'Sababa fuula kootiif kaaffeetti akka ekeraan mana seeneetti na ilaalan'

Amiit Goos, dhukkuba 'Neurofibromatosis' jedhamu waliin dhalate
Ibsa waa'ee suuraa, Amiit Goos, dhukkuba 'Neurofibromatosis' jedhamu waliin dhalate

Amiit Goos jedhama, ijoollummaasaatii kaasee sababa fuulasaatiif qoccolamaa guddate.

Ammallee namoonni yeroo hunda hubatanii na ilaalu, kaan quba natti qabu, kaan afaanii baasanitu na qeequ jedhan.

Sababa fuula isaatiif yeroon kaafteeriyaatti namni isaaf ajajamu dhabame akka ture dubbata.

Amiit Goos nama ganna 35 UK Birmingihaam jiraatu yoo ta'u, dhiheenya kana kaaffee Landanitti argamu tokko wayita seenetti taatee addaa isa mudate ibsa.

"Namni hundi akka waan ekeraa argeetti hubatanii ilaalaa ture,'' jedhee ibse.

"Namni maamiltootaaf ajajamtu tokko na ilaalteetu: 'Oo tajaajila kennuu dhiifneerra naan jette."

"Sana booda ofirra naannoftee deemte. Garuu , ifatti tajaajila namoota biroof kennaa turan."

Amiit Goos yeroo umriin isaa ganna 11 ijjisaa tokkoo baqaqsanii yaaluun baafame

Madda suuraa, Amiit Goos

Ibsa waa'ee suuraa, Amiit Goos yeroo umriin isaa ganna 11 ijjisaa tokkoo baqaqsanii yaaluun baafame

Amit dhiitoo 'Neurofibromatosis' jedhamu gosa isa tokkoffaa, kan kaansarii hin taane fi narvii waliin guddatu wajjin dhalate.

Erga haala uumama fuula isaatii "fudhatee" booda, amma daa'imman barnootaatti baratan'' akka ofitti amanan'' muuxannoo jireenyasaa isaa qoodaafii jira.

Qoccollaa dhiheenya kana isa mudateerraa ka'uun kitaaba daa'immanii ta'u 'Born Different' ykn 'Adda ta'anii dhalachuu' jedhu akka maxxansu isa kakaase.

"Namoonni muraasni na bira dhufanii fuula koo maal akkan ta'e na gaafatu, beekuu waan barbaadan qofa natti fakkaate ture," jedhe.

"Garuu kolfaa, qoosuu jalqaban: 'Yaa Waaqa koo, osoon fuula akka keetii qabaadhee manaallee gadi hin bahu ture"naan jedhe.

Namni inni argen kun "baayyee akka isa mufachiise" dubbateera.

Sana booda waan tokko gochuun qaba jedheen yaade jedhe.

Kitaaba barreessuun qaba jedheen yaade. Yeroon barreeessuu qabu ammadha jedheen murteesse'' jedhe.

"Otoon daa'imummaa koorraa kaasee kitaaba kana qabaadhee silaa na fayyada ture jedheen yaada."

Amiit kitaabni isaa haaraan ijoollee ni dammaqsa jedhee amana

Madda suuraa, Amiit Goos

Ibsa waa'ee suuraa, Amiit kitaabni isaa haaraan ijoollee ni dammaqsa jedhee amana

Amit umurii yeroo umriin isaa waggaa 11 ta'u ijjisaa inni bitaa baqaqsanii yaaluun keessaa baafame.

Kun ammoo danaan fuulasaa daran akka jijjiiramu, akkasumas akka qocholamu taasise.

Ayyaana Haaloowiin jedhamu, kana waggaa waggaan namoonni waanta nama sodaachisu uffatanii ilaalchisuun yaadannoo addaa qaba.

Daa'imni tokko mana barumsaatti"haguuggii Haaloowiinii keewwachuun si hin barbaachisu, atuu hagguuggii umuriikee guutuu siif ta'u qabda" jedhee akka itti hime yaadatee dubbate.

"Sun fuula kooti jedhee sadarkaan fudhachuu hin dandeetti hamilee na cabse," jedha.

"Yeroo baayyee dheeraaf fuula dhoksaan ture, tasuma namatti agarsiisuuf hin fedhu ture."

Yeroo dheeraaf dhiphataa fi muka'aa akka yaadatee dubbate.

"Ijoolleen kaan na cinaa taa'uu dhabuun ykn warra isaanii duuba dhokachuun fa'aa dhiibbaa sammuu narra geessiseera," jedha.

Mana barumsaatti kirikeet tapahachuu jaalata, tapha kana taphachuun hiriyyoota horate.

"Taphi Kiriikeetii eenyummaakoo isa dhugaa -Amit akkan ta'u gargaare, gurbaa kirikeeti taphatu sana, , gurbaa fuula nama dinqu qabu akkan ta'u na gargaare," jechuun ibse.

Garuu, amma umrii ga'eessummaattillee "yeroo hunda namoonni hubatanii na ilaaluu" jedha.

''Hiriyyaan isaan cinaa jiru tuqaniitu 'fuula gurbaa sanaa argiteettaa' jedheenii walitti hasaasuun baramaadha jedhe.

"Garuu ammoo namoonni qaleeummaa qabanis jiru , sanas ibsuun qaba" jedhe.

'Kun ana, fudhadhus dhiisi'.

Amiit Goos yeroo qoccolamaa turetti tapha kiriikeetii taphachuu eegaluun akka isa fayyade dubbate

Madda suuraa, Amiit Goos

Ibsa waa'ee suuraa, Amiit Goos yeroo qoccolamaa turetti tapha kiriikeetii taphachuu eegaluun akka isa fayyade dubbate

Adeemsa keessa ''oguma ofitti amanuu'' kan isa barsiifte haadha warraa isaa Piyalii ta'uu ibseera.

"Dhugumatti namoonni biroo na fudhachuu isaanii dura of fudhachuu qaba," jechuun dabaleera.

Seenaa isaa miidiyaa hawaasaa irratti qooduu akka jalqabus amansiifteetti.

"TikTookii hunduu sirbaa fi shubbisaa qofa natti fakkaate, tarii hin ta'u jedheen yaade, garuu isheen na amansiifte."

"Viidiyoo tokko uumeera, addunyaatti akkas jedheen ture: 'Muuxannoo jireenya koo fayyadamuun isin gargaaruu fi deeggaruun isin kakaasuun barbaada'."

Jalqaba bara 2023tti akkaawuntii isaa kan jalqabe yoo ta'u, ergasii hordoftoota kuma 200tti siqu fi si'a miliyoonaan lakkaa'amu jaalatame argate.

"Ani seenaa koo qooduun miidiyaa hawaasaa irratti namoota gargaaruun koo caalaatti akkan of fudhadhu na gargaare" jedhe.

"Amma addunyaan kun ana jedha, fudhadhus dhiisi."

'Kun anadha, yoo feete fudhu ykn dhiisi'

Amiit Goos haati warraan isaa seenaasaa miidiyaa hawaasaarratti nan qooda jette isa amansiisu ibse

Madda suuraa, Amiit Goos

Ibsa waa'ee suuraa, Amiit Goos haati warraan isaa seenaasaa miidiyaa hawaasaarratti nan qooda jette isa amansiisu ibse
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka ofitti amanuu adeemsa keessa kan isa barsiifte haadha warraasaa Piyalii jedhamtu akka taate ibse.

"Namoonni birooo otoo nan fudhanne dur anatu of fudhachuu qaba," jedhe.

Haati warraan Amiit seenaasaa miidiyaa hawaasaarratti qooduu akka jalqabu isa amansiifte.

"TikTookiin sirbaa fi shubbisaa qofa irratti mul'ata natti fakkaate ture, garuu isheen na amansiifte."

"Viidiyoo tokko waraabeen akkas jedhe: 'Muuxannoo jireenya kootii fayyadamuun isin deeggaruu fi isin kakaasuun barbaada jedhe."

Jalqaba bara 2023tti akkaawuntii isaa banate, ergasii hordoftoota kuma 200tti siqu fi l viidiyoon isa si'a miliyoonaan lakkaa'amu jaalameera.

"Ani seenaa koo qooduun miidiyaa hawaasaarratti namoota gargaaruun kootti caalaatti akkan of fudhadhu na gargaare."

"Amma addunyaadhaan akkasin jedha; kun anadha ,yoo feete na simadhu, yoo feedhuu baattemmoo dhiisiin jedha."

Sana booda hojii dhaabbata gorsa dhiimma seeraa tokko dhiisee, haasaa namoota dammaqsu haasa'uutti ciche.

Dargaggoota gargaaruun baay'ee barbaachisaa ta'ee itti dhaga'ame jedha.

Amiit podkaastii namoota biroo muuxannoo walfakkaataa qaban waliin haasa'u jalqabuuf jira, kanneen keessaa Oliivar Biroomlii kan keessummeessitoonni mana nyaataa ''maamiltoota wareersa '' jedhanii mana nyaataa keessaa ari'atan fa'aa dubbisuuf jira.

"Si'achi namoota hedduu kakaasuuf jirra," jedhe Amiit.

"Qaama miidhamaas ta'ee miidhamaa kan hin qabne, garaagarummaa mul'atu kan qabu ykn kan hin qabne, hundi keenya waan tasgabbii nu dhorku qabna, hundi keenya wantoota nu mudatan qabna, qormaata nu mudate ni qabna" jedha.