Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Golden Visan’ maaliidha, biyyoota kam fa'itu kenna?
Ispeen sagantaashee ‘Golden Visa’ jedhamu adda kutuuf karoorfachaa jirti. Gosti viizaa kanaatiis kan lammiilee Awurooppaarraa hin taane, garuu maallaqa guddaa qabatanii dhufanii maallaqa isaanii biyyattiitti akka hojiirra oolchaniif kan kennamudha.
Ispeen qofa osoo hin taane amma biyyoonni hedduun sagantaa kana adda kutaa jiru. Ministirri muummee Pedroo Sanchees sagantaa kana adda kutuun maaliif akka barbaachise wayita ibsan “mana argachuun mirga ta’uu qaba malee daldala miti” jedhan.
Itti dabaluunis, “dhimmi mana jireenyaa dhiibbaa cimaa jala galeera. Keessumaa kanneen dafqa isaanii xuruursanii jiraataniif mana bitachuun waan ulfaataa ta’eera” jedhan.
Inveestaroonni hedduun ‘Golden Visa’ fayyadamuun jireenya haaraa eegalu. Yookan ammoo dhiibbaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa biyya isaanii jalaa miliqanii bahuuf dhimma itti bahu.
Haa ta’u malee leellistoonni farra malaamaltummaa fi namoonni siyaasaa yakkamtoonni viizaa kana fayyadamanii dhufuun gatii mana jireenyaa qaalessanii hawaasatti qorumsa ta’aniiru jedhu.
‘Golden Visa’ yookan ‘Golden Passport’ maali?
Sagantaan ‘Golden visa’ jedhamu viizaa lammiilee biyyoota alaaf kan kennamu yoo ta’u kan kennamus abbootii qabeenyaa maallaqa isaanii biyyattiitti dhangalaasuu danda’aniifi.
Viizaa kana argachuuf maallaqni kanfalamu adda adda. Fakkeenyaaf paanaamaatti viizaa kana argachuuf damee riilisteetii irratti maallaqa doolaara kuma 100 dhangalaasuun ulaagaadha.
Lagizemberg ammoo dhaabbilee maallaaqa biyyattii keessatti maallaqa doolaara miliyoona 21.4 kuusuu gaafatti.
‘Golden Paassport’ ammoo paasportii namoota dureessa ta’aniif kennamu yoo ta’u namootni kunneen biyya viizaa kana isaaniif kennite keessatti mirga hojjechuu fi filannoo filachuu argachuu danda’u.
Biyyoota kamfaatu ittiin beekama?
‘Golden Visa’ ilaalchisuun kitaaba kan barreessan piroofeesarri London school of Economics Dr. Kirsitin Surak biyyootnii 60 ta’an ‘Golden Visa’ kennu jedhu.
Itti dabaluunis, biyyootni 20 ta’an kanneen inveesti godhaniif lammummaa akka kennan, walakkaa kan ta’an ammoo waggaa waggaan hanga namoota 100 akka simatan himu.
“Turkiin lammummaa gurguruun biyya ijoodha” kan jedhan piroofeesarri kun, lammummaa waggaa waggaan gurguramu keessaa walakkaa kan ta’u kan biyya Turkiiti.
Biyyoota lammiilee qabeenya isaanii dhangalaasaniif heeyyama jireenyaa kennan keessaa ammoo Maleezhiyaa fi UAE isaan ijoodha.
Namoota ‘Golden Visa’ barbaadaniif bakki filatamaan Awurooppaadha. Kanaaf sababni ijoon biyya miseensa gamtaa Awurooppaa taate keessaa Viizaa argatte jechuun biyyoota naannawa shangan jedhaman kana keessa bilisummaan socho’uu dandeessa.
Bara 2020tti biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessaa 14 kan ta’an ‘Golden Visa’ kennu ture. Giriik, Lativiyaa, Porchugaal, fi Ispeen dhibbeentaa 70 qabatu. Haa ta’u malee amma biyyootni hedduun sagantaa kana dhaabuuf jiru.
Bara 2022 mootummaan UK lammiilee biyya alaa qabeenya guddaa qabanii fi biyyattiitti qabeenya bitataniif heeyyama jireenyaa kennuu dhaabuu beeksisee ture.
Bara itti aanu ammoo Mootummaan Ayerlaand bifuma walfakkaatun sagantaa kana dhaabuu ifoomse. Porchugaal ammatti guutumaan guututti hin dhaabin malee seera amma duraarraa fooyyesiteerti.
Maalif Filatamaa ta’e?
Namoota maallaqa guddaa qabaniif ‘Golden Visa fi Passport’ waan filatamaadha. Namootni kunneen biiznasii haaraa jalqabuuf yookan jireenya haara jalqabuuf viizaa kana barbaadu.
“Haala amma keessa jirru kan waan kamittuu amantaa guutuu hin qabaanne kanatti heeyyama jireenyaa lammataa yookan paasportii argachuun fedhiinsaa haalan dabaleera” jedhu La Vida Golden Visa dhaabbata jedhamutti hogganaa gabaa kan ta’an Lezi Ediwardis.
“Sababni Investaroonni dhiheessan gara gara ta’uu mala. Garuu yeroo hedduu sababa kan ta’u nageenya, Viizaa Fooyya’aa argachuu fi carraa idil addunyaa bal’ifachuudha” jedhu.
Maalif falmisiisaa ta’e?
Namootni Viizaan kuni akka dhaabbatu gaafatan sababoota lama dhiheessu. Malaammaltummaa fi biyya Viizaa sana kennitutti lammiilee irratti gatii mana jireenyaa qaalessuudha.
Dhaabbanni idil addunyaa dhimma malaammaltummaa irratti hojjetu, Tranispaarensii Internaashinaal jedhamu keessumaa kan Awurooppaa kuni “Inveestimantii yookan godaansa miti” jechuun akeekkachiisee ture.
Bara 2022 Koreen Gamtaa Awurooppaa labsii biyyootni miseensa gamtichaa ta’an ‘Golden Visa’ kennuu akka dhaaban jedhu raggaasisee ture.
Gabaasni bara darbe ji’a Onkololeessaa keessa bahe akka ibsutti, koloneelli Liibiyaa duraanii fi Turkii keessatti hidhaan kan itti murtaa’e abbaan qabeenyaa biyya Turkii Paaspoortii biyya Dominikaa bitachuu danda’aniiru.
Haaluma walfakkaatun bara darbe waajjirri dhimma biyya keessaa UK gabaasa baasen “inveestaroonni Lammii biyyoota alaa muraasni yakkamtootaa fi garee malaammaltootaa waliin hariiroo qabaachuu hin hafan” jedhe.
Sababni ijoo inni lameessoon gatii mana jireenyaa qaalessuudha. Biyyootni hedduun ‘Golden Visa’ argachuuf Riilisteetii bituu gaafatu. Kunimmoo gatii mana jireenyaa olkaasa.
Qorannoon Dr. Kiristiin garuu ‘Golden Visa’ dhiibbaan gatii mana jireenyaa irratti fidu gadi aanadha jedhu. Fakkeenyaaf Ispeen waggaa tokko keessatti namoota ‘Golden Visa’ gaafatan 2,000 simatti. Biyya lammiilee miliyoona 48 qabdu keessatti 2,000 lakkoofsa xiqqoodha.
Ta’ulleen namootni ‘Golden Visa’ gaafatan kunneen mana jireenyaa kan bitan iddoowwan baayyee filatamoo ta’anii waan ta’eef iddoowwan kunneenitti gatiin olka’uun isaa hin hafu.
Kutaa Kibba Turkitti kan argamtu Antaaniyaan ishee tokko. Antaaniyaan turistoota biyyoota Raashiyaa fi Yukireen biratti baayyee beekmti. Waraana Raashiyaa fi Yukireen booda magaalattiitti gatiin jireenyaa haalan dabalaa akka dhufe jiraattonni nihimu.