Obbo Getaachew Raddaa gorsaa MM Abiy ta'uun muudaman

Dhiyoo Pireezidantummaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayirraa kan ka'an Obbo Getaachew Reddaa sadarkaa Ministiraatti gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa ta'uun muudaman.

Waajirri Ministira Muummee ibsa gabaabaa fuula miidiyaalee hawaasa isaa gubbaa baaseen Obbo Getaacheew Sadarkaa Ministiraatti gorsaa Muummicha Ministeeraa dhimmoota Baha Afrikaa ta'uu ibseera.

Amma dura giti hojii yookiin aangoon kun jiraachuun hin beekamu.

Obbo Getaachew Reddaa waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigalte Piriitooriyaatiin goolabamuu booda waggaa lamaaf pireezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uun tajaajilaa turan.

Aangoo pirezidantummaa naannichaarraa ka'uu isaaniif sababni jalqabaa yeroon turtii bulchiinsa yeroo naannichaa raawwachuu dha.

Labsiin haaromee bulchiinsi yeroo yeroo dabalataa waggaa tokkoof akka itti fufu murtaahuu boda garuu sababni aangoorraa kaafamaniif muddama garee Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel waliin uumameedha.

Obbo Getaachew aangoo naannichaa gadhiisuu booda yaada BBCf kenanniin qondaalonni siyaasaafi waraanaa naannichaa dhiibbaa gochuu bira darbee shira xaxaa turuun sababa ijoo ta'uu kaasaniiru.

"Aangorraa ka'uu kiyyaaf sababa hedduutu jira, garuu sababni ijoon rakkoo dheebuu aangoo keessoo paartiichaa [TPLF) jiruudha," jedhan.

Obbo Getaachoo Raddaa yeroon aangoosaanii erga dhumee, kana booda siyaasaa keessaa bahuu danda'u kan jedhan jiru.

Obbo Getaachon turtii BBC waliin taasisaniin siyaasa akkuma salphaatti keessaa bahuu akka hin barbaanne ibsan.

"Gulantaa kamirrattuu haa ta'uu, siyaasa Tigraay keessatti inuman hirmaadha. Jireenya uummata Tigraayif waan gaarii fiduuf gumaachuu ittan fufa'' jedhan.

Obbo Getaachew dhufaatii Ministira Muummee Abiy dura Ministira Koominikshinii mootummaa Itoophiyaa turan.

Obbo Getaachoo Radaan eenyu?

Waraana Tigraay waggoota lamaaf gaggeeffame keessatti namoota maqaan adda dureen ka'u keessaa tokko Obbo Getaachoo Raddaati.

Yeroo waraanaa sana miidiyaalee idila-addunyaarratti yeroo heddu dhiyaachun yaada kennuun beekamu.

Paartii TPLF keessatti, mootummaa naannichaa akkasumas kan federaalaa keessatti gulantaawwan siyaasaa olaanoo keessatti tajaajilaniiru.

Miseensa koree giddu galeessaa TPLF, gargaaraa pirezidaantii naannichaafi dubbii himaa paartii TPLF ta'uun tajaajilaniiru.

Mootummaa federaalaa keeessatti ammoo biiroo Muummicha Ministeerafi Ministeera Dhimma Alaatti gorsaa olaanaa ta'anii tajaajilaniiru.

Minsitira Dhimmoota Komunikeeshinii mootummaas ta'uun alatti sadarkaa garaa garaatti tajaajilaniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneerraa seeraan digirii jalqabaa qabu, Ameerikaatti Yuunivarsiitii Alabaamaa irraa digrii lammaffaa fudhataniiru.

Yuunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa ta'uun tajaajilaa turan.

Marii araaraa mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa turerratti hirmaataa turan. TPLF bakka bu'uun kanneen hirmaataniifi waliigalticha mallatteessan keessayi.