Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Niisaan hojjettootasaa heddu hojiirraa ari'uun warshaalee torba cufuu beeksise
Warshaan oomisha konkolaataa Jaappaan Niisaan hojjettoota isaa biyyoota adda addaa keessa jiran 11,000 ol hojii irraa ari'uu fi warshaaleesaa torba cufuuf karoorfachuu beeksise.
Kunis sababa konkolaattoonni Chaayinaa gatii gadaanaa gabaa addunyaa dhuunfatanii fi warshaaleen oomisha konkolaattotaa biroo kisaaraa hedduu galmeessuu isaarraa kan ka'e akka ta'e himameera.
Gurgurtaan dhaabbatichaa gabaa gurgudaa lamaan Chaayinaa fi Ameerikaa keessatti hir'inni guddaa waan agarsiiseef galii dhabbatichaa irratti dhiibbaa guddaa fideera.
Karoorri walitti makamuu Hoondaa fi Mitsubishi baatii Guraandhalaa keessa yaadamee ture kufeera.
Dhabbatichi waggaa darbe keessa baayyina hojjattoota isaa hir'isuuf beeksise kan gara kuma 20tti tilmaamaamu yoo ta'u, kunis humna hojjettoota isaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 15 kan ta'uudha.
Warshaaleen hojjattoonni irraa hir'ifaman kamfaa akka ta'aniifi miidhaani hangamii akka irra gahu hin ibsamne.
Niisaan addunyaa guutuutti namoota 133,000 ol kan mindeessee hojjachiisaa jira.
Hojii gaggeessaan olaanaa Niisaan Ivaan Espinosa akka ibsanitti, hojiiwwan hojjattoonni marsaa kanaaf irraa hir'ifaman keessaa harka sadii keessaa lama kan oomishaa yoo ta'u, kanneen hafan ammoo gitoota hojii gurgurtaa, hoggansa, qorannoofi hojjettoota kontiraataa yeroo akka ta'an ibsaniiru.
Hir'inni yeroo dhiyoo kun kan dhufe erga Niisaan Sadaasa keessa hojjataa hir'isuu akka akka qaama baasii hir'isuufi oomisha isaa addunyaa dhibbeentaa 20 hir'isuu danda'a jechuun beeksiseae boodadha.
Ji'a Gurraandhalaa keessa mariin Niisaanii fi morkataa isaa guddicha Hoondaa gidduutti taasifame erga dhaabbileen kunneen wal ta'iinsa doolaara biliyoona hedduutti tilmaamamu irratti walii galuu dhabuu isaaniitiin addaan citee ture.
Dhaabbileen lamaan kun karoora dorgommii dhaabbilee biroo keessumaa gabaa Chaayinaa keessatti dabalaa dhufe irratti wal tumsuuf walitti makamuuf karoorfatan.
Walitti makamuun kun dhaabbata konkolaataa guddaa tilmaamaan doolaara biiliyoona 60'tti tilmaamamu uumuun, gurgurtaa konkolaataatiin addunyaa irratti Toyota, Volkswagen fi Hoondaa booda sadarkaa 4ffaa taasiseera.
Niisaanis waggaatti kasaaraa Yeen biiliyoona 670 (Doolaara biiliyoona 4.5) akka kaffaluu ibseera.
Erga pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa kaa'anii booda dhaabbata duraanuu kisaaraa keessa jiru kana irratti dhiibbaa dabalataa taasise.
Oomishtoonni konkolaataa gurguddoon kun ''qaraxa Ameerikaa jijjiiramaa ta'uu isaatiin'' tilmaama galii bara dhufuuf hin kennine.
Niisaan invastimantii hir'isuuf tattaaffii taasisaa jiruun Jaappaan keessatti warshaa baatirii fi konkolaattota elektirikii hojjachuuf karoorfachuu isaa torban darbe beeksiseera.
Dhaabbatichi gabaa ijoo kan akka Chaayinaa keessatti rakkoon mudateera, dorgommiin dabaluu isaatiin gatiin akka gadi bu'u taasiseera jedhe.
Chaayinaa keessatti dhaabbileen konkolaataa biyya alaa hedduun dhaabbilee biyya keessaa kanneen akka BYD waliin dorgomuuf rakkataniiru.
Chaayinaan konkolaattota elektirikii addunyaa irratti oomishtuun sadarkaa tokkoffaa kan qabatte jirti.
Ameerikaatti gabaan Niisaaniif murteessaa ta'e sababa qaala'iinsi jireenyaa fi dhala dabaluun gurgurtaan konkolaataa haaraa akka gadi bu'u taasiseera.