Seerri haaraa miidiyaa hawaasaa Awustraaliyaa ugguruf bahe daa'immaniif balaa qaba -Yuutuubiin

Yuutuubii

Madda suuraa, Getty Images

Seerri jarjaraan mootummaan Awustaaliyaa dargaggoota Yuutuubiirraa ugguruuf baase dirreen Yuutuubii ijoolleef balaafamaa akka ta'u kan mijeessudha, to'annoo jabaa maatiin ijoolleesaarratti duraan qabaachaa tures kan laaffisu jedha Dhaabbatichi.

Mudde 10 irraa kaasee wayita uggurri miidiyaa hawaasaa ijoollee umrii 16 gadiirratti raawwachuu eegalu maatiin dandeettii to'annoo qabiyyee yuutuubii ijoolee ofii asiin dura qabu [qabiyyee adda baasuu fi chaanaaliiwwan ugguruu] dhabaa deema.

Daa'imman ammas akkaawontii malee viidiyoo daawwachuu ni danda'u.

Ministeerri kominikeeshinii Anikaa Weels kun "waan takkaa mul'atee hin beekne" dha. Yuutuubiin dirree isaa ijoolleef daran balaafamaa gochaa jira jechuun deebii kennan.

Yuutuubiin bakka nagaa akka hin taane nutti himaa jira yoo ta'e… sun rakkoo Yuutuubiin sirreessuu qabu dha" jette Weels.

Ibsi Dhaabbata Yuutuubii kun kan dhagahame qaamni interneetii to'atu aappiiwwan lama ilaallatan kan seerri uggurrii miidiyaa hawaasaa kun bahuu dura ijoolleen akka malee fayyadaman hordofuu eegallaani.

Yeroo dhiyoo aappiiwwan Lemon8 fi Yope jedhaman kan viidiyoo fi suuraa walii qooduuf dhimma itti bahaman buufachuun biyyattii keessatti dabaleera. Kana hordofee komishinarri nageenya interneetii Juulii Iinmaan Graant Dhaabbilee aappiiwwan kanneenii seerri uggura miidiyaa hawaasaaa haaraan isaan ilaallachuu fi dhiisuu akka ilaallatan hubachiisan.

Mootummaan Awustraaliyaa heyyama addaa Yuutuubii Adoolessa keessa haqee ture. Komishinarri nageenya Interneetii daa'imman waggaa 10-15 jidduutii hanga namoota dulloomanii dirree itti qabiyyeewwan hamoo itti daawwatani dha jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Roobii darbe Yuutuubiin seeraa baheef nan bitama, garuu seerri haaraan bahe dadhabbii waggoota kudhanii olii itti dhama'aa turre jechuunis, "eegumsa jabaa fi to'annoo amansiisaa maatiin akkaawontii Yuutuubii ijoollee isaarratti akka qabaatu dandeessisu" kan busheesse jedhe.

"Hundaa ol seerri kun waadaa daa'imman turtii oonlaayinii naga-qabeessa akka qabaatan kaawame hin dhugoomsu. Faallaa kanaa immoo dirreen Yuutuubii daa'imman Awustraaliyaaf balaafamaa akka ta'u godha" jette maanaajarri olaantuun imaammata uummataa Google fi Youtube Awustraaliyaa Raacheel Loord yaaddoo maatiiwwanii fi barsiisonni qaban eerun.

Seera ugguraa 'Umrii gad aanaa Miidiyaa Hawaasaa' jedhamu kana "uggura jarjaraan bahe kana seera dirree Yuutuubii keenyaa fi akkaataa ijoolleen Awustraaliyaa itti fayyadaman hin hubanne" jetteen.

Mudde 10 irraa kaasee Awustiraaliyaa keessatti namni umriinsaa ganna 16 gadii kamuu akkaawontii Yuutuubii isaarraa ni baafama. Kana jechuun qabiyyee kamuu itti fe'uu, yaada barreessuu hin danda'u jechuu dha. Yuutuubiin daa'immanii garuu hin ugguramu.

Dabalataanis, yaadachiisni akka yeroo boqonnaa, yeroo hirribaa fa'i asiin dura Yuutuubiin akkaawontii ijoolleef qopheesse amma hin jiraatu. Ijoolleen akkaawontii qabaachuu waan hin dandeenyef.

Aadde Loord akka jettutti seerri kun yoo qophaawu " marii gahaa fi amala wal xaxaa waytaawaa to'annoo nageenya oonlaayinii ilaalcha keessa hin galchuu hin heeyyamne." jetti

Kaampaanii Haadhoon Yuutuubii, Guugl, uggura haaraa kana gama seeraa mormuutti seenuun isaa gabaafame. Guugl gaafatamee BBC'dhaaf yaada hin kennine.

Weels, haasawa ishee guyyaa Roobiitiin, rakkina himachuun guyyoota fi torbaanota jalqabaatti waanuma eegamu dha jette. "Seerri, jijjiiramni aadaa yeroo waan fudhatu dha. Obsas gaafata" jette.

Weels ijoolleen waggaa 15 gadii (Jenereeshin Alfaa) - yeroo silkii ismaartii argatanii fi akkaawontii miidiyaa hawaasaa banatanii araada interneetiif saaxilaman.

Dhaloota asiin duraa keessatti arrabsoo fi qabiyyee hamoon muraasa ture jetti. Teknolojii haaraa si'anaa keessatti ijoolleen carraa walitti fufaa qabu. Algoorizimii fi yaadachiisawwan xiyyeeffannoo isaanii sa'aatiiwwaniif guyyaa guyyaan hatu qabu.

"Seera tokkoon, algoorizimiin dhaloota nyaattu tana Jenereeshinii Alfaarraa eeguu dandeenya."

Kaampaaniiwwan teknolojii gabaasa idilee ji'a jaha jahaan akkaawontiiwwan ijoollee waggaa 16 gadii meeqa akka qaban ni dhiyeessu" jette.

Uggura kana jalatti, kaampaaniiwwan teknolojii yoo seera uggurrii kanaaf bitamuu didan, dolaara 33 adabamu.

Akkaawontiiwwan tajaajila dhaabsisuu, haaraan akka hin banamne dhorkuu, akkasumas hojii isaanii kamuu naannawa kanaa fageessuu

Miidiyaaleen uggurri kun isaan ilaallatu Feesbuukii, Instaagiraamii, Tiktookii, Snaapshaat, X, Tiwiich, Triids, Reediit fi Kiik dha.