Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kibbaa ammas addunyaarratti biyya daa’imman dhalatan xiqqaa galmeessite
Kooriyaan Kibbaa addunyaarratti si'a lammaffaaf hamma daa’imman haaraa dhalatanii garmalee xiqqaa ta’e galmeessifte.
Bara 2018 eegaleeti Kooriyaa Kibbaatti hammii daa'imman dhalatan lakkoofsa dubartootaa wajjin wayita wal bira madaalamu kan gadi bu’e.
Roobii darbe mootummaan Kooriyaa Kibbaa ragaan ifoomse akka agarsiisutti hammi dhalootaa 0.81'tti gadi hirate. Kunis tokko gadidha.
Hammi dhalootaa kan bara darbe wajjiin wayita walbira madaalamu qabxii sadiin gadi hir’ate. Kunis, si'a jahaaf walitti aanee mudate.
Biyyoota addunyaa dinagdeen hunda caala badhaadhan biroo keessatti hammii daa’imman dhalatanii 1.6 dha.
Biyyoonni kanneen biroo lakkoofsi ummataasaanii otoo hin dabaliin akka turuuf maatiin warrooman giddugaleessaan daa’imman lama akka horatan barbaadu.
Dhaabbanni tumsaa fi walta’iinsa dinagdee Kooriyaa Kibbaatti waggoota kurnan darban hammi daa’imman dhalatanii gadi xiqqaachuun ifa jedhe.
Kooriyaa Kibbaa keessatti bal'inni maatii dhaloota muraasa as aanu keessatti haalaan gadi xiqqaateera.
Jalqaba bara 1970 keessa dubartoonni giddugaleessaan daa’imman afur horatu ture.
Hammi daa’imman dhalatanii gadi xiqqaachuun biyyattiirratti dhiibbaa cimaa uume.
Kooriyaan Kibbaa bara 2020'tti lakkoofsa namoota du’anii kan daa’imman dhalatanii ol wayita yeroo jalqabaaf galmeessifte yaaddoo hammeessee ture.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, rakkoon dinagdee fi hojiin walqabatu namoonni daa’imman horachuu akka dhiisan taasise.
Ogeeyyiin bara 2021'tti akka himanitti, Kooriyaa Kibbaatti jireenyi qaala’uun, gatiin mana jireenyaa garmalee dabaluu fi dhibbaa weerarri Covid uumee namoonni daa’imman akka hin horanneef fedha dhowwe.