Tiraampin baqachuu: Lammiilee US Kaanaadaatti koolugaltummaa gaafachaa jiran

Madda suuraa, Hannah Kreager
Lammii Ameerikaafi shamarree waggaa 22 kan taate Haannaa Kiriiger Pirezidantiin biyyattii Tiraamp gara aangootti erga dhufanii booda ji'ootaaf biyyashee gadi dhiistee bahuuf yaadaa turte.
''Hanga danda'ameen saffisaan achii bahuu qabda '' jechuun ofitti himte.
Aktivistoonnii fi dhaabbileen garagaraa 'Bulchiinsi Tiraamp jaalattoota saala walfakkaataaf rakkisaadha' jechuun yaada kaasuu erga eegalanii booda Haannaan tarkaanfiiwwan ofeeggannoo garagaraa fudhachuu eegalte.
Haaluma kanaan manneen fincaanii ummataa fayyadamuufi iddoowwan namoonni baay'een walitti qabaman deemuu dhiiste.
Yaaddoo mootummaan federaalaa yaala dargaggoonnifi ga'eessonni saala itti jijjiirratan dhorkuu danda'a jedhuun qorichoota hormonii saala jijjiiruuf faayidaarra oolanis baay'inaan bitatte.
Haata'u malee, dhimmi yaada US gadi dhiisuuf qabdu hatattamaan akka raawwatuuf sababa ta'eef oduu Tiraamp seera mootummaan federaalaa hookkara biyya keessaa tasgabbeessuuf raayyaa ittisaa bulchiinsotarratti akka bobbaasu heeyyamu (Insurrection Act of 1807) hojiirra oolchuuf yaada qabu jechuun tamsa'edha.
Haannaan yemmuu dhalattu dhiira jedhamuun kan galmoofte ta'us amma garuu dubartii akka taate himti. Haaluma kanaan maqaafi koorniyaa heeyyama konkolaachistummaasheerra jiru geeddarteerti.
Haa ta'u malee, maqaafi koorniyaanshee inni haaraan paaspoortiisheerratti hin galmoofne. Tiraamp ji'a Amajjii darbe aangoo erga qabatanii booda mootummaan "koorniyaawwan hinjijjiiramne" lama qafaaf (dhiira fi dubartii) beekamtii laachuu qaba jechuun labsuunsaanii ni yaadatama.
Kanaafis Haannaan hiriyootasheetti nagaa dhaammattee, meeshaawwanshee walitti qabdee deeggarsa maatiisheetiin gara qarqara daangaa Kaanaadaatti konkolaataan imaluun koolugaltummaa gaafatte.
Yeroo ammaa kanas Kaanaadaa Bulchiinsa Albartaa magaalaa Kaalgaarii keessa qubachuun bu'aa gaafii koolugaltummaashee eeggachaa jirti.

Madda suuraa, Stefani Reynolds/AFP via Getty Images
Bakka bu'aa Haannaa kan taate ogeessi seeraa Yamena Asari gama isheetiin, gaafiin koolugaltummaa Haannaa fudhatama yoo argate gaafilee walfakkaatoo gara fulduraatti dhiyaataniif ka'umsa murtoo ta'uu akka danda'u dubbatti.
Asari fi ogeeyyiin seeraa dhimma Immigireeshinii, lakkoofsi lammiilee US bifa Haannaa kanaan gara Kaanaadaatti baqachuuf fedhii qaban dabalaa jiraachuu himu.
Ragaan Boordii Immigireeshinii fi Baqattootaa Kaanaadaa akka agarsiisutti lakkoofsi lammiilee Ameerikaa ji'oota jahan bara 2025 keessa Kaanaadaatti gaafii koolugaltummaa dhiyeeffatan kan guutuu bara 2024 dhiyaate akka caalu agarsiisa.
Qormaatawwan gurguddaa
Haannaan barumsaa sadarkaa lammaffaa dhiyoo kan xummurtefi mana piizaa keessa hojjechaa kan turte ta'uusaatiin Viizaa Kaanaadaan namoota ogummaa cimaa qabaniif kennitu gaafachuun filannoo duraa ta'uufii hindanda'u.
Kanaafis filannoon qabdu koolugaltummaa gaafachuu qofa akka ta'e dubbatti.
Gama biraatiin "Koolugaltummaa gaafachuun yeroo baay'ee filannoo jalqabaa miti" kan jettu ogeessi seeraa Asarin, "adeemsi isaa yeroo dheeraa hanga waggaa lamaa fudhata.
Kana malees gaafichi fudhatama akka argatu gamanumaa mirkana ta'uun hindanda'amu" jetti.

Madda suuraa, Kathryn Hatashita Lee via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaanaadaa keessatti gaafiin koolugaltummaa fudhatama argachuuf namoonni sanyii, amantaa, lammummaa, garee hawaasummaa yookiin ilaalcha siyaasaa qabaniin dhiibbaan kan irratti taasifamu ta'uusaaf ragaa qabatamaa dhiyeeffachuu qabu. Kana malees biyya isaanii keessatti eegumsa argachuu kan hindandeenye ta'uu qabu.
Gama biraatiin Tiraamp qajeelfamoota lammiilee biyyattii kunneen koorniyaa isaanii jijjiiratanfi koorniyaa tokko keessatti of hinramadne ilaallatan heddu mallatteessaniiru.
Dhaabbanni US keessatti seerota namoota saala geeddarataniifi koorniyaa baay'ee qaban ilaalchisee bahan hordofuufi 'Trans Legislation Tracker' jedhamu, bara 2025 keessa seeronni faallaa namoota koorniyaa geeddaratanii ta'an 121 ragga'uu hima. Kana malees seeronni 981 immoo ragga'uuf adeemsarra akka jiran eera.
Bara 2024 keessa seeronni walfakkaatoo 88 kan ragga'an yemmuu ta'u, waggoota lama dura seerri akkanaa tokkollee hinraggaane ture.
Gama biraatiin Gamtaan Jaalattoota Saala Walfakkaataa 'Gay and Lesbian Alliance Against Defamation' (GLAAD) jedhamu Tirmaap aangoo erga qabatanii booda guyyoota jalqabaa 100 keessatti tarkaanfilee faallaa jaalattoota saala walfakkaataa 225 galmeessuusaa himeera.

Madda suuraa, Andrew Harnik/Getty Images
Sodaa nageenyaa qabatamaa
Gara bulchiinsota US jalattoota saala walfakkaataaf mijatoodha jedhaman deemuun jiraachuun yaaddoshee kan hir'isu akka hintaane kan himtu Haannaan, "bulchiinsi kamiyyuu amansiisaa miti" jetti.
Bulchiinsota akka Kaaliforniyaa fi Niwu Yoork keessattiyyuu tajaajilawwan federaalaa kan akka paaspoortii akka isheen barbaaddutti koorniyaa X jedhuun haaromsuun akka hin danda'amne himti.
Bakka buutuun seeraa Haannaa gama isheetiin dhimmi Haannaa cimaafi koolugaltoota Lixa Afrikaa fi biyyoota Arabaarraa dhufanin kan madaalu akka ta'e himti.
Haa ta'u malee, jijjiirama hawaasaafi siyaasaa US keessa jiru ilaalchisee Kaanaadaa keessatti hanqinni hubannoo jiraachuunfi ilaalchi farra baqattummaa guddachaa dhufuunsaa qormaatawwan ta'uu kaasti.
Qorannoon dhiyeenya kana adeemsifame lammiilee Kaanaadaa biratti yaaddoon dhimma lammiilee biyyoota biroo koolugaltummaa gaafatanii dabalaa jiraachuu agarsiisa.
Akka qorannoo kanaatti lammiileen Kaanaadaa %58, Kaanaadaan baqattoota hamma barbaadamuu ol simachaa jirti jechuun amanu. Kunis kan bara 2023 walin yeroo madaalamu dhibbeentaa 14'n caala.
Haa ta'u malee Boordiin Immigireeshiniifi Baqattootaa Kaanaadaa gaafii koolugaltummaa Haannaaf deebii gaarii akka laatu bakka buutuunshee Asari'n abdii godhatteerti.
Haannaan gama isheetiin guyyaa beellamaa dhimmishee itti ilaalamu eeggachaa kan jirtu yemmuu ta'u, hanga dhimmishee murtee argatutti Kaanaadaa keessatti barachuufi hojjechuuf heeyyama argatteerti. Amma miirri nageenyaa akka itti dhagahamus dubbatti.
Haa ta'u malee, filannoowwan itti aananirratti paartiin Dimokiraatotaa kongirasii US keessatti teessoo olaanaa argatu taanaan dandeettii Tiraamp seerota farra saala walfakkaataa dhiyeessuu dadhabsuun gaafiin koolugaltummaashee fudhatama dhabuu akka danda'u namoonni kaasan ni jiru.
Haa ta'u malee gaafiinshee akka fudhatamu abdiin eegaa kan jirtu Haannaan, "Yoo Kaanaadaan koolugaltummaa nadhoowwatte, haalli jiru fooyya'eera jechuudha" jechuun himteerti.















