Pirezidantii US'tti kophee darbachuu kiyyatti hin gaabbu - Gaazexeessaa Iraaq

Ibsa waa'ee viidiyoo, Pirezidantii US’tti kophee darbachuu kiyyaan ani hin gaabbu - Gaazexeessaa Iraaq
Pirezidantii US'tti kophee darbachuu kiyyatti hin gaabbu - Gaazexeessaa Iraaq

Gaazexeessaan Iraaq Muntazeer al-Zayidii erga kophee isaa Pirezidantii US Joorj W Buushitti darbatee booda beekamtii idil-addunyaa argate.

Taateen kuni yeroo Pirezidant Buush Bagdaaditti ibsa miidiyaaleef bara 2008’tti kennaa jiranii mudate.

Weerarri Ameerikaan durfame malaammaltummaafi hookkara uumeef aaree akka kana raawwate dubbate.

Ameerikaan bara 2003'tti ture meeshaa badii jumlaa geessisu qabdi jechuun himattee michoota ishee of duuba aansuun Iraaqiin kan weerarte.

Eega kophee darbate waggoota 15 booda gaabbii akka hin qabne, ammallee aarii akka qabu dubbate gaazexeessaan kuni.