Israa'el haleellaa irra deddeebiin Hospitaala Gaazaa irratti raawwatteef gaafatamuu qabdi- UN
Israa'el yeroo lama hospitaala Gaazaa haleeluun yoo xiqqaate namoota 20 ajjeesuu hordofee Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) ''haqni argamuu qaba,'' jedhe.
Haleellaa kanaan gaazexeessitoonni shan fi hojjettoonni fayyaa afur ajjeefamaniiru.
Ministirri Muummee UK haleellaan Israa'el ''guutummaatti kan fudhatama hin qabnedha,'' jechuun balaaleffatan.
Haleellaa kana hordofee bu'aan qorannoo jalqabaa humni ittisaa Israa'el baase hanqinni mudachuu mul'iseera, qorannoo akka itti fufan ibsaniiru.
Haleellaan Israa'el kun erga lammiileen biyyattii mootummaansaanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhachuun namoota butaman akka gadhiisisuuf hiriira ba'anii gaafataniiti.
Haleellaa jalqabaa Wiixata darbe hospitaala Naasir magaalaa Kaan Yuunis keessatti argamurratti raawwateen ogeessi kaameeraa Rooyitarsi ajjeefameera.
Wayita haleellaan raawwatutti TVn Rooyitarsi cinaa hospitaalichaa buufachuun gamoo tokkorraa tamsaasa kallattii dabarsaa ture.
Daqiiqaa 10 booda haleellaa lammataa wayita raawwatu gaazexeessitootaa fi hojjettoota fayyaa bakkichaa gabaasaa fi tajaajila fayyaa kennaa turan irratti xiyyeeffate.
Haala kanaan gaazexeessitoota shan fi hojjettoota fayyaa afur dabalatee yoo xiqqaate namoonni 20 ta'an ajjeefamaniiru.
Asoosheetid Pirees, Rooyitarsi, Al jaziiraa fi miidiyaan Middle East Eye jedhamu miidiyaalee idiladdunyaa gaazexeessitoonni isaanii haleellaa Israa'eliin ajjeefaman keessaati.
''Haleellaan kun akkaan rifaasisaa fi fudhatama tokkollee kan hin qabnedha,'' jechuun balaaleffate UN.
Waajjira damee mirga namoomaa UNtti dubbi himaa kan ta'an Tamiin al-Kiitan ''haleellaan kun gaazexeessitootarratti xiyyeeffachuun gaaffiiwwan hedduu kaasisa. Taateen kun hundi qoratamuun kanneen yakka kana keessatti hirmaatan gaafatamuu qabu,'' jedhan.
Qorannoo Israa'el waa'ee ajjeechaa raawwatee irratti gaggeesseera jettu irratti yaada kennaniin ''qorannichi bu'aa buusuu qaba. Haqni mirkanaa'uu qaba. Hanga yoonaatti bu'aa argine hin qabnu. Qaamni itti gaafatames hin jiru,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
IDF ibsa isaa keessatti ''kaameeraa Hamaas naannawa hospitaalichaa dhaabuu ittiin sochii waraana Israa'el to'ataa ture,'' irratti akka xiyyeefate hime.
Garuu shakkiisaa kanaaf ragaa qabatamaa hin dhiheessine.
Dubbi himaan waraana Israa'el gaazexeessitootarratti akka hin xiyyeeffannee fi kanneen ajjeefaman ''shororkeessitoota'' ta'uu ibsan.
IDF akkas haa jedhuyyuu malee Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu garuu haleellaa raawwate keessatti dogoggorri mudachuu ibsanii turan.
Dubbiin ministira muummee kanaa fi ibsi humna waraanaa wal dhiite jechuudha.
IDF haleellaan lammataa daqiiqaawwan muraasa booda maaliif akka raawwate hin ibsine.
Haleellaa jalqabaan kaameeraa Hamaas jedhanii ogeessa kaameeraa Rooyitarsi ajjeesan.
Wayita kanatti rakkoo mudate gabaasuuf gaazexeessitoonni argaman. Ogeeyyiin fayyaa ammoo tajaajila fayyaa kennuuf bakkichatti argaman.
Bakka namoonni kunneen argamanitti humni waraanaa Israa'el ammas maaliif haleellaa bane kan jedhurratti ibsa hin kennine.
Tarkaanfii fudhatame irratti qorannoon dabalataa ni gaggeeffama qofa jedhe.
Israa'el irra deddeebiin hospitaalota Gaazaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatti.
Seerri idiladdunyaa hospitaalotaaf eegumsi akka taasifamu ajaja, Israa'el kana hojiirra oolchuu dhabuusheen baayyee himatamti.
Iddoo Hamaas itti fayyadamuudha jechuun buufataalee fayyaa hedduu barbadeessiteetti.
Mootummaan Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas fudhaterratti waliigaluu diduun haleellaa itti fufeera.
Neetaaniyaahuun amma waliigaltee biraatu barbaachisa jedhu. Waliigaltee yeroo tokkotti butamtoota hunda gadhiisisu fedhu.
Israa'el namoota butamanii harka Hamaas jiran jettu 50 keessaa 20 kan ta'an lubbuun akka jiran amanti.
Biyyoota jaarsummaan Israa'el fi Hamaas gidduu jiran keessaa kan taate Qataar waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhihaaterratti ''Israa'el irraa deebii eegaa akka jirtu,'' ibsiteetti.
''Amma dirqami gama Israa'elitti hafee jira. Wiixinee waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhihaateef deebii irraa eegaa jirra. Kanarra darbee yaadi biraa dhihaatu dantaa siyaasaa kan of keessaa qabudha,'' jedhan dubbi himaan Qataar Majiid al-Ansaarii.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu Kibxata darbe sa'atii 24 keessatti qofa namoonni nagaa 75 ajjeefamuu ibsee ture.
Israa'el karoora Gaazaa dhuunfachuu qabattee erga dhihaattee haleellaa cimsiteetti.
Karoora kana biyya keessaas akka addunyaattis mormiin mudateera.
Ministeerri Ittisaa Israa'el Hamaas hin hiikkatu taanaan magaalaan Gaazaa ni barbadoofti jechuun dhaadateera.













