Itoophiyaan kora idil-addunyaa guddicha qopheessuusheetiin maal buufatti?

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan kora jijjiirma haala qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) COP32 bara 2027 akka qopheessituuf filatamteetti. Itoophiyaan ulaagaa qophii guddaa kana qopheessuuf barbaachisan guutuun deeggarsa biyyoota Afrikaarraa argatteen Naayijeeriyaa mo'achuun hiree kanaaf qaqqabde.

Kora COP30 Biraazilitti gaggeeffamaa jirurratti Itoophiyaan kan bara 2027 akka keessummeessitu murtaa'uu hordofee Ministirri Karooraafi Misoomaa Itoophiyaa Fitsum Asaffaa (PhD), "filatamuun baayyee nama gammachiisa; Itoophiyaanonni hunduu baga gammaddan jechuun barbaada," jedhan ibsa EBC irratti dhimma kana ilaalchisuun kennaniin.

"Itoophiyaan kora jijjiirama haala qilleensaa COP32 akka gaggeessitu filatamuun ishee tarkaanfiiwwan isheen fudhachaa jirtu bu'aa argamsiisaa jira."

Biraazilitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa, Lulsaggad Taaddasee Ababbaa ammoo yaa'ii COP30 gaggeeffamerratti argamuun, " ummataafi mootummaa Itiyoophiyaa amanuufi abdachuu keessaniif galata guddaa qabdu," jedhan.

Itoophiyaan akka filatamtu maaltu akka taasiseefi bu'aa qopheessuusheetiin argatturratti Yuniversiitii Finfinneetti qorataafi barsiisaa Piroofeesar Tashoomee Sooromsaa gaafanneerra.

Itoophiyaan Ayaa [Ashaaraa] Magariisaa dabalatee hojii bal'aafi amansiisaa jijjiirama qilleensaarratti hojjetteen deeggarsa guutuu biyyoota Afrikaa argattee COP32 akka qopheessituuf filatamte jedhan Piroofeesar Tashoomee.

Qabxiin inni guddaafi olaanaa ka'uu qabu waa'ee Ayaa Magariisaati, kan jedhan Pirofeesar Tashoomeen, Itoophiyaan gama kanan waan guddaa hojjechuu dubbatu.

"Kana jechuun jijjiirama qilleensaarratti hanga Itoophiyaan waggoota torba darba hojjechaa turte biyyi kamiyyu hin hojjenne. Kuni waan guddaadha. Ajandaan COP32 ta'e COP'waan kanaan duraa kaayyoon isaanii jijjiirama qilleensaarratti hojjechuudha. Jijjiirama qilleensaarratti hojjechuu keessaa ammoo inni guddaan isa kanadha."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan sagantaa Ayya Magarsiisaa itti jirtuun alattis dinagdee magariisaarratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu annisaa haaromfaman (renewable energy) akka fakkeenyaatti kaasuun ibsan.

"Misoomawwan magaalaafi baadiyyaa keessatti yeroo ammaa godhamaa jiran hundumtuu dinagdee magariisaa waliin kan wlqabatanidha. Itoophiyaa keessatti wanti hundumtuu gara dinagdee magariisaatti deemaa jira.

Kanaaf, walumaagalatti carraan kun kan dhufeef jijjiirama qilleensaarratti waan isheen hojjettu cimaa waan ta'eefidha. Inni lamattaa dur magaalaan keenya babbareedduu waan hin turreef, fooliin badaa nama hin deemsisu ture qulqullina waan hin qabneef. Amma garuu Finfinnees ta'e magaalonni qulqullaa'aniiru."

Kana malees jedhu Pirof. Tashoomeen, bakkawwan hawwata turiizimiifi paarkiiwwan gara garaa qophaa'anis ga'umsa Itoophiyaan kora akkasii kana qopheessuuf dandeettii dabalataa horachuu agarsiisa jedhu.

"Namoonni bakka qananii buluu barbaadan akka Wancii, Matahaaraa, akkasumas bakka arbafaa daawwatanillee Cabaraa Curcuraa deemanii buluu danda'u. "

Hoteelonni baayyeen waan jiraniif, akkasumas magaalonni dhiyoo jiran akka Bishooftuufi Adaamaas hoteelota babbareedoo waan qabaniif, hirmaattota 50,000 ol kora kanarratti hirmaachuuf biyyoota addunyaarraa dhufan keessummeessuun rakkisaa hin ta'u jedhu.

"Bakka turistiin dhaqee itti boqotu baayyeen biyya keessatti bakkee gara garaatti qophaa'ee jira.

Sagantaa Ayaa Magariisaa waggoota torban darban gaggeeffamaa tureen biqiltuuwan biliyoona 48 ol dhaabamuu kan dubbatan Pirof. Tashoomeen, kana keessaa harki 80 qabateera jedhanii amanu.

Qorannoo gaggeessaniin ammoo uwwisni lafaa (Land Cover) guutuu biyyaatti dhibbentaa 23 gahuu ibsan hayyuun kun.

Loogoo COP32

Madda suuraa, ENA

Itoophiyaan kora kana qopheessuurraan maal buufatti?

Addunyaarratti hanga ammaatti biyyoota muraasatu qopheesse kan jedhan Piroofeesar Tashomeen, bu'aan isaa inni tokko galii guddaa fida jedhan.

"Namoota biyya alaarraa 50,000 kora tokkorratti fiddee [keessummeessite] jechuun jijjiirama inni hojiirratti fidu ilaali. Waan guddaadha sochii maallaqaa [transaction] guddaa gaggeessita; hoteelonni baayyee socho'u; turiizimiirratti dhiibbaa guddaa fida."

Galii gama dinagdeetiin alatti kora guddaa akkasii qopheessuun kun, biyyaafis beekamtii guddaa fida jedhu.

Kanaan dura Afrikaa keessaa biyyoota muraasatu gaggeesse kann jedhan hayyuun kun, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaafi Morookoon kora jijjiirama qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kana kanaan dura hiree qopheessuu argachuu dubbatu.

Itoophiyaan kora idil-addunyaa UN guddaa kana keessummeessuusheetiin carraa ajandaa kana bocuufi bu'aawwan qophii kana keessatti gahee akka qabaattu ishee dandeessisa.

Biyyoonni COP keessummeessan gahee pirezidaantummaa kan fudhatan yoo ta'u, kunis walgahii kanaaf galma kaa'uufi dhimma jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun hojiifi ejjennoo mataasaanii agarsiisuu, akkasumas waldhabdee yeroo marii uumamu kamiyyuu furuu keessatti ejjennoo barbaachisaa ta'e qabaatu.

Kanaaf, Itoophiyaan carraa kanaan Ayaa Magariisaa biyyoota biroo bira ittiin geessu ta'a kan jedhan Pirof Tashoomeen, hojii gaarii fakkeenyummaa qabu biyyi kun jalqabde kanaaf beekamtiin akka kennamuufis hiree uuma jedhu.

Kanaan dura Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa akka sadarkaa idil-addunyaatti beekamtiin kennamuuf barreessaa olaanaa dhaabbata Biyyoota Gatoomanii (UN)f xalayaa barreessanii kann turan Pirof. Tashoomeen, korri COP32 Itoophiyaan qopheessitu kann milkeessuuf gargaara jedhan.

Xalayaa mata-dureen isaa: Request for International Recognition of Green Legacy Day in Ethiopia' jedhu Antooniyoo Guteereeziif barreessaniin, kaayyoo Ayaa Magariisaa itti hundeeffameefi kan UN dabalatee ajendaa idil-addunyaa dhimmoota jijjiirama haala qilleensaafi kunuunsa naannoo waliin kan deemu ta'uu ibsa ture.

Piroofeesar Tashoomaa Sooromsaa xalayaa isaanii kana keessattis Adoolessa 31 Itoophiyaa keessatti Green Legacy Day jedhamee akka yaadatamus eeraniiru.

Kora COP32 Itoophiyaan qopheessitu dursaniiyyu Ayaan Magariisaa akka beekamtii addunyaa argatu gaafataa jiraachuu himuun, hanga sanatti yoo milkaa'uu baate yeroo sana beekamtii akka argatu irratti akka hojjetamu himan.

Faayidaan biraa COP32 qopheessuun kun qabu seenaa keessatti katabamuudha. Labsiin (Declaration) barootaaf darbanii yaadataman ykn akka wabiitti eeraman, akkasumas ajandaa miidiyaa addunyaa ta'an waan jiraataniif kun ammoo maqaa biyyaa waliin waan ka'aniif beekamtii biyyaatiif faayidaa olaanaa akka qabaatu kaasu. Kun ammoo beekamtiirrayyu darbee guddina biyyaatiifillee kara ahedduutiin gumaacha.

COP maali?

Waggaa waggaan konfiraansiin jijjiirama haala qilleensaa UN mata dureewwan dhibbaan lakkaa'aman kanneen addunyaa kana balaa jijjiirama haala qilleensaarraa baraaruuf tattaaffii godhamurratti xiyyeeffachuun gaggeeffama. Kan bara kanaa Wixata magaalaa bosona roobaa Biraazil, Belem keessatti jalqabe.

Korri waggaa waggaan gaggeeffamu kun COP jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kunis Yaa'ii Dhaabbilee waliigaltee jijjiirama haala qilleensaa UN bara 1992 mallatteessanii jechuudha.

Waliigaltichi UN Framework on Climate Change Convention (UNFCCC) jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, biyyoonni jijjiirama qilleensaa ittisuuf akka waliin hojjetan waadaa ittiin waliif galanidha. Rakkoon jijjiirma haala qilleensaa kan biyyoonni hundi akka mudatu beekamtii kennanii waliin furuun gaarii ta'uu irratti walanidha.

Waliigaltichi seera bu'uuraa "itti gaafatamummaa waloo garuu adda baafame" jedhus kan qabu yoo ta'u, biyyoonni dureeyyii faalama qilleensaa sababa guddaa ta'uun akka ho'i pilaaneetii dabalu taasian itti gaafatamummaa caalu akka qabaatan godha.

Itoophiyaan hongee, lolaafi qormaata jijjiirama haala qilleensaa hedduun ishee mudatteera. Kanaafis, kunuunsa naannoofi lafa borqateefi bosonni irraa manca'e deebistee magariisaan uwwisuuf waggoota darban keessa dhimmitee hojjechaa jirti.

Hiree COP32 keessummeessuu argachuun ishee ammo biyyoota Afrikaa jijjiirama haala qilleensaatiin baay'ee miidhamaniif sagalee akka taatu kan godhu yoo ta'u, muuxannoo addunyaaf ta'us dabafrsuu dandeessi jedhamee amanama.

Itoophiyaan kora COP32 akka qopheessituuf filatamuun, Afrikaaf filannoon akka milkaa'ina dippilomaasii guddaa ta'etti fudhatameera.

Duraanuu Finfinneen wiirtuu dhaabbilee dhimmoota jijjiirama haala qilleensaarratti karaa dhaabbilee kanneen akka Gamtaa Afrikaa fi UNECA kan taatedha.

COP32 keessummeessuun faayinaansii jijjirama haala qilleensaa, dandeettii dandamachuu, akkasumas ce'umsa haqaa biyyoota Afrikaa f dursa kennuuraatti xiyyeeffata jedhamee eegama.

Mootummaan Itiyoophiyaa shaampiyoonaa misooma magariisaa ta'ee, tarsiimoo "Dinagdee Magariisaa Haala Qilleensaa Dandamatu" fi invastimantii anniisaa haaromfamuu danda'u, keessumaa humna bishaanii irratti taasifamu babal'isaa jira.