Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababoota torba kirkira lafaa hamaa taasisan kenneen beektuu?
Balaa kirkira lafaa cimaa halkan wallakkeessa Dilbataa baha Afgaanistaan keessatti mudateen namoonni 800 ol du'uu fi kanneen gara 3,000 ta'an ammoo madaa'uu isaanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, dhaabbanni gargaarsa namoomaa beeksiseera.
Ji'oota duras Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa kaan keessattis kirkirri lafaa mudachuun dhagahameera.
Balaa kirkira lafaa kanaan bulchiinsa Chaayinaa Tibeet keessatti mudateen lubbuun namoota hedduu baduun gabaafameera.
Kirkirri lafaa Tibeet mudatees rektar iskeelii 7.1 yoo ta'u, haalli walfakkaataan kunis bara 2019tti bulchiinsa Ameerikaa Kaalifoorniyaa keessatti mudatee ture.
Haata'u malee, Ameerikaatti sababii kirkira lafaa mudateen namni du'ees ta'e miidhaan bu'uuraalee misoonaa cimaan mudate hin turre.
Dhimmoonni kirkirri lafaa balaa du'a namootaa fi badii qabeenyaarra qaqqabsiisuu danda'u murteessan ijoo torba mee waliin haa ilaallu.
1. Hanga kirkira lafaafi dheeriina yeroo
Kirkirri lafaa kan safaramuu Iskeelii Guddina Taatee (Magnitude Moment (Mw) Scale) jedhamama. Kunis meeshaa safartuu beekamaa ta'e Rektar iskeeliin kan bakka bu'edha.
Lakkoofsi kirkira lafaa irraa argamu kunis, kan fageenya hangam akka socho'ee fi humna kirkira lafaa sana sochoose walitti makamuun kan agarsiisudha.
Kirkirri lafaa yoo 2.5 fi isaan gadi ta'e, yeroo baay'ee namatti hin dhaga'amu, garuu meeshaaleen adda baafamuu danda'u. Kirkirri lafaa hanga 5 kan tibbana Affaar, Itoophiyaatti mudate ammoo namatti kan dhagahamu yoo ta'u, miidhaa xiqqaas qaqqabsiisuu danda'a.
Kirkirri lafaa Tibeet keessatti tibbana mudate 7.1 yoo ta'u, akka guddaatti kan ibsamudha. Akkasumas, kirkirri lafaa kibba Tarkii fi Sooriyaa keessatti bara darbe baatii Guraandhalaa keessa mudate 7.8 akkuma kana isa guddaatti ramadama.
Kirkirri lafaa 8 ol qaqqabee kamiyyuu "guddaa" jedhamee kan ramadamuufi miidhaa guddaa kan geessisu yoo ta'u, naannoo itti mudate guutummaatti balleessuu danda'a.
Cimina kirkira lafaa mudateen alattis yeroon tures ni ilaalama. Sababiinsaas ammuma tureen miidhaa qaqqabsiisa.
"Kirkirri lafaa xixiqqoo akkaataa idileetti sekondii muraasa qofa kan turu yoo ta'u, raafamni cimaan ammoo yoo kirkirri lafaa giddu-galeessaa hanga guddaatti muadate ammoo kan akka kirkira lafaa Sumaatraatti bara 2004 keessa mudateefi daqiiqaa muraasaaf turuu danda'udha," jedha Neetworkiin Paasifiik Norzweest Seemeetik.
2. Gadi fageenya kirkira lafaa
Kirkirri lafaa wayita mudatutti hanga lafaa haguuguu qofaa osoo hin taane, kutaan lafaa irraa ka'us hangam balaafamaa akka ta'u ni murteessa.
Kirkirri lafaa Morookootti mudatee ture jidduugalli kirkirri sun irraa ka'e kan lafarraa gadi fegeenya gara kilomeetira 18 qabu ture. Kunis olka'insa gaara Everest gara dachaa lamaa yoo ta'u, garuu ulaagaa ji'ooloojiitiin akka gadi fagootti hin ilaalamu.
Yunivarsiitii Poortismaawozitti ogeettii Volkaanoo fi ji'ooloojistii kan taa'ee, Dr Kaarmeen Solaanaa, "Kkirkirri lafaa kun baayyee gadi fagoo hin turre. Kana jechuunis, humniifi kirkirriisaa kutaa lafaa isa gubbaatiin jiruun hagugameera," jechuun BBC'tti himte.
Faallaa kanaatiin ammoo, kirkirri lafaa humna 6.2 qabu Fulbaanaa bara 2023 (Fulbaana 11)tti Indooneezhiyaa, Kaaba Malukuutti mudatee ture kan gadi fageenya kilomeetira 168 qabu ture. Haata'u malee, namni du'e tokkollee hin turre.
3. Yeroo kirkirri lafaa itti mudatu
Akkasumas, yeroo kirkirri lafaa itti mudaturratti hundaa'uun hangi balaa qaqqabsiisuus ni murtaa'a.
Doktar Solaanaan, kirkira lafaa Jidduugala Morookkootti mudatee ture kaasuudhaan, halkan keessaa sa'aatii namoonni rafanii jiranitti yoo mudate balaa cimaa qaqqabsiisuu danda'a jette.
Tibba kirkira lafaatti namoonni du'an baayyeensaanii sababii gamoowwan keessaa bahu hin dandeenyeetiin.
''Kanaaf, namoota kan ajjeessuu kirkira lafaa osoo hin taanee gamoo irratti jigudha'' kan jedhamuuf sababi kanaaf jetti Dr Solaanaan.
Kanaaf, guyyaa keessaa baayyinni lakkoofsa namootaa gamoo keessa jiran yoo hir'ate, baayyinni namoota miidhamanis ni hir'ata.
4. Ijaarsa gamoo
Manneen kirkira lafaa hamaa ta'e hunda dandamatan ijaaruun ni danda'ama. Kana gochuuf ammoo, gamoowwan hundi hanga danda'ametti kan kirkira dandamatan ta'u qabu.
Qorannoon Ameerikaa Ji'ooloojii Sarveey akka jedhutti, Jaappaan biyyoota kirkira lafaatiif saaxilaman keessaa dursarratti argamti. Gamoowwan kan ijaaramanis haala kirkirri lafaa yoo ka'e dandamachuu danda'aniinidha.
Barsiisaa fi injinarri Yunivarsitii Tookkiyoo, Juun Saatoo, ''gamoon tokko kan kirkira dandamatu yoo ta'e, hin jigu'' jedhu.
Bilookkeettiin gamoo akkasii ittiin ijaaramus kan furdina seentii meetira 30-50 qabudha.
Ijaarsi akkasii kun ammoo qaaliidha. Galteewwan ijaarsa akkasiis baasii olaanaa gaafata.
Kirkira lafaa Morookkootti mudateen baadiyaatti miidhaan qaqqabee irra caalaan manneen biyyoon ijaaramaniifi kirkira lafaa hin dandamanneen ture.
Gamoowwan dhedheeroofi namoonni baayyeen keessa jiraatanis balaa kirkira lafaatiif saaxilamoodha.
Fakkeenyaaf, Tarkiitti bara 2023tti namoonni gamoowwan sadarkaasaanii hin eegne keessa jiraatan gamoowwan jijjiganiin miidhamaniiru. Ulaagaa ijaarsa gamoowwan kirkira lafaa dandamatan hojiirra oolchuun cimaa ta'utu ibsama.
Kirkirri lafaa Tarkii cimaa ta'ulleen, osoo gamoowwan sirnaan ijaaraman ta'ee balaan qaqqabe ni hir'ata ture.
Yunivarsitii Kolleejjii Of Landanitti ogeessaa karoora yeroo balaa tasaa kan ta'an, Pirofessar Deeviid Aleeksaandar, ''Kirkirri lafaa cimaa ta'ulleen gamoowwan hin diigu ture. Garuu gamoowwan haala kirkira lafaa dandamataniin sababii hin ijaaramneef gamoowwan kumaatamaan lakkaa'aman kan jijjigan'' jedhu.
5. Baayyina ummataa
Adooleessa bara 2021tti Qarqara Galaana Alaaskaa kirkirri lafaa ciminaa 8.2 qabu mudateera.
Haata'u malee, kirkirri lafaa kun seenaa Ameerikaa keessatti isa guddaa torbaffaa jedhamee yaadamulleen garuu tasuma namni du'ees ta'e kan madaa'ee tokkoleen hin turre.
Sababni isaa maaliirre? Sababiinsaa bakki kirkirri lafaa kun itti mudate waan bakka uummataa baayyinaan keessa jiraaturraa fagaatee tureefiidha.
Akkasumas, kirkirri lafaa bara 2010tti Haayitii mudate kan maagnitiyudii 7.0 qabu ta'ulleen, balaa cimaafi namoonni du'an baayyee ture. Haaluma kanaanis namoonni du'an kuma 250 yoo ta'un, kanneen kuma 300 madaa'anii ture. Kana malees, namoonni miiliyoona 1.5 mana malee hafanii ture.
Kunis sababii magaalaa guddoo biyyattii Poort Awun Piriins keessa lafa iskuuweer kilomeetira irra namoonni kuma 27 jiraataniif, miidhaa olaanaan qaqqabuu danda'eera.
6. Gosa biyyoo
Akkuma dhimmoota kan biroo ciminni biyyoo naannichaa cimina kirkira lafaa ni murteessa.
Fakkeenyaaf, biyyoon bishaaniin laafe ykn lafatti kan gad maxxane yoo ta'e kirkira lafaa dandamachuu hin danda'u.
Naannoon biyyoo ta'e akka bishaanii dhangala'uu (liquefaction) uumuu danda'a.
Kunis yeroo meeshaan akka idileetti jajjaboo ta'e amala dhangala'aa qabaachuu jalqabudha. Kun ammoo badiisa kirkira lafaa kan akka kirkira lafaa Jaappaan keessatti bara 1964tti Niigaataa keessatti mudateefi badii olaanaa dabaluu sana uuma jechuudha.
Faallaa kanaatiin, kirkirri lafaa bara 2023 Tarkii keessatti mudate lubbuu namoota 50,000 ol kan galaafate yoo ta'u, garuu ammoo magaalaan Erziin, kan bakka balaa kanarraa gara kilomeetira 80 qofa fagaattu qabatamaan osoo hin miidhamin miliqxe.
Magaalattii keessaa namni du'ees ta'e gamoo tokkollee kan hin jigne yoo ta'u, magaalonni naannoo sana turan ammoo lafatti dabalamaniiru.
Ogeeyyiin ji'ooloojii akka jedhanitti, magaalaan Erziin dhagaa bu'uuraa eegumsaafi lafa jabaa ta'e irratti argamuun kan ishee baraare yoo ta'u, kunis dambalii raafama lafaa akka dandamatu dandeessiseera.
7. Qophii balaa tasaa
Balaan tasaa umamaa wayita mudatutti lubbuu namootaa baraaruun dhimma dursi keennamuufidha.
Manneen barnootaa Jaappaan keessatti yeroo balaan kirkira lafaa muudatutti maal gochuun akka barbaachisu ilaalchisuun waggaatti yeroo laman barattoota ni shaakkalchiisu.
Manasaanii ta'anis ykn manaan ala akkasumas osoo konkolaataa keessa jiranii kirkirri lafaa yoo mudate maal gochuu akka qaban ni shaakalu.
Akkasuma Taayiwaanis yaalii kirkira lafaatiif deebii kennuu ni taasiifti.
Biyyoota bal'inaan kirkirri lafaa hin mudannee keessaa ammoo shaakalli akksii kun hin taasifamu.
Deebii balaa tasaatiif kennamu keessatti hojjattoota balaa tasaa meeqatuu saffiisa yeroo hangamii keessatti qaqqaba kan jedhu murteessaadha.
Tarkiitti balaan wayita qaqqabetti namoonni guyyaa kudhaniin boodalleen jijjigaa gamoowwanii jalaa baafamaa turan.
Namoonni jijjigaadhaan ukkaafamaniifi miidhaman hanga guyyaa sanaa lubbuun turuu hin danda'an.
Yeroo bu'uuraalee misoomaa diriirsuufi haaroomsuuf fudhatamus akkasumas murteessaadha.
Naannoolee baadiyaa Morookoo keessatti sigigoon lafaa daandiiwwan kunneen, hojjattoonni balaa tasaa gara ollaawwan sana seenuu hin dandeenyee ture.
Kirkira lafaatiin wal qabatee jijjiguu gamoowwanii qofaas osoo hin taane du'a qaqqabsiisuu danda'a.
Eddoowwan dhiheenya bishaaniitti argamanitti ammoo dambaliin ni ka'a.
Dambaliin bubbee bara 2004 Eshiyaatti ka'ee ture kan humna (magnitude) kirkira lafaa 9.1 hordofee mudate ture. Biyyoota naannichaa hedduu keessatti namoonni gara kuma 230 du'anii ture.
Dambalii Galaana Indiyaa qaxxaamuruun namoota galaafateetu ka'ee ture.
Kirkirri lafaa bakkeewwan ol ka'oo ta'anitti sigigaachuu lafaa uumuu danda'a. Kanaanis manneen lafa jalatti awwaalamu.
Haala akkasiitiin bara 2015tti Neeppaal keessatti namoonni 9,000 du'aniiru. Naannichatti sababii kirkira lafaatiin sigigoo lafaa 3,000 ta'u mudachuusaa qorattoonni ni dubbatu.
Bara 1906tti ammoo kirkirri lafaa hamaan Saan Firaansiiskootti mudate sakondii 20-25 qofa ture.
Haata'u malee, dambalii uumameen ujummoon boba'aa fi bishaanii magaalattii miidheera. Kanaanis boba'aan yaa'e bakkeewwan hedduutti ibiddi itti qabachuun, hir'inni bishaanis ibiddicha dhaamsuuf danqaa ta'ee ture.
Kanaanis waliigalatti namoonni 3,000 ol lubbuusaanii dhabaniiru.