012 ture Ganatii Alamuu shamarreen ganna 15 hojjettee ofiisheefi maatiishee gargaaruuf mana warrasheetii baatee gara Magaalaa guddoo Libaanos Beeruutitti kan imalte.

Dhalattuun bulchiinsa Shaggar kutaa magaala Sandafaa tun akkuma hiriyootashee biraa hedduutti hojjetee maatiishee hiyyummaa keessaa baasuu barbaadde.

Haata'u malee, kunoo ammaa waggaa 12 boodallee hin deebine. Lubbuun jiraachuu fi dhiisuushees maatiinshee hin beekan.

Akkuma Ganatiitti shamarree Simany Dajanees bara 2010 Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaa ganda Wareessoo irraa gara Sa'uudii Arabiyaa imalte.

Haadhashee dhukkubsachaa turtan hojjetee deeggeruuf manaa baate. Haata'u malee kunoo waggaa 14 darbaniif maatiinshee karra eegaa jiru.

Tikki fi Zaamzam

Madda suuraa, Baayisaa

Ibsa waa'ee suuraa, Tikki (bitaa) fi Zaamzam (mirga)

Shamarree Tikki Midhaaksoo akkasuma waggaa 14 dura Sulultaarraa gara Yaman deemte.

Haadha manaa obboleessasheen waliin guyyaa tokko deemte. Sayyuun ishee garuu ergasii marsaa lammaffaaf Beerut deemtee deebite. Tikkiin garuu lubbuun jirachuu fi dhisuu wanti beekamu hin jiru jedhu maatiin BBC dubbise.

Dubartoonni kunneen hunduu waggoota lamaan jalqaba biyyoota kanneen gahan qofaaf ture kan maatii isaanii qunnaman. Inniyuu waggaatti al tokko qofa ture.

Namoonni isaan qacaran maatiisaanii dabalatee addunyaa alaa irraa isaan kutanii kaffaltii malee isaan hojjechiisan.

Haaluma walfakakatuun, Raahmet Indriis Makkonniin naannoo Amaaraa godina Dabuub Walloo irraa waggaa 15 dura ture kan gara Sa'uud Arabiyaa deemte.

Daa'imashee waggaa torba dhiiftee deemti. Ergashii achii buutenshee hin baramne. Amma intallishee umurii waggaa 22'tti gara Sa'uudiitti imaltee haadhashee barbaadaa jirti.

Zaamzam Tunnee akkasuma waggoota 14 dura Godina Arsii aanaa Sirkaa irraa kaatee Sa'uud Arabiyaa hojiif deemtee dhabamte.

Namni akkanaan dhabame isaan qofa miti. Dubartoonni Itoophiyaa karaa seeraan gara biyyoota kanneenitti hojiidhaaf imalanii hanga amma achi buuten isaanii dhabame baay'eedha.

Isaan keessaayis baayyeen isaanii shamarran xixiqqoo umuriin waggaa 18 gadiiti.

'Mucayoontoo anaaf ykn ofiisheef hin taanee'

Simany

Madda suuraa, Kabe

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Simany gaafa deemtuu fi yeroo ammaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maatiin hedduun ijoollee jireenyasaanii jijjiiruuf abdatan dhabuu isaaniitiin dhiphina cimaa keessa dabarsaa jiru.

Baay'eensanii warra baadiyaa waan ta'aniif ejensii isaan biyya sana geessee fi lakkoofsa paaspoortiisaanii hin beekan, kanaaf argachuu hin dandeenye.

Fakkeennaa maatiin Ganatii Alamuu eessa deemanii akka ishee barbaaduu eegalan akka hin beekne dubbatu.

"Yoo jiraate inuma dhufti jennee eegna malee bakki deemnee gaafanne yookin barbaanne hin jiru. Nama gaafanus hin beeknu," jetti obboleetinshee Asnaaqech.

"Erga deemte, waggoota sadan jalqabaa qofa al sadii maatii dubbatte. Ergasi yoo bilbillu namni kaasu hin jiru."

Haatiishee waggoota kana hunda sababa dhabamuu intalasheef dhukkubsatee ji'a ji'aan hospitaalatti deebifamti.

Ganatiin haadhasheef quxisuudhaa, kanaaf irra hafuu hin dandeenye. Gara isheen jirtu beekuu baatanis hanga amma abdii hin kutanne.

Akkasumas, Abbaan Simany Obbo Dajaneen waggoota dheeraaf intalasaa barbaadaa ture. Ejensiinshee geesse cufameera, dallaalaan hojii barbaadeef isaan jala miliqeera.

"Haadhatoo sin gargaaruu fedha jette asi deemte. Waggaa lamaan jalqabaa nuuf bilbilaa turte. Ergasii garuu sagaleeshee dhageenye hin beeknu," jetti boossi haatii ishee Aaddee Muluu Baqqalaa.

Waggoota jalqabaa maadaamiishee bilbila akka dhorkitu maatiitti himachaa turte. Bilbila ijoollee maadaamiitin isaaniif bilbilaa turte

"Yeroo isheen maatiikoo argun barbaadaa, gara biyyatti na deebiisi jettuun, duraan maaliif dhufte amma deebi'u barbaadda? Yoo maallaqa hin feetu taate maal barbaada dhufte? jettee akka itti dheekamaa turte bo'aa natti hima turte."

Ta'us garuu miindaanis kaffalamaafii hin turre.

Manaas bahuu waan dhorkaniif, "akka qodaan mana keessa turaa, gad ba'e hin beekuu" jettee boo'aa akka turte himti haatiishee.

Haatii duraanuu dhukkubsachaa kan turte yoo ta'u, amma dhabamuun Simany daran dhibee itti hammeeseera.

"Ofumaan deemaa malee keechiikoo hin jiru. Mucayootoo baay'ee mataa na tuqte garuu Rabbi haa toluu kanan hanga amma lubbuun jiru."

Maatiinshee nama isaan gargaaru dhabnaan mala biroo filatan.

Duula miidiyaa hawaasaa

Munir Abubakar

Madda suuraa, Munir Abubakar

Waggaa tokko dura Simany barbaaduuf dargaggeessi Muniir Abubakar jedhamu miidiyaa hawaasarratti duula jalqabe.

Munir nama miidiyaa hawaasaarratti dhimma baqattoota Itoophiyaa biyyoota Arabaa jiran dubbachuun beekamudha.

Yeroo baay'ee kanneen mana hidhaa jiranii fi kanneen miidhaan irra gaheef sagalee ta'uudhaan miidiyaa hawaasarratti duula gaggeessa.

"Maatiin na qunnamanii jennaan duula eegale. Achii ijoolleen gandashee fi kanneen Shawaa irraa dhufanii fi Sa'uudii Arabiyaa hojjetan wal ijaaranii barbaaduu eegalan.

Gareen gurbaa Leenchoo Gaasaraa jedhamu tokkoon durfamu kun waggaa tokko erga ishee barbadaniin booda ji'a lamaan dura Simany argataniiru.

Achiinis maatiishee akka dubbiftu taasisan. Kan nama gaddisiisu garuu, dubartiin tun haadhaashee beekuu hin dandeenye.

"Ani iyyee maraadhee mucaayoontoo garuu na hin beekne. Waanuma tokkoo osoo hin dubbatin akkanuma teechee na ilaalaa turte. Yeroo tokko qofa maaliif boossa? jette na gaafate. Mataanshee sirri miti jedheen shakke" jetti haati.

"Xiqqoo abbaa fi obboleechatti haasofte malee ani ommaa naan hin jenne mucayyoontoo," jedhan. Garuu guyyaa afuriin booda deebiftee haadhaaf bilbiltee dhiifama gaafate.

"Haadhatoo hin boo'in dhiifama, mataatuu na dhukkubee, rifadhee dubbachuu dadhabee naan jette."

Ergasii garuu bilbilttee hin beektu. Dubartiin tun akka ji'a lamaan booda gara biyyaatti deebitu nama ishee qacareen waliigaluu dubbatu maatiin.

Simany yeroo deemte umriinshee waggaa 18 ture, ammaa waggaa 31 taatetti. Yaadnisheen qabatee biyyaa baateen gaarii ta'us bu'a buusuu hin dandeenye.

"Mucayyoontoo si gargaaruu fedha jettee biyyaa baate, garuu waggaa hanganaa anaaf ykn ofiisheef hin taanee, achiitti narra dulloomteetti," jedhan haatii Simany.

"Lubbuushee Waaqumaatti naan eege. Namni waggaa 13 dhabame, akkuma nama du'a ka'eetti. Waan biraa hin barbaaduu akka isheen anaaf deebitu qofan fedha. Galata Waaqaa nabsee isheen naan eege, amma akka naaf deebitu eegaan jira," jetti

Haata'u malee dubartiin tun osoo miindaa ishee hin argatin, osoo yaala hin argatin manuma keessa hojjechaa turte saniti deebite jedha Muniir.

"Namni tokko heeraa fi seeraan deemee waggoota 13 ol mana itti cufanii miindaa tokko malee hojjechuun garbummaa ammayyaa. Baay'ee nama gadisiisaa mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti xiyyeefatee uummata kana akka baraaru gaafanna," jedha.

Waggoota 10n ol tola ooltummadhaan namoota biyyoota Arabaa keessa hojjetaniif sagalee kan ta'e Muniir, haallii dubartoonni hedduun keessa jiran gaddiisisaa ta'u hima.

Dubartiin tokko osoo boqonnaa ykn miindaa hin arganne mana maadaamii fi maatiishee hunda keessa hojjetti.

Kunis dhaabbilee mirga namoomaa, aktivistootaa fi namoota achii deebi'aniin himamaa jira.

Namoonni garii hojjetanii jireenya isaanii fi kan maatii isaanii jijjiranis, kanneen miindaa malee biyyoota kana keessa jiranis hedduudha.

"Dubartoonni maraatanii sansalata biiroo keessatti hidhamanis jiru. Akka horiiti gurguraman, hin hordofaman, miindaan isaanii hin gaafatamuuf. Kunis garbummaa hamaa," jedha. Mootummaan ejensiiwwan kanneen to'achuu akka qabu waamicha dhiheessan.

Jireenya gaarii barbaacha

Godaantota

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaa guyyaan shamarran xixiqqoo dhibbaan lakkaa'aman hojii mana hojjechuuf Itoophiyaa irraa gara biyyoota Galoo Galaanaa deemu.

Mootummaan biyyoota kana waliin waliigaltee waan qabu fi dallaaltonni ejensii harka bal'isanii isaan waan simataniif abdii guddaa qabu.

Garuu akkuma isaan gammadanii imaluuf buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booletti walitti qabaman kanneen biyyoota kana irraa deebi'an jiru. Gariin isaanii sammuudhaan jeeqamaniiru, kaan immoo reeffa isaanitti deebi'a.

Kontiraataan biyyoota kana hojjechuuf isaan yeroo baayyee waggaa lama hin caalu. Waggoota kana keessatti miindaan isaanii mana ijaaruu, ijoollee isaanii barsiifachuu fi maatii gargaaruuf akka isaan gahu amansiifamu.

Kanaaf namoonni wagga waggaan garas imaluun dabalaa dhufe. Haata'u malee, Sa'uudii Arabiyaan hojjettoota biyya alaatif sadarkaa mindaa qabdi. Hojjettoonni Baha Afrikaarraa dhufan sadarkaa jalaa irra jiru. Ji'atti gara doolaara 200 hanga 250 argatu.

Waggoota darban keessa biyyoonni garii lammileensaanii biyyoota Arabaa keessa hojjetan mindaa gaarii fi eegumsa fooyya'aa akka argatan mar'iachaa turan.

Fakkeenyaaf, Filippiins bara 2012 Sa'uudii Arabiyaa waliin waliigaltee lammileesheef miindaa dabale mallatteesite.

Kana hordofee ejensiiwwan hojjettoota bakka gatii salphaan namoota argachuu danda'anitti fuula deefatan.

Biyyoonni Afrikaa "gabaa tajaajila haaraa fi gatii gadi aanaa qaba" jechuun dhaabbilee hojjettootaa gurguddoo Sa'uudii Arabiyaa keessaa tokko kan ta'e Mahaaraah Human Resources bara 2019 barreesse.

Biyyoota hojjettoota manaa baay'inaan Sa'uudiif kennan keessaa tokko Itoophiyaadha. Haata'u malee sirni biyyoonni Arabaa kunneen fayyadaman hojjettoota kan miidhu ta'u himan.

Sirna Kaafaalaa

Mormii sirna Kaafaalaa

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti namoonni dhuunfaa ykn dhaabbileen hojjettoota biyya alaarra namoota qacaruuf hayyamni ni kennamaaf.

Kana jechuun namni kun yeroo dhufuu mirga fi jireenyi isaanii guutummaatti hojjechiisaa isaanii irratti kan hundaa'eedha. Kanaaf madamii fi ejensiin hedduun sirna kanaatti fayyadamudhaan, dubartoota kana garmalee hojjechiisuu, kaffaltii dhorkuu ykn miidhaa irraan gahuu danda'u.

Sirni kun, garbummaa ammayyaatti jedhu falmitoonni mirga namoomaa.

Jijjiramni akka dhufuu qaamni hedduun waamicha dhiheessus, sirnichi biyyoota Arabaa hedduu keessatti itti fufee jira.

Miidhaa sirna kanaan dhufu hordofee Itoophiyaan bara 2008 godaansa hojjettootaa gara Libaanos uggurte, garuu sirnaan hojiirra ooleera.

Miidhaawwan kun hundi osoo jiranii uggurri kun waggoota booda 15 Ebla 11 bara 2023 kaafame.

Ebla, 2023 Itoophiyaan dubartoota 500,000 hojii mana keessaa hojjetan qacaruuf Sa'uudii Arabiyaa waliin waliigaltee irra geesse.

"Wantoonni ijoo waliigaltee kana keessatti hammataman, mindaa hojjettootaa, bilisummaa sochii, boqonnaa waggaa, eegumsa fayyaa fi maatii waliin wal qunnamuu," jechuun Muferiat Kamil fuula Feesbuukii ishee irratti barreessitee turte

Karoorri kun falmitoota mirgaatiin balaaleffatame ture.

Namoota mana hidhaatti rakkataa turan biyyaatti deebisaa jiraatus Itoophiyaan mirga hojjettootaaf falmuu fi ejensiiwwan namoota ala ergan to'achuu irratti laaffina qabu jedhu aktivistoonni.

Barreeffama Muferiat

Madda suuraa, Muferiat Kamil

Ammaaf maatiin Simany intallisaanii jiraachuu mirkaneefataniiru.

Haata'u malee yoom akka biyyaatti deebituu fi haaqa akka argatuu fi kaan irratti waan beekan hin qaban.

Maatiin Tikki, Zaamzam fi Ganatii ammoo abdiin eeggachuu malee waan biraa hin qaban.