Gaaffiin Atileet Tigist Asaffaa dhiheessite maalirra gahe?

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Itoophiyaa maaraatooniin morkattuu jabduu taate Tigist Asaffaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf gaaffii dhiheessitee turte.
Gaaffiin kunis riikardii maaraatoonii cabsuuf kan yaadame ture.
Fulbaana 2023 Tigist Barliinitti fiigdee 2:11:53'n erga xumuruun Rikardii Addunyaa cabsitee turte.
Ta'us, leenjisaa ishee Gammadoo Daddafoo waliin waan guddaa tokko yaadanii turan.
Kunis, maaraatoonii dubartootaa sa'aatii lamaafi daqiiqaa kudhan gadi xumuruun atileetii dubartii jalqabaa ta'uf yaaddeetti.
Hagayya 2024 Olompikii Paaris irratti maaraatooniin Siifan Hasan waliin xumurarratti wal qarqabanii lammaffaan xumurte.
Kaayyoo maaraatoonii 2:10 gadi xumuruun garuu inuma ture.
Haa ta'u malee, waan tokko dhalate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Onkololeessa 2024'tti atileetiin Keeniyaa Ruut Chepingeetich waan Tigist fi leenjisaan yaadan milkeessite.
Ruut dorgommicha 2:09:56'n xumuruun riikardii maaraatoonii injifatte.
Eegasii Tigist Ebla 2025'tti Maaraatoonii Landan irratti dorgomtee 2:15:50'n atileetii Keeniyaa Joysiliin Jepkosgee of duuba aansuun injifatte.
Yeroos Siifan Hasan sadaffaan xumurte.
Tigist Landanitti mo'achuu qofa osoo hin taane riikardii maaraatoonii dubartoota qofa [women-only world record] cabsite.
Riikardiin kuni kan riikardii waliigalaarraa addadha. Sababiin isaa atileetonni dubartoonni qofti irrattii dorgomanidha.
Kuni osoo kanaan jiruu Waxabajjii keessa Atileet Tigist Asaffaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf xalayaa galchuutu gabaafame.
BBC'n akka odeeffateetti Tigist Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo Hagayya 2025 keessa dorgomamuurratti dorgomuu hin feene.
Isheen Fulbaana 2025 irratti Maaraatoonii Barliin bakka waggaa lama dura Riikardii Addunyaa itti cabsiteetti hirmaachuun riikardii biyyatti deebisuu yaadde.
Eegasii maaltu ta'e?
Eegasii federeeshinichaafi Tigist gidduu mariin taasifameera, waliigalameeras.
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, kuni kan milkaa'uu danda'e ''marii bu'aa qabeessa leenjisaa ishee waliin taasifameen'' akka ta'e ibse.
Federeeshinichi eegasii booda ''atileetiin gootittiin Tigist Asaffaa Shaampiyoonaa Atileetiksii irratti Itoophiyaa bakka buute dorgomti'' jechuun beeksiseera.
''Biyyaafi ummata kan caalu homtuu hin jiru jechuun waamicha biyyaa federeeshinichi dhiheesseef akka simattu,'' leenjisaan ibsaniiru jedheera.
Gaaffii federeeshinichaa fudhachu isaaniifis federeeshinichi galateeffateera.
Federeeshinichi yoom waliigalteerra akka gahame waan jedhe hin qabu.

Madda suuraa, Gemedo Dedefo
BBC'n Leenjisaa Gammadoo dhimma kana yeroo gaafatu ''bubbuleera'' jedhan.
Mariin bal'aa turee gaaffii jedhuuf ''Marii guddoofi xiqqoo hin qabdu,'' jechuun kolfan.
Leenjisaa Gammadoo Daddafoo jalqaba Barliinitti dorgomuuf gaaffiin kan dhihaate ''riikardii atileetii Keeniyaa Ruutiin qabame deebisuuf'' akka kaayyeffate dubbatani.
''Yeroo ammaa atileetittiin ga'umsa gaariirra waan jirtuuf riikardiin cabnaan maqaa Itoophiyaa ol kaasuf yaadamuu,'' dubbachuu isaanii federeeshiniin ibseera.
Torban dura atileetiin riikardii Tigist cabsite, Ruut Chepingeetich, qoricha si'eessu fayyadamuun yeroof dorgommiirraa dhorkamteetti.
Murtee kana dhaabbata naamusa ispoortii faana bu'u, Athletics Integrity Unit (AIU), jedhamutu murteesse.
Tarii murteen erga isheen dhorkamte booda dhagahamee?
Leenjisaa Gammadoon ''lakki, sanumaan dura'' jedhan.
''Biyyillee atileetii baay'ee hin qabdu. Kanuma illaalleeti biyyatu dursa jenneeti,'' jechuun sababa waliigalaniif dubbatan.
Tigist fi leenjisaan ishee maaraatoonii dubartootaa ammallee sa'aatii 2 fi daqiiqaa 10 gadi xumuruuf yaada qabu.
''Fuulduratti hin yaalla,'' jechuun deebisan.
Dhimma kana irratti Atileet Tigist Asaffaa waan as baatee dubbatte hin qabdu.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Fulbaana 2025 Jaappaan, magaalaa Tookiyootti dorgomama.
Maaraatooniin Barliinis Fulbaana 2025 keessa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa booda dorgomama.
Atileetiin tokko maaraatoonii erga fiigee booda ji'a sadii keessatti maaraatoonii biraa fiiguu akka hin qabne ekispartoonni gorsu.
Tigist eenyudha?
Maaraatoonii yeroo sadaffaaf fiigdee Barliinitti Riikardii Addunyaa erga cabsitee booda namoonni baay'ee ishee baran.
Leenjisaan ishee Tigist akkuma maqaa ishee obsa qabdi jedhu. Waggoota muraasa dura garuu kana fagootti tilmaamuun ni ulfaata ture.
Waan namoota baay'ee abdii kutachiise ture. ''Hin dhaabdi, deebitee hin fiigdu jedhamee ture,'' jechuun miidiyaatti dubbatte.
Isheen garuu xiiqeffatte, waan ogeeyyiin itti himan kan biraa ishiin kan yaaddu waan biraa ta'e.
''Gaafa akkana naan jedhan inumaa kan caalun fiiga jedheen yaade.''
Atileet Tigist Asaffaa dhihoo magaalaa Finfinneetti kan argamtu magaalaa Hoolotaatti dhalattee guddatte.
Maatii ishee ijoollee jaha horatan keessaa isheen quxisuudha.
Dorgommii manneen barnootaa gidduu tureen gara atileetiksii seente. Kanaafimmoo barsiisaan ispoortiishee gumaataniiru.












