Al Shabaab magaalota murteessoo mootummaa Somaaliyaarraa fudhachaa jiraachuun himame

Madda suuraa, Getty Images
Hidhattoonni Al Shabaab Somaaliyaa keessaa magaalotaa fi gandoota murteessoo qabachaa jiraachuun himame.
Hidhattoonni kunneen naannoo Hiiraan keessaa bakkeewan murteessoo fi barbaachisoo ta'an erga qabachuu jalqabanii torban tahuu BBC Afaan Somaalee gabaaseera.
Gareen hidhattootaa kunneen, magaalaa Mooqadishoo cinaatti kan argamtu, Anoolee ganda jedhamtuu fi naannoo Hiiraan keessaa ganda Birtaa Muudaanii fi Saabiid jedhaman qabachuu BBC'n odeeffateera.
Miidiyaan biyyicha keessaa Kaab jedhamu akka gabaasetti, hidhattoonni magaalota kanneen galuu himaniiru.
BBC Afaan Somaalee odeessa argateen, hidhattoonni kunneen torban tokko darban keessa gara gandoota adda addaatti babal'ataa jiru.
Magaalaa murteessa jedhamuu fi tibbana to'annoo Al Shabaab jalatti kufe keessaa Mokokoriin tokko.
Km300 Mooqadiishoorraa gara Kaabaatti fagaattee kan rgamtu magaalaan kun, hidhattoota AL-Shabaabiin hedduu barbaadamti.
Gara daangaa Itoophiyaatti dhiyaattee magaalaan argamtu Jilib bakka buufata Al Shabaab isa olaanaa jedhamuun beekama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Al-Shabaab teessoo isaa godhachuun magaala kana waggootaaf fayyadamaa tureera.
Magaalaa Jilib irraa ka'uun hanga magaalaa Mokokoriitti to'achuun kaayyoo Al-Shabaab jedhama. Sababni isaa ammoo Jilibii ka'uun Mokokorii galuun achiin ammoo teessoo Al-Shabaab guddoo biraadha kan jedhamtu Elbooritti fulla'uun socho'uu akka barbaadan maddeen BBC Afaan Somaalee irraa odeeffanneerra.
Magaalaan Elboor jedhamtu gidduugala Somaaliyaa keessatti argamti.
Magaalittiin waggootaaf to'annoo Al-Shabaab jalatti argamti.
Mootummaan Somaaliyaa Sheek Hasan Mohaammadiin durfamu duula guddaa hidhattoota kanneen irratti bananii ture.
Olaantummaas akka irratti argatan himamus, dhiyeenyuma magaalaa Mooqadishoo galuun haleellaa badanii balleessuus raawwachaa turaniiru.
Mootummaan Somaaliyaa hidhattoota kanneen loluuf Tarkii waliin waliigaltee waraanaa qaba.
Kaleessa Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Ahimed Mo'aaliim Fiiqii Tarkiitti imaluun dhimma deeggarsa kanaa irratti akka dubbatan BBC Afaan Somaalee irraa odeeffanneerra.
Mootummaan Somaaliyaa waggaa darbee jalqabee Tarkii waliin waliigaltee waraanaa kan mallatteesse yoo tahu, Tarkiin Somaaliyaa akka deeggartu ibsamaa ture.
Mootummaan Somaaliyaa waraana Al-Shabaab irratti bane kanaaf diroonii Tarkii Baayiraaktar barbaada.
Hidhattoota Al-Shabaab kan waraanan milishaa naannoo keessaati. Milishaan naannolee keessaa ammoo leenjii waraanaa guddaa fi loojistikii hidhattootaan gitu waan hin qabneef iddoowan tibbana hidhattoonni qabatan keessaa dursanii bahuu himameera.
Waggoota dheeraaf Itoophiyaan Somaaliyaa keessa buufachuun hidhattoota Al-Shabaab waraanaa turte.
Erga Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf Waliigaltee Wal Hubannoo Somaaliilaand waliin walii mallatteessitee as garuu Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa biyya isheetii akak bahan gaafachaa turte.
Gamtaa Afrikaa jalatti humna nagaa kabachiisaa keessatti loltoonni Itoophiyaa akka hin hammatamnes gaafattee ture.
Boodarra garuu Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa Tarkiin walitti dhiyaatanii wal mariyachuun mufannaa gidduusaanii ture furataniiru. Kana hordofees, loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiran akka turan waliigalameera.
Haatahu malee, Al-Shabaab Itoophiyaafis yaaddoo nageenya biyyaalessaati.












