Riyaal Maadirid v Maanchister Siitii: Raajii kubba miilaa akkamiitu har'a uumamuuf jedha?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaa Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa caalaa morkiin Riyaal Maadirid waliin godhamu hangam akka ulfaataa ta'e namni hubatu hin jiru.
Imala Shaampiyoons Liigii Baarseloonaa, Baayern Munikii hanga Maanchister Siitii isa fide hundaa keessatti miiraa fi muuxannoo adda tahe horateera.
Kilaboota kanneen yeroo leenjisaa turetti Riyaal Maadirid waliin morkii xiiqii qabuufi obsa wal nama fixachiisu hedduu taasiseera.
Amma garuu Gaardiyoolaanis tahe taphattoonni isaa seenaa hin dagatamne tokko hojjechuu barbaadu. Carraa Riyaal Maadirid dirree isaanii Saantiyaagoo Bernaaboo irratti injifachuu %1 kennameteef garagalchuun seenaa adda tahe galmeessuun kaayyoo isaaniiti.
Kanaaf Gaardiyoolaan istaadiyeemii seena qabeessaa fi injifannoon dabaalame Saantiyaagoo Bernaaboo keessa morkataa fi hiriyyaa isaa Kaarloo Anchelootii waliin dhaabbatu.
Maanchister Siitiin tapha marsaa jalqabaan Itihaad irratti 3-2 mo'amee ture. Qabxii kana gargagalchinee darbuuf carraan nuuf kenname %1 qofa kan jedhan Gaardiyoolaan, yoo cimina Niwkaastil irratti agarsiifne daballeef ni mo'anna jedhe.
Inumaayyuu osoo akka taphachaa turre tahee sadarkaa tapha dabalataa kanaafuu hin saaxilamnu ture jedhe.
Gaardiyoolaan tapha har'aa qofa osoo hin taane Riyaal Maadirid waliin masaanummaa qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataa fi leenjisaa tahee yeroo Baarseloonaa keessa ture morkataan isaanii jabaanRiyaal Maadirid ture.
''Tapha sirrii fi dogogora hin qabne agarsiisuu qabna, sodaa malee jifachuu fi galchii lakkoofsisuun nurraa eegama.''
Maanchister Siitiin mo'amuu danda'a. Garuu jedhan Gaardiyoolaan taphattoonni keenya of tahuu qabu. Gahumsa guddaan taphachuu qabu. Injifacuuf kutannoo agarsiisuu qabu'' jedhan.
Gaardiyoolaan erga leenjisaa Maan Siitii tahee kileboonni lameen yeroo adda addaatti wal arganiiru.
Isa duraa Maanchester Siitii mo'ate. Bara 2020 yeroo Koroonaa keessa garuu hanga daqiiqaa 90tti turanii daqiiqaa muraasa keessatti Roodiriigoon galchii lama Beenzemaan tokko lakkoofsisuun waancaaf Liiverpuul waliin darban.
Ergasii bara 2023 yeroo Maanchester Siitii waancaa Shaampiyoons Liigii mo'atu, waliigalaan 5-1'niin Riyaal Maadiridiin mo'achuun ture.
Bara darbe ammoo Riyaal Maadirid waancaaf kan darbe rukuttaa peenaaliitiidhaan ture.
''Asitti yaadannoo adda addaan qaba. Kaan isaanii yaadannoo gaariidha, kaan isaanii ammoo gaarii miti.''
Istaadiyeemota akka Miilaan, Baarseloonaa fi Aanfiild yeroo deemtu balaarra jiraachuun kee beekamaadha. Garuu dhiibbaa sana xiqqeesitee ilaaluu qabda.''
Kaarloo Anchelootii ammoo dubbii Gaardiyoolaan nuyi darbuuf carraa 1% qofa qabna jedhu hin fudhanne.
Anchelootiin carraa 99% qabna jennee hin fudhannu jedhan. ''Carraa xiqqoodha qabna, isheemmoo fudhannee itti fayyadamuu qabna.''
Anchelootii fi Gaardiyoolaan Shaampiyoons Liigii keessatti yeroo kudhan walitti dhufaniiru. Yeroo saddet Gaardiyoolaan Maanchester Siitii, Anchelootiin ammoo Riyaal Maadirid osoo leenjisanii yoo tahu Anchelootiin yeroo lama mo'achuun lama qixa baheera.
Waliigalaan ammoo Anchelootiin yeroo shan Gaardiyoolaa mo'ateera.
Garuu taphoota Shaampiyoons Liigii Riyaal Maadirid marsaa jalqabaan mo'ate 40 keessaa 37 irratti tapha deebiinis mo'atee gara marsaa itti aanuutti darbeera.
Tokko qofa kufanii tokko ammoo kan har'a eegamu kanadha.
Haalaand Shaampiyoons Liigii keessatti taphoota 49 irratti galchii 48 lakkoofsiseera.
Yoo Beernaaboo irratti lakkoofsise taphataa yeroo jalqabaa umurii xiqqaan galchii Shaampiyoons Liigii 50 gahe taha. Haalaand ammallee umuriin isaa waggaa 24dha.
Yoo Maanchester Siitii mo'amee keessaa bahe taphattoota akka Keevin De Bruunee, Ikaay Gundohaanii fi Silvaa fa'aaf Maanchsiter Siitii keessatti isa xumuraa tahuufii mala.
Kiiliyaan Imbaappee, Viinishiyesii fi Haaland fa'aa morkii jabaa taasisu.
Riyaal Maadirid badhaasa Ballon d'OR Roodiriin mo'ate irraa hafuun warra Maanchister Siitii hedduu aarseera.
Viinishiyestu mo'achuu qaba jechuun. Deeggartoonni Maan Siitii deeggartootaa fi taphattoota Riyaal Maadiriditti qoosaa turan.
Har'a dabareen Bernaaboo irratti taha.












