Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa jireenya isaaniin hin gammadne dabaleera - Qorannoo
Lammiileen Itoophiyaa haalli diinagdee isaanii hammaachuu fi hiyyummaan dabaluu himuusaanii dhaabbanni qorannoo 'Afrobarometer' qorannoo gaggeesseen beeksise.
Dhaabbatichi bu’aa qorannoo isaa tibbana baaseen, “lammiileen Itoophiyaa harka caalmaan isaanii haala diinagdee biyyattii ‘badaadha’ jechuun ibsaniiru,” jedheera.
Lakkoofsi lammiilee biyyattii haala jireenya isaaniitti quufinsa ykn gammachuu hin qabnes kan bara faranjootaa 2020 turee irraa dhibbeentaa 13’n dabaluusaas dhaabbanni qorannoo Afrobarometer kun himeera.
ALA bara 2020’tti namoota qorannoo dhaabbata kanaa irratti hirmaatan keessaa kanneen parsantaa 38 ta'an haala jireenya isaaniitti itti quufinsa akka hin qabne kan himan yemmuu ta’u, lakkoofsi kun gara %51’tti ol guddachuusaa bu’aa qorannoo tibbana baaseen dhaabbatichi himeera.
'Diinagdee badaa ta'e'
Dhaabbanni Afrobarometer qorannoo isaa dhiheenya ifa taasisee kanaaf ji’oota Caamsaa fi Waxabajjii ALA 2023 keessa lammiilee Itoophiyaa 2,400’f af-gaafii taasisuu hime.
Af-gaafii samuudawwan kunneen waliin taasise bu’ureeffachuunis “lammiilee Itoophiyaa keessaa harki caalmaan isaanii (%65) haala diinagdee biyyattii ‘badaa’ yookiin ‘haalaan badaa’ jechuun ibsaniiru,” jedheera.
Kana malees, harka caalmaan lammiilee Itoophiyaa haalli diinagdee biyyattii bara darbe keessa kan isa duraarra hammaachuu isaa himuusaanii gabaasicha keessatti eerameera.
Lakkoofsi lammiilee haala jireenyasaanii ‘gaarii’ yookiin ‘baay’ee gaarii’ jechuun ibsanis dhibbeentaa 38 yemmuu ta’u, lakkoofsi kun kan bara 2020 turerraa dhibbeentaa 13’n gadi kan bu’edha.
Gama biraatiin ammoo lammiilee Itoophiyaa 10 keessaa sagal (%87) bara darbe keessa yoo xiqqaate yeroo tokko galii maallaqaa osoo hin argatiin turuusaanii himuu qorannichi ni ibsa.
Akkasumas, lammiileen biyyattii %61 ta'an immoo haalli wantoota bu’uuraa kanneen akka soorata, tajaajila fayyaafii maallaqa osoo hin argatin itti turan isaan mudatee akka ture himeera.
Gama biraatiin ammoo, mootummaan Itoophiyaa rifoormiin diinagdee biyya keessatti qophaa'eefi waggoota muraasa daran irraa eegalee hojiirra oolchaa jiru diinagdee biyyattii daandii kufaatiirra ture dandamachiisuu hima.
ALI bara 2016 kanattis diinagdeen biyyattii dhibbeentaa 7.9’n akka guddatus raagameera.
Qaala’insi jireenyaa rakkoo idil-addunyaa ta’uu kan himu mootummaan Itoophiyaa, qaala’insa gatii biyyattii keessatti mul'atu hir’isuufis tarkaanfilee gara garaa fudhamaa jiraachuu hima.