Sirboota 'Warra Boolee' hanga 'Afrikaa' jedhuun kan beekamu Sonaa Taakkalaa eenyu?

Weellisaa Sonaa Taakkalaa

Madda suuraa, Sonaa Taakkalaa

Sirbi isaa 'Warra Boolee' jedhu waggaa tokko keessatti miiliyoona 30 ol ilaalamuun sirboota Afaan oromoo keessaa jalqaba irra jira.

Dhiyeenya ammoo akkas jedhe;

Dhalootaan hundeen Kuush....

Mootota Nuubiyaanii

Galma Siidaa Aksuum

Warra Qarooma durii....jedhee weellise.

Daabee isaa facaasuun kan weellisu, faashinii adda taheen dubbii ijoo kan tahe, Galaanni Diimaa kan hortee Kuush jechuun dhiyeenya kan sirbe Sonaa Taakkalaa waggoota dhihoon as jaalatamummaa guddaa horateera.

Duras sirboota biraa hojjeteera. Garuu 'Warra Boolee' jechuun yeroo weellisu miliyonotaan jaalatameera. Kan qeeqanis jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sonaa Takkalaa erga Warra Boolee baaseen as ammoo dhiyeenya sirba 'Afrikaa' jedhu weellise. Innis ji'oota muraasa keessatti gara miliyoona afuriin You Tube irratti ilaalameera.

Sonaa Taakkalaa walaloo sirboota kanneenii ofumaa akka barreesse BBCtti hime.

Sirba kana keessatti waa'ee Galaanaa Diimaa kaasaa. Siyaasa ammaa waliin wal qabatamoo maaliif gaaffii jedhuuf, Sonaa Taakkalaa erga sirbicha barreessuu jalqabee bubbuluu hime.

''Galaana Diimaa kana irra marsuun kan qubatee ture uummata Kuush. Masirii, Somaaliyaa haga Jibuutii yoo ilaalte uummanni Kuush bal'inaan keessa qubatee ture.

Qaroomina Meero'ee Sudaan keessa jiru dabalatee gahee guddaa qabu ture'' kan jedhu Sonaan uummatichi Itoophiyaa keessa qofa miti kan jiraatu jedhe.

''Hortee Kuushii fi Galaanaa Diimaa adda baastee ilaaluun ni ulfaata.

Sirbicha keessatti: Ilmaa Abbaa Caalii.... Yaa Guddinaa

Guddinaa yaa Gudinaa... Seenaa guddaa qabna ....duruu Afrikaa bulchinaa.. jedha.

Sonaan horteen Kuush qaroomina addunyaaf gumaacha guddaa waan qabuuf sirbe malee siyaasa ammaa waliin wal fakkeessuuf yaadee miti jedhe.

Dhalootaan hundeen kuush

Mootota Nuubiyaanii

Galma Siidaa Aksuum

Warra Qarooma durii.....jedha. Qarooma durii kanneen keessatti gaheen hortee Kuush olaanaa tahuu agarsiisuufi.

Sirbikoo siyaasa ammaa haa fakkaatu malee hortee Kuush Galaana Diimaa irraa waan adda baasu hin jiru. Duriyyuu qarqara Galaana Diimaa qubatanii ture jedhee amana.

Afrikaa Warra Kuushii

Qarqara laga Naayilii

Mootota Warra Nuubiyaa

Maddikee laga Mormorii

Kan bulchuu warra Abbaa biyyaa.... jedhee weellise. As keessatti maddi uummata Oromoo laga Mormor jechuu osoo hin taane maddi laga Naayil, Mormor ykn Abbayya jechuudha jedhe.

Uummanni Nuubiyaa ykn Kuush fa'aa laga Naayilii kana irra qubatanii jiru. Kun haga Masiriittiyyuu deema. Kanaaf hidhata kan qabu uummanni kun amma qofa osoo hin taane seenaama durii irraa jalqabeeti jedhe.

Ammallee yoo ilaalte uummata Somaalee kan uummata Kuush keessaa tokko tahe dabalatee hanga Keeniyaatti naannoo Garba Hindii qubatanii jiraatan uummatuma Kuush kanatu baay'ata jedhe.

Sonaa Taakkalaa sirba isaa kana keessatti waa'ee sarara baaburaa Jibuutii Dirree Dhawaas ni kaasa.

As keessatti seenaa Dirree Dhawaa himeera. Tarii baaburaan galaana Diimaatti bahuu fedhee? Tokko tokko walaloon sirna kanaa waliin hin deemu jechuun qeequ.

Been Dirree galla Jibuutii

Galla Jibuutii..... galla Jibuutii....

Waliigallee shambaa rambaa jenna malee

Nuyi silas jibba hin beeknu jaalala malee...,

Dirree Dhawaa jedhi malee.... jedhi malee.... jedhe weellise.

Maal gaafattu! Uummanni Dirree jaalalaan akka beekamu wal nama hin gaafachiisu.

Baaburaan basha'uun ammoo durii jalqabee waan ittiin beekaman. Jibuutii gahanii qe'eetti deebi'uun jiruu isaanii guyyuuti.

Sonaan seenaa Dirree Dhawaa himuus barbaadee akka tahe hima.

Dur nama Dhawaa Elemoo Muudee jedhamuun beekamatu laficharra jiraata ture jedhe.

Dirricha irra horii isaa bobbaafata ture. Maqaan magaalichaas achuma irraa dhufuu hime.

Kanumaafi; Dhawaa jedhi malee jedhii malee

Elemoo Muudee.... Yaa biyya Dhawaa, Elemoo Muudee kan jedhu walalicha kessatti kan eerameef seenaa kana himuuf jedhe.

Sonaanq eeqa irratti ka'eef walaloon sirba kanaa wal qabatee deema. Dura guddummaa saba kanaa himeen gara seenaa kanaatti ammoo dhufe jedha.

Galaana Diimaa, Aduwaa, uummata Kuush waliigalaa jlqaba himuufan yaale. Guddumaa Kuush himuuf jedheeni sirbichas kanan sirbe jedhe.

''Bilisummaa gurraachotaa nutu fide kan jedhe himuufani. Abbaan biyyaa biyya kanaa warra Kuush isaan keessaa uummata Oromoo tahu ibsuufan weellise'' jedhe.

Icciitii milkaa'ina 'Warra Boolee' fi hojii aartii isaa

Sonaa Takkalaa sirba Warra Boolee jedhu yeroo baase baay'ee jaallatameera. Haga ammaa miliyoona 30 oliin waggaa tokko keessatti ilaalameera.

Dhiyeenya sirbi Afaan Oromoo You Tube irratti waggaa tokko keessatti miliyoona haga kanaan ilaalame hin jiru.

Sonaan waan onnee namaa keessa jiru waanan weellisee fi seenaa dhugaa uummatichaa waanan himeef jaalatame jedhe.

''Waa'ee uumatichaa, achii dhuftee isaa waan taheef ofitti fudhate.''

Warra Boolee warra Bulbulaa

Yaa warra Boolee warra Ganamaa

Yaa warra Boolee warra jaalalaa....

Uummanni Boolee irra ture uummatuma ganaamaati malee bakka biraatii kan dhufe miti jechuuf weellisuu hime.

Garuu sirbi kun saba kaaniinis akka qeeqamu isa taasiseera. Sonaan seenaa uummata kaanii hin tuqne, dhugaa uummata kanaan dubbadhe malee jedhe.

''Qaamni lafaa ka'ee nuun jedhe. Biyyi kun keessan miti nu jechuu isaati jedhan ofumaaf dubbatan malee ani saba kaan maqaa hin dhoofne'' jedhe.

Sonaan ''waanan Araat Kiiloo addatti faarse namatti fakkaata. Ani nama siyaasaa tahuu baadhus jijjiiramni amma dhufe kun qabsoo qeerroon tahuu beekama.

Eenyuyyuu aangoo haa qabatu garuu jijjiirama qeerroon fideen argame'' jedhe.

Sonaa Taakkalaa yeroo sirboota baasu faashinii adda addaan beekama. Warra Boolee yeroo baases faashinii mata isaan beekama.

Sirba Afrikaa jedhu dhiyeenya baase iratti ammoo fashinii Itoophiyaa keessatti hin baramnee fi adda taheen achii as bahe.

Miidiyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo taheera. Maayik Jaaksan Oromoo jedhanii kanneen akka qoosaatti kaasaniis turan.

Sonaan garuu ani takkaa sirboota Maayikil Jaaksan hin hordofu jedhe. Hin dinqisiifadhus addatti hin hordofus jedhe.

''Yeroo hundaa uffatuma aadaan hojjechuurra jennee daarikterakoo waliin mari'anne.

Waan addaa tokkoon achii as baana jennee diizaayinii isaa hojjechiisne.

Ammoo uffata bareedaa tahe. Nuyi akka inni ajandaa tahuyyuu hin yaadne ture,'' jedhe.

Sonaa Taakkalaa akkamiin gara aartii dhufe?

Sonaa Taakkalaa akka sirbatti galuuf eenyutu modela taheef laata?

Ijoollummaa irraa kaasee muuziqaa dhageeffataan guddadhe kan jedhe Sonaan anaaf modela taheera kanan jedhu sirboota Alii Birraati jedhe.

Alii Birraa jaalalaa haga uumama hundaa, Dachee kanaatti leelliseera. Isaan keessaa addatti kanan jaaladhu;

Ammaa Leelee...leelee...boontuu intalaa.. Sammaleelee naannoo.. way sammaleelee naannoo...

Turuun buullee.... shaggaa turuun bullee... an yaadakee waan bullee....kan jedhu akka baay'ee jaalatu hime.

Sonaa Taakkalaa sirba Warra Boolee fi Afrikaa malee sirboota biroos qaba. Sirba Wallaggaa irraa jalqabuun Sirba Shawaa 'Boontuu qalloo'' jedhu dabalatee kaanis akka hojjeteeru hime.

Sonaan sagalee bareedaa qaba.

Haa tahu malee, yeroo tokko sagantaa Adaamaatti qophaa'ee ture tokko irratti akka barbaadame weellisuu hin dandeenye jedhamuun qeeqame.

Wal tajjii irratti akka barbaadetti sirbuu hin dandenye. Kanaaf Sonaan wal tajjii irratti rakkoo qaba jedhamuun ajandaa miidiyaa hawwaasaa tahee ture.

Sonaan dogogora teeknikaa nu mudate ture jedhee garuu namni hanqina namarra barbaadu waan jiruuf malee waan guddaa tahee miti jedhe.

Mudannoo wayiitu achirratti nu mudate jedhe.

''Inumaayyuu mucaan kun kompiiteraan malee ofiiyyuu hin sirbine na jedhanii ture...an dandeettiikoo fi hagam akkan hojjechuu danda'u waanan beekuuf deebii itti hin kennine'' jedhe.

Sonaa Taakkalaa sirba qofaan akka hin jiraanne dubbate. Yeroo isaa kan dabarsu hojii duunfaa isaa irratti tahuu hime.

Hojii ijaarsaa [konistiraakshinii] irratti bobba'ee akka jiraatuu fi maddi galii isaa guddaan isa tahuu hime.

''Gurmoofnee hojjechaa turre. Ijaarsa manneetii barnootaa fa'aa. Erga baradhee bahee ijoollee kaan waliin gurma'uun ijarsa irratti bobbaanee hojjenna,'' jedhe.

Sonaan sirbi isaa duraanii miliyoona haga kanaan haa ilaalamu malee galii guddaa akka irraa hin arganne dubbate.

Baasii sirbichaaf baase tokko tokkoof kan tahu malee galii guddaa irraa hin arganne jedhe.

Amma garuu chaanalii dhuunfaa isaa banachuun sirba isaa achi irratti gadhiise.

Sonaa Taakkalaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Guduruu, Tulluu Habiib bakka jedhamutti dhalatee guddate.