Ijoolleen miidiyaa hawaasaa haala hamaa ta'een fayyadamuun garmalee dabalaa jira -Qorannoo

Shamarree mobaayilii ishee ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon guddaan idil-addunyaa tokko akka agarsiisutti, erga weerara Koronaavaayiraiin mudateen booda itti fayyadamni miidiyaa hawaasaa "rakkoo qaba" jedheen dargaggoota biratti haalaan dabalaa dhufeera.

Qorattoonni biyyoota 44 keessatti daa’imman umuriinsaanii waggaa 11, 13 fi 15 ta’an gara kuma 280 irratti erga gaggeeffameen booda yaada waliigalaa kanarra ga’an.

Qorannoon Amala Fayyaa Daa'imman Umurii Mana Barumsaa Keessatti (HBSC) kun akka agarsiisutti, giddu galeessaan, namoota deebii kennan keessaa %11 bara 2022tti karaa rakkoo qabuun miidiyaa hawaasaa irratti bobba'aniiru - bara 2018tti %7 ture.

Qorannichaan akka mul'ateetti, Ingiliiz, Iskotilaandii fi Weelsi baayyina jidduugalaan ol ta'e galmaa'eera.

Barreessitoonni gabaasa kanaa argannoon kun, ''dhiibbaa teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa sammuu fi nageenya dargaggoota Awurooppaa irratti qabu ilaalchisee yaaddoo hatattamaa kaase,'' jedhu.

''Teknolojii dijitaal Awurooppaatti Bu'aa qoranichaarratti hundaa'un ''fayyadama marsariitii fayya qabeessa beeksiisuuf'' tarkaanfii dabalataatu barbaachisa jedhan.

"Itti fayyadamni rakkoo qabu daa'imman waggaa 13 biratti baay'inaan mul'ata. Ijoollee dhiiraa caalaa shamarran itti fayyadama miidiyaa hawaasaa rakkoo qabu gabaasuuf carraan isaanii guddaadha," jedhan qindeessaan qorannoo idil-addunyaa fi waahilli Yunivarsitii Gilaasgoow, Dr Joo Inchley.

Dargaggoonni yeroo hangamii akka marsariitii irratti dabarsan qorannichaan ibsamu dubbattan.

''Qorannicha keessattis dargaggoota umurii dardarummaa keessatti argaman keessaa harka sadii keessaa tokko kan caalan hiriyootasaaniifi kaan waliin walitti dhufeenya intarneetii walitti fufiinsa qabu gochusaanii gabaasa godhan'' jedha.

“Kana jechunis guyyaa guutuu hiriyoota saaniif kaan waliin interneetiin wal qunnamu jechuun ni danda'ama.''

Kana malees, dargaggoonni kunneen yeroon isaan intarneetii irratti dabarsan hundi miidhaa qaba jechuun hin danda'amu jedha gabaasichi.

Gama biraatiin, guddattoonni miidiyaa hawaasaa baayyee fayyadamanii garuu miidhaa omaatu hin qabaannee, deeggarsa hiriyoota saanii irraa argataniin alatti walitti dhufeenya hawaasummaa saanii cimfachu ibseera.

Nageenyummaa ijoollee attanii tiksina?

Akka qorannichaatti, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa ''rakkoo qaban'' muraasni, mallatooleen haala araadaan wal fakkaatu akka irratti mulatu ibsa. Isaanis:

  • Miidiyaalee hawaasaa irratti yeroosaanii dabarsuuf jecha hojiisaanii kaaniif xiyyeeffannaa hin kennan.
  • Waa'ee fayyadamasaa irra deddebiin mormii kaasuu,
  • Waa'ee yeroo miidiyaa hawaasaa irratti dabarsanii sobuu
  • Haala fayyadama miidiyaa hawaasaa to'achuu dadhabuufi amala of qoolleessuu.

“Tapha geemii rakkoo qabu'' ilaalletuun ammoo dubartoonni ijoollee dhiiraa caalaa ni ilaalu jechuun yaadoo kaa'eera.

Isaan keessaayis kanneen harka 15 ta'an Ingiliiziitti kan argamaniidha. Kunis biyyoota qorannoon keessatti gaggeeffame keessaa Ingilizii sadarkaa lammaaffaarra teesiseera.

Dhiiroonni guyyaa guyyaadhaan geemii taphatan jidduugalaan harka 46 yoo ta'an, kunis Ingilizii keessatti %52 fi Iskootilaandiitti %57 gaheera.

Dhiiroonni umuriinsaanii waggaa 13 Ingilizi keessatti sa'aatii dheeraaf geemii taphachuudhaan lakkoofsa olaanaa qabataniiru. Dhiiroonni kanneen keessaa %45 kan ta'an ammoo guyyaa geemii itti taphaniitti yoo xinnaate sa'aatii afuriif akka taphatan beekameera.

Dhiibbaa gaariifi badaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannichi kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti damee Awurooppaatiin maxxanfameedha.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daareektara Awurooppaa kan ta'an Doktar Haans Heenirii Pii Kilushaa akka jedhaniitti, miidiyaan hawaasaa dargaggoota irratti bu'aalee dhiibbaa gaariifi badaa akka irraan gahu bu'aan qoranichaa ifa taasiseera jedhan.

Dargaggoonni haala fayyadama intarneetii irratti akka adeemsa fayya qabeessa qabaatan gochuuf ''barnoonni fayyadama dijitaalii'' olaanaan ni barbaachisa kan jedhan daarektarichi, mootummoonni, oggeessoonni fayyaa, barsiiftoonnii fi maatiin gaheesaanii bahachu qabu jedhan.

''Akka gara mukaa'uu, dhiphinaa fi bu'aa barnootaa dadhabaatti hin geessineef dargaggoonni akka adeemsa fayyadama miidiyaa hawaasaa isaanii jijjiraniif gargaaruuf tarkaanfii atattamaafi walitti fufaan akka barbaachisu ifaadha'' jechuun dubbatan.

Dhaabbata wallaansa Saayikaatirii, Saayikooloojiifi Niiwuriisaayinsiitti pirofesara Istaastikiisi kan ta'an Been Kaartar gamasaanitiin, gabaasichi ''odeeffannoo bu'a qabeessaadha'' jechuun ibsan.

Haalli odeeffannoo itti walitti qabamu rakkiisaa ta'u kaasuun, ''miidiyaan hawaasaa rakkoo qabu'' maaliidha hiikaa jedhu irratti waliigaluun rakkiisaa ta'u kaasan. Ta'us qorannichi ''akka odeeffannootti bu'aa sirrii'' qabaata jedhan.