‘Qondaalota hidhaa jiran achi-buutee isaanii dhabne’ - ABO

Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa Burraayyuu keessaa bakka geeffaman akka hin beekne dhaabichi beeksise.

Dubbi-himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu BBCtti akk himanitti qondaaltonni dhaabichaa torba mana hidhaatii baafamanii eessa akka geeffamanan garuu hin baramne.

Qondaaloonni ABO dhabaman jechuun paartichi iyyaafataa jiru torban kunneenis: Obbo Abdii Raggaasaa, Obbo Milkaa’el Booran, Obbo Kennasaa Ayyaanaa, Dr. Gadaa Oljirraa, Daawwit Abdataa, Gadaa Gabbisaa fi Lammii Beenyaati.

Obbo Lammiin akka jedhanitti, erga maatiifi paartiin isaanii bakka qondaaltonni kunneen jiran wallaalee jedhanii guyyoota lama darbeera.

"Har’a guyyaa lammaffaadha, iddoo jiran hin beeknu,’’ jechuun Kamisa BBCtti himan.

Namoonni hedduun garuu Dukaam geeffaman jedhanii akka dubbatan itti dabaluun himan Obbo Lammiin.

Qondaaltonni kun achi buuten isaanii dhabamuu BBCn poolisii irraa hin mirkaneeffanne.

Obbo Lammiin garuu poolisii gaafatanii 'eessa akka jiran hin beeknu' deebii jedhu akka kennameef himan.

Qondaaltonni ABO kun manneen hidhaa garaa garaatti dabarfamanii hidhamaa akka turaniifi manni murtii bilisa baasus poolisiin garuu osoo gadi hin dhiisin yoona gahuu BBCn gabaasaa ture.

Waggoota sadan dabran keessatti yoo xiqqaate manneen hidhaa jahatti jijjiramanii hidhamuusaanii dubbatu Obbo Lammiin.

"Manneen hidhaa Burraayyuu, Galaan fi Awaash Malkasa’aarra oliif gadi naanneessu," jedhan.

Koreen namoota paartilee gara garaafi Boordii Filannoo Biyyaaleessarra walitti bahan of keessatti hammate Qajeelcha Poolisii Burraayyuu bakka isaan itti hidhamanii turan dhaquun qondaaltota ABO kana ilaaluuf kan turan yeroo biraatti beellamamuu BBCtti himan Obbo Lammiin.

Bara darbe dhimma hoggantoota ABO fi caasaa Dhaaba ABO ilaalchisee koreen komii dhiyaatu qoratu hundeeffamee akka ture himu.

Koree sana keessatti miseensonni paartilee mormituufi paartii biyya bulchuu, akkasuma Boordii Filannoo Biyyaaleessa keessatti hammatamaniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hooggantooti isaa Itoophiyaa keessatti ''dabaan hidhaman'' jedhu dararaafi haala mijataa hin taane mana hidhaatti isaan mudata jechuun himataa ture.

Torban darbe keessa qondaala ABO hidhaa jiran keessaa tokko kan ta'an Obbo Kennasaa Ayyaanaa dhukuubsachuun kiraanchiidhaan wayita dhabbatan suuraan agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa ture.

Dhiyeenya kana qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa, qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qabsoo karaa nagaa filatanii biyya galan osoo mana hidhaa keessa tursifamanii jiranii, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bosona jiran waliin mari'anna jechuun waan hin yaadamneedha jechuun BBC'tti himanii turani

''Angawoonni kunneen himata tokko ofirraa hin qaban. Abbaan Alangaa dhimma isaanii hordofu hin jiru. Poolisiin qorannaa tokkollee irraa hin qabu. Walumaagala qaamni dhimma kanaafan hidhe jedhu tokkollee hin jiru,'' jedhan Obbo Batteen.

Anggawoota akkanaa hidhaa kaa'anii araara buusna jechuun madda rakkoo osoo hin tuqin rakkoo furuuf yaaluudha jedhan Obbo Battee Urgeessaa.

''Isa karaa nagaan qabsaa'uuf filate hidhaa, qaama hidhate ammoo ni araarfanna jechuun waan hin fakkaanne akka ta'e hubachuu qaba mootummaan,'' jedhan.

''Namoonni kunneen kaleessa waraana hoogganaa turan. Karaa nagaa qabsoofna jedhanii hidhannoosaanii hiikkatan. Har'a ammoo dararaatu irra ga'aa jira.''

Qaamni hidhatee jirus kanarraa waan ilaallatuuf, hidhannoo lafa kaa'ee biyya galee karaa nagaan qabsaa'uuf hireen jira jedhee yaaduurraa abdii kutata jedhan.

''Mootummaan hooggantoota kunneen ukkaamsee kaa'uunsaa dhibdee jiru karaa nagaan mari'atanii furuutti carraa cufaa jira,'' jedhu Obbo Battee Urgeessaa.

Hoggantoonni kun mana hidhaa turuu osoo hin taane beenyaa argachuu akka isaanif malu kaasu Obbo Batteen.