Gaara woshaa: Daandii konkolaataa waggaa waggaan lubbuun itti gabbaramu

Sanbata xiqqaa darbe balaa konkolaataa hamaa godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Leenca Woshaa jedhamutti qaqqabeen lubbuun barsiisota Yunivarsiitii Madda Walaabuu 20 ta'anii darbeera.

Konkolaataan tajaajila geejibaa Yunivarsiitii Madda Walaabuuf kennu, barsiisota Yunivarsiitichaa barnoota guyyaa Sambataa kennuuf gara kaampasii Dodolaafi Shaashamannee imalan 40 qabatee ture.

Konkolaataan kun ganda leenca Woshaa bakka 'sabsibee waashaa' jedhamuun beekamuufi gaarreniifi daandii marfataan guute wayita gahu daandiirraa bahee qilee bu'uun lubbuun barsiisota Yunivarsiitichaa 20 ta'anii haala suukkaneessan darbeera.

Yunivarsiitichi barsiisota isaa lubbuun darbaniif Dilbata (Caamsaa 21, 2023) gaggeessaa taasiseera.

Balaan tiraafikaa hamaan akka kanaa barsiisota Yunivarsiitii lakkoofsaan hanga kana gahan irratti yeroo tokkotti qaqqabuun naasuu uumus, naannoo gaara Woshaa jedhamutti garuu balaan konkolataa akkasii waan haaraa miti.

Obbo Laggasaa Magarsaa maanguddoo ganna 60'ti. Aanaa Aadabbaa ganda Leenca Woshaa jiraatu.

Balaa tiraafikaa lubbuu barsiisota yunivarsiitii Madda walaabuu 20 ta'an galaafateen hedduu gadduu BBC'tti himan.

''Tarii balaan hayyoota kana irra gahe rakkoon bakka kana jiru akka furamu sababa ta'a,'' jedhanii yaadu.

Obbo Laggasaan daandii gaara woshaa kana gubbaatti isa alanaa malee konkolaattota 32 ta'an irra balaan qilee bu'uu qaqqabeera jedhu.

''Wannichi (Rakkinichi) yeroo dheeraadha, makiinaa 32 balaan qaqqabeera. Daandin duraan piistaa ture erga aspaaltii ta'ees hin dhaabanne.''

'Namni maallaqa gabbara malee waggaa waggaan lubbuu gabbaraa?'

Obbo Laggasaan jireenya isaanii mara naannoo sana jiraachuu himanii, bakka amma balaan kun qaqqabetti waggaa waggaan lubbuu namaa gabbaruun itti fufeera jedhu.

''Waggaa kanas doolfiiniin nama 18 feetee achumaan gadi lixxe namni tokkoyyuu lubbuun hin baane. Saniin durallee namni 41 dhumeera. Inumaayyuu ergasii bakki sun 42 maazooriyaa jedhanii maqaa itti moggaasan,'' jedhu maanguddoon kun.

''Balaan Sanbata darbee waggaadhuma doolfiiniin nama 18 waliin itti dhumetti qaqqabe, guyyaan isaallee Sanbata ture.''

Hawaasni naannoo lakkoofsa konkolaattota balaan qilee bu'uu isaan mudate himan malee, lubbuu namoota achi keessa jiraanii yoo lakkaa'an dhibbaan akka ta'an tilmaamu.

BBC'n lakkofsa kana madda biraa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Teessumni gaara woshaa kun gaarreniin kan marfame yeroo ta'u, daandiin kiilomeetrira hedduu ta'u marfata dhiphaa gaaraafi irraan gadee qabudha.

Konkolaattootni naannichatti balaan irra gahus Baalee Roobeerraa gara Shaashamannee kanneen imalaniidha.

Marfata dhiphaa qabaachuufi mallattooleen to'annoo tiraafikaa gahaan dhibamuun, walumaagalatti nageenyi daandichaa rakisaa ta'uun ''namni waggaa waggaan lubbuu akka gabbaru sababa ta'eera'' jedhu obbo Laggasaan.

''Namni maallaqa gabbara malee waggaa waggaan lubbuu gabbaraa?'' jechuun kan gaafatan jiraataan kun, qaamni mootummaa dhimmi kun ilaallatu daandicha akka fooyyessu jabeessanii gaafatan.

Uummatni naannoo bakki kun 'seexana lubbuu namaa barbaadu qaba' jedhanii akka yaaduu eegalan dubbatanii, ilaalchi kun sirrii ta'uufi dhiisuu kan mirkaneessan daandichi sirratee balaan yoo itti fufa ta'e akka ta'e himan.

Maddi balaa Sambataa daandii qofaa?

Dhimma balaa tiraafikaa naannoo gaara Woshaa ilaalchisee mirkaneessa nageenya tiraafikaa naannoo Oromiyaa gaafanneerra.

Daayireektarri daayireektoreetii mirkaneessa tiraafkaa kan ta'an obbo Alamuu Lammaa naannoo gaara Woshaa jedhamutti balaan irra deddeebiin qaqqabaa akka jiru quba qabaachuu BBC'tti himaniiru.

Kanaafis teessummni lafaa naannichaa sababa tokko, rakkoon teeknikaa konkolaattotaas sababa biraa ta'uu akka danda'u himaniiru.

''Iddoo 'sabsibee waashaa' jedhamu kanatti marfata irratti wanti haawaasni kaasu ni jira, anis ijaan argeera'' jedhanii, balaa Sambata xiqqaa darbe qaqqabeen walqabatee garuu ''wantootni qulqulleeffamaa jiran biroon jiru'' jedhan.

''Konkolaataan balaan irra gahe rakkoo teeknikaan yeroo dheeraaf dhaabachaa ture. Rakkoo teestiiniifi rakkoo teknika konkolaataati yaada jedhutu jira, kun qaama ilaallatuun qulqullaa'ee ifa ta'a.''

''Ta'us ammoo akka hawaasni jedhu iddoo kanatti balaan konkolaataa baayyeen qaqqabuun beekamaadha.''

Konkolaataan barsiisota Yunivarsiitii Madda Walaabuu qabatee gaara Woshaa keessatti kufee lubbuu galaafate kun rakkoo teeknikaa qabaachaa ture komiin jedhu obbo Alamuu qofa osoo hin taane hawaasa Yunivarsiitichaa irraas dhagaahamaa jira.

Dhimma kana irratti garuu Yunivarsiiticha irraa ammatti deebii argachuu hin dandeenye.

Mallattooleen eeggannoo tiraafikaa gahaan jiruu?

Balaan barsiisota Yunivarsiitichaarra erga gahee booda namootni gariin aanicha akka beekan himan, balaa daandiin sun qaqqabsiisu osoo beekamuu, balaa xiqqeessuuf tarkaanfiin fudhatame gahaa mitii jechuun qeequ.

Obbo Laggaasaan sibiilli qarqara daandii fi qilleetti balaa xiqqeessuuf hojjetamee ture, irra hedduun caccabee deebi'ee hin suphamne jedhu.

Namootni gariin ammoo mallattooleen tiraafikaa eeggannof kaahamanii hin jiran jechuun miidiyaalee hawaasaa gubbaatti barreessu.

Dhimma kana irratti kan gaafanne obbo Alamuun ''mallattoleen tiraafiikaa eeggannoof kaahaman jiru, garuu gahaa ta'uu dhiisuu malu'' jedhan.

''Gaarri sun beekamaadha, km 4-5 ta'u irra seensaa qabee gidduu isaas mallattooleen akeekkachiisa tiraafikaa jijjiiru. Garuu gahaa ta'uu dhabuun isaanii qoratamee itti dabaluu mitii, hanga daandiiyyuu jijjiiruu gahuun ni danda'ama.''

Daandiin balaan kun irra gahe abbaa taayitaa daandiifi loojistikii Federaalaa jala jiraachuu himanii, nageenya daandilee mirkaneessuuf kanneen dursi kennamuuf adda bahanii tarkaanfiin barbaachisaan, daandii bal'isuu irraa ka'ee hanga jijjiiruu hojjetamaa akka jiru obbo Alamuun himaniiru.

Sababootni balaa tiraafikaa hedduu ta'anis nageenyi daandii, rakkoon teeknikaa konkolaattotaa fi gahumsi konkolaachiftootaa isaan ijoodha.

Oromiyaa keessatti ji'oota jalqabaa sadan ALI bara 2011 fi 2012 gidduugaleessaan lubbuun namoota 450 darbuu ragaan Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa ni agarsiisa.