Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haarii Keen: Dursaa garee biyyaalessaa fi kilabootaa waancaa nyaachuuf waggaa 15 eege
Gooliiwwan hedduu fi ga'umsa addaan baayyee kan jajame Haarii Keen garee biyyalessaa fi kilaboota keessa taphate waliin waancaa mo'achuu dhabuusaan qeeqamaa ture.
Dursaan taphattoota garee Ingilaand kun dhihoo kana akkas jechuun waa'ee qeeqamuusaarratti yaada kennee ture.
''Ergan kubbaa eegalee namoonni na jala deemanii waa'ee waancaa dhabuu koo qofa dubbatan hedduudha. Amma muraasa isaanii afaan qabachiisuu wayya.''
Haarii Keen kana kan dubbate wayita Baayer Muunik waancaa baranaa harkaan ga'achuu mirkaneeffachuutti dhihaatetti ture.
Keen taphi RB Leepzhig waliin taphatan wayita xumuramu deeggartoota waliin gammachuusaa waggootaaf eegaa ture qooddachuuf qarqara irra ga'ee ture.
Garuu kilabi lammaffaarra jiru Leverkusen guyyaa itti aanu waan taphatuuf sana eeguutu gammachuusaa hudhee qabe.
Barfatus garuu gammachuunsaa hin oolle. Leverkusen Freiburg waliin qixa ba'uun gammachuu Baayer Muunik fi Haarii Keen dhugoomseera.
Taphataan waahila isaa taphataa garee biyyaalessaa Ingilaand Eric Dier fi garee Baayer Muunik kaan waliin ta'uun tapha Leverkusen xiyyeeffannaan eegaa turan.
Wayita kilabichi qabxii qooddatee ba'u isaan ammoo shaampiyoonaa ta'uusaanii mirkaneeffachuun gammachuusaanii wayita ibsatan waraabanii gadhiisan.
Muuxannoon kubbaa miillaa Haarii Keen akka namoonni hedduun irraa eegan hin turre. Garee biyyaalessaa Ingilaand keessaa kanneen goolii hedduu galchan keessatti kan ramadamu Haarii Keen bara 2008 wayita Tootanhaam waancaa nyaatu inni taphataa umrii xiqqaa ture.
Bara 2010 kilabichaaf mallatteessee garee jalqabaatti makamee tapha eegale.
Keen ga'umsa isaa gabbifachuun taphataa Tootanhaam keessatti guddatee kilabichaaf guddoo gumaache ta'uun seenaa keessatti maqaansaa beekame.
Kilabichaaf taphoota 435 irratti goolii 280 galchuun taphataa gita hin qabne ta'eera.
Taphoota Piriimer Liigii Ingilaand irratti ammoo goolii 213 lakkoofsisuun taphataa gameessa goolii 260n tokkoffaarra jiru Alaan Shiiraritti aanee lammaffaa qabateera.
Goolii hanga kana qabaatee, taphataa collee jedhamuun yeroo sadi kophee worqee badhaafamee waancaa garuu hin nyaatin yoona ga'e.
Xiinxaltoonni kubbaa miillaa akkasumas taphattoonni gameeyyiin duraanii taphataan kun yoo Tootanhaam keessaa ba'e carraa waancaa injifachuu argata jechaa turan.
Haarii Keen mataansaa yaada akkasii qaba ture, ammoo milkaa'es.
Hagayya 2023 yuuroo miiliyoona 100n Baayer Muunik kan seene Haarii Keen, kilabni osoo inni seene dura walitti aansuun waancaa 11 injifate inni achi seennaan waancaa dhabe.
Taphataan kun abaarsa qabaa? gaaffii namoonni hedduun gaafatan ture.
Bara Keen Baayer Muunik seene sana kilabichi sadaffaan xumure, erga bara 2011 as akkas ta'ee hin beeku.
Waancaa kan injifate ammoo Leverkusen ture.
Haarii Keen Baayer Muunik kilaba ga'umsa waancaa injifachuurra jirudha jedhee garas imale.
Dhuguma kilabichi isa dura waggoota 11f walitti aansee waancaa nyaateera. Bara inni achi seene garuu waancaa tokkollee hin arganne.
Haarii Keen dhuunfaadhaanis akka gareettis gumaachi isaa olaanaa ture. Garuu waancaatu irraa fagaate. Yeroo ja'a waancaa bira ga'ee dhabeera.
Sadi Tootanhaam waliin, lama Ingilaand waliin, tokko Muunik waliin.
Waancaan jalqabaa Keen kun Baayer Muunikiif 34ffaadha. Taphataan kun Ingilaand kun gareen Viinsent Kompanii waancaa kana akka injifatuuf ga'een gumaache salphaa miti.
''Taphataa gameessa yoo garee keessaa qabaatte si fayyada. Keessattuu taphataa gameessa akka ijoollee ol adeemootti taphatu,'' jechuun jaje dursaan duraanii taphattoota Maanchistar Siitii fi garee biyyaalessaa Beeljiyeem kun.
''Faallaa isaa ta'ee taphadhee beeka. Umuriisaa kanatti ammallee nama cimaadha. Ga'umsa ajaayibaarra jira,'' jedhe Kompaniin.
Haarii Keen liigicha keessatti bara kana taphataa goolii olaanaa lakkoofsisedha- goolii 24. Dorgommii hundarratti ammoo goolii 36 kilabichaaf galcheera.
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti goolii 11 lakkoofsise.
ARD Radio irratti taphoota irratti yaada kennuun kan beekamu Toofiq Kaliil kanaan dura Haarii Keenirra waancaan fagaachuurratti namoota gaaffii fi qeeqa kaasaa turan keessaati.
Amma garuu kanaan booda waancaan faana taphataa kanaa akka deemu dubbate.
Kanaan booda xiyyeeffannaan Baayer Muunik dorgommii Fifa Club World Cup US keessatti gaggeeffamu irratti ta'uu qaba jedhe.
''Baayer Muunik battala dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessaa ba'erraa eegalee waa'ee Club World Cup dubbachuu eegale. Kunis waancaa maqaa guddaa qabudha. Kanarraa maallaqa hedduu argachuu danda'u.''
Dorgommiin kun egeree Haarii Keen keessatti qooda olaanaa qabaata.
Ammoo Muunik taphataa hunda galeessa akkaan qaalii ta'e Florian Wirtz Leverkusen irraa fiduuf jedha, kunis egeree Haarii Keen murteessa.
Haarii Keen Baayer Muunik keessatti baayyee jaallatama. ''Namuu akka inni turu fedha,'' jedhe Kaliil.
Kontiraati taphataan kun Muunik waliin qabu hanga bara 2027 tura.
''Gaaffiin guddaan dhuguma taphattoonni Jarmanii colleen fuulduratti ba'anii qarqara irra taphatan, Florian Wirtz fi Jamaal Musiyaalaa, jifataa gidduu qaliin qindoomina uumuun taphatuudha. Kilabichi marsaa itti aanu meeqa kaffalee Keen tursiifata? kan jedhus gaafii biraadha,'' jedha Khaliil.
''Akkan yaadutti kun wallaalummaadha. Florian Wirtz fiduuf madda maallaqaa biraa barbaaduu qabu. Haarii Keen bara itti aanu arguu qabna.''