Euro 2024: Jarmanii fi Siwiizarlaand nuusa xumuraaf darban, Xaaliyaanii fi Deenmaark gaggeeffaman

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii waancaa Awurooppaa 17ffaa Euro 2024 qopheessituun sagantichaa Jarmaniin akkasumas Siwiizarlaand nuusa xumuraaf yoo darban Xaaliyaanii fi Deenmaark gaggeeffamaniiru.
Siwiizarlaand chaampiyoonaa dorgommii bara 2020 kan taate Xaaliyaanii goolii 2 fi 0 dhaan mo'achuun nuusa xumuraaf darbite.
Jalqabuma taphichaarraa ga'uumsa fooyya'aa agarsiisaa kan turte Siwiizarlaand goolii jalqabaa kan argamsiiseef Reemoo Firuular.
Taphichis boqonnaa dura goolii 1 fi 0 dhaan xumurame.
Waancaa dorgommii darbee kan harkaa qabdu Xaaliyaaniin boqonnaarraa wayita deebitu cimina addaan taphatti jedhamtee eegamtus bakkatti eegamtetti hin argamne.
Taphi boqonnaa boodaa eegalee sekondii 27ffaarratti Ruuban Vaargaas goolii ajaayibaa Xaaliyaaniirratti lakkoofsisuun Siwiizarlaand goolii 2 fi 0 dhaan dursuu eegalte.
Xaaliyaanii kubbaa kallattiin gara manii Siwiizarlaanditti erguu kan dandeesseyyuu daqiiqaa 73ffaarratti.
Chaampiyoonaan dorgommii darbee- Xaaliyaaniin sanuu kubbaa gara goolii faallaatti dhihaatu kan yaalte, wayita kubbaan taphataan sarara ittisaa Siwiizarlaand Faabiyaan Shaar addaan dhahe utubaa goolii cinaatti erga bu'ee booda deebi'ee gara alaattti ba'e ture.
Sana booda yaaliin Jiyaankulaa Sikaamaakaam taasise haaluma walfakkaatuun utubaa goolii cinaatti bu'ee jalaa ba'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xaaliyaaniin dorgommii bara kanaarratti raawwii gaarii hin agarsiifne, dorgommichayyuu miira gadi bu'aadhaan eegalte.
Ammoo osoo baayyee keessa hin turin nagaa dhaammatteetti.
Xaaliyaanii mo'achuun nuusa xumuraaf kan darbite Siwiizarlaand tapha har'aan Ingilizii fi Silovaakiyaa keessaa abbaa mo'atee darbu waliin taphatti.
Tapha kuffisanii darbuu biraan ammoo Jarman deeggartootashee hedduu fuulduratti goolii 2 fi 0 dhaan Deenmaark mo'atte.
Taphi kun boqonnaa dura goolii malee xumurame.
Boqonnaa booda Deenmaark goolii Yookiim Andarsan galcheen dursa qabattee turte.
Haata'u malee wayita inni goolii galchu waahillisaa Deeviid Raawum qajeeltoo taphaaf eeyyamamuun ala waan tureef goolittiin osoo hin mirkanaa'in hafteetti.
Goolittiin haqamtee daqiiqaa muraasa keessatti Andarsan kubbaa harkaan tuquu VAR waan mirkaneesseef warri Jarmanii rukuttaa adabbii argatan.
Rukuttaa adabbii kanas Kaayi Havartiz gara gooliitti geeddaruun Jarmaniin akka dursitu taasise.
Goolii lammaffaa Jarmaniif kan galche Jamaal Musiyaalaadha.
Sarara fuulduraa irratti humna cimaa kan qabdu Jarmaniin dorgommii kana keessatti taphoota hanga ammaa taphatte afur irratti goolii 10 argachuun dursaa jirti.
Tapha nuusa xumuraan Jarmaniin tapha har'aa irratti Ispeen fi Joorjiyaa keessaa abbaa darbu waliin taphatti.
Taphi kuffisanii darbuu har'as kan itti fufu yoo ta'u Ingiliiz Silovaakiyaa waliin, Ispeen ammoo Joorjiyaa waliin ni taphatu.












