Dooniwwan waraanaa US lama sarara bilisaa Chaayina fi Taayiwaan gidduu imalan

Doonii waraanaa

Madda suuraa, US 7TH FLEET

Dooniwwan waraanaa US lama daangaa bishaan Chaayina fi Taayiwaan gidduu darbuu isaanii humni galaanaa US beeksise.

Afayaa'in mana maree US jalqaba ji'a Hagayyaa Naansii Pelosii Taayiwaan daawwachuu hordofee Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti wal gaarreffannaa cimaa uumameen booda sochiin waraanaa US taasifte kun isa jalqabaati.

Waggoota dhiyoo as dooniwwan waraana US fi biyyoota lixaa biroo daangaa bishaanii Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti argamu kana irra ni socho'u.

Sararri bishaanii Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti argamu kan Taayiwan Istireet jedhamuun beekama daangaa bishaan bilisaa biyyoonni kamuu keessa darbuu danda'aniidha jedhama. Taayiwan Istireet Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti akka daangatti tajaajila jedhama.

Ji'a kana gara jalqabaa yeroo Nansii pelosii Taayiwaan daawwatte Chaayinaan US tti dheekkamuun naannawa bishaan kanaatti shaakala waraanaa guddaa gaggeessitee turte.

Hagayya 28, 2022 ammoo ministeerri humna waraana Taayiwaan xiyyaarota waraanaa 23 fi dooniwwan waraanaa 8 naannawa daanga Taayiwaanitti arguu ifa godhee ture.

Xiyyaarota waraanaa Chaayinaan bobbaafte keessaa torba sarara bishaanii Taayiwaani fi Chaayinaa gidduutti akka daangatti tajaajilu cehuu isaanii arge jedhe humni waraanaa Taayiwan.

US akka jettetti dooniwwan waraanaa ishee lama meeshaalee waraanaa akka misaa'elaa hidhatan - SS Antietam fi USS Chancellorsville- jedhaman mirga daangaa bishaan bilisaa keessa socho'uu waan qabaniif Taayiwaan Istireet gidduu darban.

Chaayinaan gochaa akkasii kana akka qoccollootti ilaalati. Chaayinaan oddoola Taayiwan akka qaama isheetti ilaalti.

Akka Rooyitars humna ittisaa Chaayinaa waabeffachuun gabaasetti, Chaayinaan dooniwwan waraanaa US lamaan hordofaa akka turteefi qoccolloo waraanaa kamiyyuu qolachuuf qoophii ta'uu ishee ibsite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karaa Taayiwaan Istireet irra imaluun naannon Indoo Paasific banaa fi bilisa akka ta'u gochuuf kutannoo Ameerikaan qabdu akka agarsiisu humni galaanaa US ibse.

"Dooniwwan waraanaa kun daandii bishaanii daangaa biyya kamiituu hin taane keessa darbe," jedha ibsi human galaanaa US kun.

Ministeerri ittisaa Taayiwaan gama isaatin dooniwwan waraanaa US kana gordofaa akka turee rakkoon homaatuu akka hin uumamne ibse.

Taayiwaan oddoola ofiin of bulchiituudha, Chaayinaan garuu akka bulchiinsa qaama ishee tokkotti ilaalti. Guyyaa ta'e tokkos humnaan akka ofitti maktu dubbatti.

Taayiwaan wajjin walitti dhufeenya dipilomasii uumuf US gara Taayiwaanitti deddeebi'uun ishee Chaayinaa fi US gidduutti gaarreeffannaan akka uumamu ta'ee jira.

Chaayinaan biyya tokko ta'uu US fudhattus, Taayiwaan wajjin garuu walitti dhufeenya taasistu hin dhaabne.

Taayiwaan wajjin walitti dhufeenya kan idilee hin taane cimaa ta'e qabdi. Taayiwaan of-ittisuu qabdi jettee waan yaadduf US meeshaalee waraanaa itti gurgurti.