Roodiriigoo gara Liiverpuul, Arteettaan ammayyuu taphattoota haaraa barbaaduu fi kaan

Madda suuraa, Getty Images
Liiverpuul taphataa isaa Luwis Diyaaziin kan dhabu yoo tahe Riyaal Maadirid irraa Roodiriigoo mallatteessisuu akka barbaadu himame.
Diyaaz bara kana Liiverpuul keessaa bahuu akka barbaadu irra deddeebiin kilebichaaf ibseera jedhu miiidyaaleen.
Roodiriigoo ganna 24 kan tahe Riyaal Maadiridii bahuun waan isaaf eeyyamameef bakka isa bu'uu akka danda'u gabaasonni ibsan jiru.
Taphataan Niwkaastil Aleeksaander Isaak miindaa torbanii paawondii 300,000 yoo hin kaffaaleefii kontiraata isaa Niwkaastil wlaiin dheeressuu akka hin barbaanne himame.
Taphataa kana Liiverpuul gaafataa ture. Niwkaastil hin gurgurru jenneen Liiverpuul Huugoo Ekitikee mallatteesise.
Atalaantaa fi Laaziyoon taphataa sarara uraa Maanchister Yuunaayitid Rasmas Hooyilaandi mallatteesisuuf gaafataa jiru.
Maanchister taphataa sarara duraa cimaa barbaadaa jira. Rasmas garuu hanga kilebichi bahi si hin barbaannu jedhutti gadhiisuu hin fedhu. Abjuu ijoollummaakoo asumattan milkeessa jedheera.
Bara darbe Hooyilaandii fi Jooshoyaa Zirkizeen kileba isaanii galchii hedduu lakkoofsisuu hin dandeenye.
Taphataan duraanii Arsenaal Giraanit Zhaakaa kileba bara kana Piriimer Liigiitti guddate Sanderlaandi galuuf wlaiigalteerra gaheera.
Sanderlaandi amma Baayern Liiverkusen waliin marii jalqabeera.
Zhaakaan Liiverkusen waliin Zhaavii Aloonsoo jalatti osoo tapha tokkoyyuu hin mo'amiin bara 2023-24 waancaa Bundisliigaa injifateera.
Kilebichi Filooriyaan Wiirzi, Jeromii Firiimpoongi dabalatee taphattoota murteessoo dhabeera. Bara kana ammoo kan leenjisu Erik Ten Haag, kan dhiyeneya Maanchister Yuunaayitid keessaa ari'amanidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bireentifoordi bara kana leenjisaa isaa qofa osoo in taane taphattoota isaa cicimoo sarara duraa dhabaa jira.
Leenjisaa kilebichaa kan turan Toomaas firaanki Tootenhaam galan.
Biraan Embumoon paawondii miliyoona 71 tahuun Maanchister Yuunaayitid gale.
Isa wlaiin sarara duraa kilebichaa irratti gahumsa guddaa kan agarsiise lammiin DR Koongoo Yoonee Wiisaa Niwkastiliin barbaadamaa jira.
Niwkaastil paawondii miliyoona 30 dhiyeessifi jennaan kilebichi hin fudhadhu jedhe.
Cheelsiin ammayyuu gabaa bittaa taphattootaa keessaa hin baane. Zhaavii Siimonsi RB Leepzhig irraa mallattesisuuf waliigaltee xumuraa irra jira.
Cheelsiin Jayoo Peedroo ganna kana sarara duraatti dabaluun Noonii Maduweekee ammoo Arsenaalitti gurgure.
Akkasumas Mikeel Arteettaan ammayyuu taphattoota haaraan nu barbaachisu jedhe.
Viktar Giyokeres erga Arsenaalitti makamuu mirkanaa'ee lakkoofsaan yoo ilaalle ammayyuu taphattoota cicimoo nu barbaachisu jedhe. Arsenaal sarara hunda irratti filannoo taphattootaa jajjaboo waancaa Piriimer Liigii isa injifachiisuu danda'an qaba.
Ebereche Eezee Kiristaal Paalaas irraa mallattesisuu akka barbaadan himama.
Bara kana qofa Arsenaal Kiristiyaan Noorgaardi, Maartin Zuubiimandii, Noonii Maduweekee, Viiktar Giyookeresii fi karra eegaa Keeppaa Arizabalagaa mallattesiseera.
Akkasumas Kiristiyaan Maaskuweeraa sarara ittisaa irra kan taphatu, Vaaleensiyaa irraa Arsenaalitti makamuuf jedha.
Kileboonni Landan Cheelsii fi Arsenaal baajata guddaan gabaa jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa irratti hirmaataa jiru. Cheelsiin garuu irra caalaa guddattoota irratti xiyyeefatera.












