Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ammallee lubbuun jiraachukoo amanuun hin dandeenye'
Dubartiin lammii Yeman waraana biyyashee ture baqachuun gara Tarkii imalte ture balaa kirkira lafa dhiheenya Tarkii mudateen manni ishee jalaa jige.
Mana ishee qofaa osoo hin taanee ulfa baatii sagalii taatee manni isheerratti kufe. Garee lubbuu baraartootaan erga jijjigaa gamoo jalaa baafamteen booda ammoo sa'aatii muraasaan booda mucaa intalaa deesse.
Maqaan ishee Faaxeen Al Yuusuuf jedhamti. Guyyaa balaan kirkira laafaa naannoo isheen jiraattu mudatuutti, isheen ulfa torban 39 waan turteef dahumsaaf qophii xumurtee turte.
Balaadhaan booda erga jijjigaa gamoo jalatti sa'aatii 10'f danqamteen booda garee lubbuu baraartoota fi hiriyootaan baafamte. Isaan boodas sa'aatii muraasaan booda mucaa dubaraa deessee.
''Ammalleen lubbuun jiraachuukoo amanuun hin dandeenye'' jechuun BBCtti himte Faaxeen wayita WhatsAppiin dubbateetti.
Isheen akkuma baraaramteen gara hospitalaatti fiiguun karaa baqaqsanii wallaanuuttii micaashee dubaraa 'Loujain' afaan Arabaatiin 'Meetii'' deessee.
Haata'u malee, erga ishee hospitaalaan gahaniin booda gara manasaaniitti yoo deebii'an, gamoon ollaa mana saaniirratti waan jigeef abbaan warraa ishee du'uun mirkanaa'e.
Reeffi abbaan warraa ishee kan waggaa 29, Burhaan Al- Aliimiis guyyoota sadiin booda gamoo jalaa baafame. Innis achuma tarkii keessatti barnoota Yunivarsitii gosa chemical engineering'n wagggaa dhumaarra ture.
Akkuma haadha reefu mucaa godhatte kamuu, amma Faaxeen mucaashee kunuunsuuffi harma hoosisuu baruuf yaalaa jirti.
''Jalqabni isaa baayyee cimaa ture, keessattuu haalan keessatti argamuun wal qabate'' jette. Ta'us ammalleen waaqa galateeffati. ''Warra na waliidha dhaabbachuun na gargaaran hunda galateeffachuun barbaada. Maatiinkoo na waliin jiraachu baatanis isaan qaba,'' jette.
''Mucaa keenyaaf jireenya bareedaan yaadaa ture. Garuu fedhii Waaqaatu kan hundaan ooliiti. Dhumni keenyaa maal akka ta'u kan beeku omtu hin jiru,'' jette.
Erga mucaan ishee dhalatteen boodas jaalalliifi deeggarsi namoota balaa kirkira lafaa irraa hafanii kanneen lammiilee Yamaniifi tarkii irraa argatte kan ajaa'ibaa ta'u dubbatti.
Isheenis hiriyoota waliin gara bakka Istaambuliitti dhiyaatu Kocaeliitti dabafamte jirti. Achittis Ambaasaadarri Yemanii Tarkiitti argaman, Muhaammad Taariiqi dhaquun ishee gaafataniiru.
Faaxee fi abbaan warraa ishee bara 2014 erga Hutisiin kan Iraaniin deeggaraman magaalaa guddoo Sana'aa to'ataniin booda gara tarkiitti imalan ture.
Erga dullii haleellaa Saawudiin deeggaramu Yeman keessatti gaggeefamuu eegale Bitooteessa 2015 as, hawaasni Yeman tarkii keessa seenu gara kuma 20tti guddate.
Waraanichaan duras taanaan, lammiileen yemen barnootaa akkasumas erga warraaqsa Arabaa 2011 booda ammoo hojii barbaacha gara tarkii deemu turan.
Mohaammad Ameer, pirezidantiin Gamtaa Barattoota Yeemanii kan tarkii keessaa, ammatti barattoonni Yeman 8,000 ol Tarkiitti akka argaman dubbata.
Hanga ammaattis barattoonni saddeeti balaa kirkira lafaa mudateen magaaloota garaa garaa keessatti du'aniiru.
Hakimiin lammii yeman Mohaammad Al-Ara'awi kan waraana dura tarkii seene, gamasaatiin balaa kirkira lafaatiin haadha warraasaa, mucaasaa kan waggaa 18 fi intala dhabu dubbate.
Yeroo balaan sun mudatuutti inni magaalaa Adaanaa keessa ture. Wayita gara maatiisaa qaqqabuuttis matiinsaa jijjigaa gamoo jalatti danqamu ollaan itti himan.
''Jijjigaa gamoo keessa jiraachuun bakka ummanni Yeme waraanan booda keessa jiraatan fakkaata'' jedha.