Haleellaa Israa'eliin gaazexeessitoonni miidiyaalee idiladdunyaaf hojjatan shan Gaazaatti ajjeefaman

Gaazexeessitoota ajjeefaman keessaa tokko kan taate Maariyaam Daggaa

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessituu miidiyaa AP Gaazaa keessatti haleellaa Israa'eliin ajjeefamte

Haleellaa Israa'el Gaazaa Hospitaala Naasir jedhamu irratti gaggeessitoonni namoota 20 ajjeefaman keessaa shan gaazexeessitoota miidiyaalee idiladdunyaa achii gabaasan ta'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise.

Gaazexeessitoonni kunneen miidiyaalee idiladdunyaa: Rooyitars, AP, Al Jazeera fi Middle East Eye jedhamaniif gabaasaa turan jedhame.

Hojjattoonni waldhaansa fayyaa afuris kanneen haleellaa kanaan ajjeefaman keessatti akka argaman Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksise.

Haleellaa jalqaba gaggeeffameen kanneen miidhaman gargaaruf hojjattoonni lubbuu baraaran yeroo achitti argaman haleellaan lammataa gaggeeffamuun hojjattoota lubbuu baraaranis du'uutu himame.

Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu haleellaa kana "taatee dogogoraa mudachuu hin malle" jechuun humni waraanaa "qorannoo gadi fagoo gaggeessaa jira" jedhe.

Gaazexeessitoota shanan amma ajjeefaman dabalatee erga waraanni Gaazaa eegalee lakkoofsi gaazexeessitoota Gaazatti ajjeefamanii 200 gaheera.

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaf famu CPJn waraanni Gaazaa, waraana lubbuu gaazexeessitoota hedduu nyaate ta'uu ibse.

Viidiyoo halleellaa Wiixata, Hagayya 25, gaggeeffame agarsiisu irraa akka mul'atutti, haleellaa jalqabaatiin miidhaa qaqqabe agarsiisuf doktarri balbala hospitaalichaarra dhaabate wayyaa adii dhiigan faalame gaazexeessitootatti agarsiisaa ture.

Battalumatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamuun namoota baqataniifi foddaa caccabee harca'utu mul'ata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maddi oduu Rooyitars ogeessi kaameeraasaa Husaam al-Masrii jedhamu gaazexeessitoota shanan ajjeefaman keessaa tokko ta'uu ibse. Ogeessi kaameeraa kun hospitaala gubbaadhaa tamsaasa kallattiif waraabbiirra akka tureefi battaluma haleellan gaggeeffametti tamsaasichi adda cituu ibse Rooyitars.

Dabalataanis ogeessi suuraa kontiraatan Hateem Kaliid jedhamuufi Royitarsiif kontiraatan hojjatu haleellaa Israa'el kanaan miidhameera.

Haleellaa hojjatootasaarra gahetti gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsuun maalif haleellichi akka raawwate odeeffannoo dabalataa hatattamaan akka barbaadu beeksise Rooyitars.

Miidiyaan AP ammoo gaazexeessituun Maariyaam Daggaa jedhamtu akka jalaa ajjeefamte beekise.

Gaazexeessitoonni ajjeefaman biroo: Mohaammad Saalmaa kan Al Jazeeraa irraa, Ahmad Abu Aziiz Middle East Eye irraafi kan ogeessa suuraa kan ta'e Mo'aaz Abu Xahaadha.

Haleellaan Israa'el kanaan gaazexeessitoota ogeeyyii fayyaafi namoonni nagaan ajjeefamuun hawaasa idiladdunyaa dheekkamsiisera.

"Ajjeechaan suukaneessan amma gaggeeffame kun hojjattoonni meedikaalaafi gaazexeessitoonni waraana balaafamaa kana keessatti hojiisaanii yeroo hojjatan balaan akkamii akka isaan mudatu kan agarsiisudha," jedhan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez.

Dabaluunis qorannoon hatattamaafi haqa qabeessa ta'e akka gaggeeffamuufi dhukaasa dhaabuun nagaa waaraaf bu'uura ta'e akka taasifamus gaafatan.

Ministiirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamii ammoo haleellaa hamaa kanaan gaddi itti dhagamuu ibsan.

Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon haleellicha "waan fudhatama hin qabneedha" jechuun ibsan.

Torban lama duras bifuma wal-fakkaatuun haleellaa Israa'el gaggeessiteen gaazexeessitoonni jaha haleellaa Hospitaala al-Shiifaa irratti gaggeeffameen ajjeefamanii ture.