Kiristaanoo Roonaaldoo Al Naasir keessaa bahuun kilaba malee hafuuf

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaanoo Roonaaldoo kontiraata isaa Al Naasir keessaa xumuruu kilebichaa bahuuf jedha.
Al Naasir hanga ammaatti kontiraata haara abiraa hin dhiyeesineef.
Taphataan ganna 40 bara 2023 ji'a Amajjii keessa kilebichatti makame ji'a dhufuu eegalee kontiraanni isaa waan xumuramuuf kileba malee hafuu isaati.
An Naasir tapha xumuraa 3-2'n mo'amuun xumure. Roonaaldoon galchii kileboota adda addaaf lakkoofsisaa ture 800 gaheera. Al Naasir sadarkaa sadaffaan xumure.
Waancaa Sawudii Proo Liig kan mo'ate Al-Itihaad yoo tahu Kaarim Beenzeemaa fi Ingooloo Kaantee fa'aatu achi keessa taphata.
Erga mo'amanii bahanii Roonaaldoon fuula X irratti ''Boqonnaan kun kanaan goolabameera, seenaan ammas barraa'uu itti fufeera. Hudumaayyuu nan galateeffadha'' jedhe.
Garuu hireen taphataa beekamaa duraanii Maan Yuunaayitidii fi Riyaal Maadirid kanaa maal taha?
Ganna kana dorgommii Kilab Woorlid Kaappiitru gaggeeffama. Pirezidaantiin Fifa, Jiyaanii Infaantiinoo torban darbe Roonaaldoon kileba dorgommii kana irratti hirmaatu tokkotti makamuu akka danda'u himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababni isaa kilebni Roonaaldoo Al Naasir dorgommii Kilab Woorlid Kaappi kanaaf darbuu hin dandeenye.
''Roonaaldoon kileboota dorgommii kana keessa jiran tokkoof taphachuu danda'a. Kilabni isa barbaadu dorgommii kanaaf jecha miindessuu danda'a. Maaltu beeka?'' jedhan.
Kilebota muraasatu miindaa Roonaaldoo kaffaluu danda'a. Al Naasir waggaatti paawondii miliyoona 177 kaffalaafii ture.
Roonaaldoon miindaa isaa xiqqeessuun kileba tokkoof dorgommii Kilab Woorlid Kilab irratti hirmaachuun fuulduree isaa irratti hojjechuu danda'a.
Kileboonni Biraazil akka Botafoogoo Roonaaldoon eeyamanaan yeroo gabaabaa kanaaf mallattesisuu danda'u jedha gabaasni Maarkaan baase tokko.
Dorgommiin Kilab Woorlid Kaappii bara kanaa Ameerikaatti gaggeeffama. Waancaan Addunyaa dhufus Ameerikaa, Meksiikoo fi Kaanaadaatti gaggeeffama.
Bifa haaraan kan gaggeeffamu dorgommiin kun kileboota 32tu irratti hirmaata.
Taphni baninsaa kileba Liyonel Meesii Inter Miyaamii fi kilaba Masirii Al-Ahilii gidduutti adeemsifama.
Dorgommichi Waxabajji 15 jalabuun istaadiyeemota 12 irratti taphatama. Taphoonni 63 ni gaggeeffamu.
Inni xumuraa Adoolessa 13 Istaadiyeemii Meet Laayiif jedhamutti gaggeeffama.
Gurgurtaa tikkeettii irraa galiin argamu FiFa'f hedduu murteessaadha.















