Itoophiyaan anniisaa Keeniyaatti gurguruu eegalteen waggaatti doolaara mln 100 abdatte

Sarara humna ibsaa

Madda suuraa, Ministry of Finance

Itoophiyaan Sadaasa 17 bara 2022 ifatti anniisaa elektirikii biyya ollaa kan taate Keeniyaatti gurguruu eegaluu beeksifte.

Daayireektarri Kominikeeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa Obbo Mogas Mekonniin humna ibsaa Keeniyaaf dhiyeessuu kan eegalame waliigaltee Hagayya darbe Magaalaa Naayiroobii keessatti aanga'ootni biyyoota lameenii irra gahan irratti hundaa'uun ta'uu BBC'tti himan.

''Waliigalteen Keeniyaa waliin qabnu yeroo fayyadamni ibsaa isaanii heddummatutti hanga Mega Wattii 200, yeroo xiqqaatu ammoo 65 fudhachuufi.''

Hangi anniisaa Itoophiyaan Keeniyaaf dhiyeessuu eegalte kun waggaa sadi sadiin fooyyeffamuu akka malus Obbo Mogas himaniiru.

Waliigalteen biyyoota lamaanii marroo sadii kan qabu yeroo ta'u kan marroo lammataa waggaa sadii booda hangi anniisaa Keeniyaan bittu, yeroo fedhiin isaanii ol ka'uttii hanga Megga waattii 400 yeroo gadi bu'u ammoo 150 ta'a.

Marsaan sadaffaan ammoo waggaa torba booda yeroo jiru keessatti sa'aa 24 guutuu meeggaa waattii 400 bitatu jechuudha jedhu Obbo Mogas.

''Bu'ura kanaan humna ibsaa Keeniyaaf gurguruun har'a eegale.''

Dhaabbileen humna ibsaa maddisiisan hunduu walitti kan hidhataniifi gidduu gala tokko irraa kan raabsaman ta'uu kan himan aanga'aan kun, humni ibsaa Keeniyaafis gurguramuu eegale madda anniisaa tokko qofaarraa akka hin taane dubbatan.

Kuni ammoo humna ibsaa hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa maddisiisaa jira jedhamee amanamus akka dabalatu himan.

Keeniyaan biyyoota humna ibsaa Itoophiyaarraa bitatan ta'uun sadaffaadha. Amma dura Sudaaniifi Jabuutiin Itoophiyaa irraa anniisaa ifaa bituutti jiru.

Itoophiyaan ammatti hanga Meeggaa Waattii 2,800 maddisiisaa akka jirtu Obbo Mogas himaniiru.

Bakka anniisaan elektirikaa hin geenye osoo jiruu alatti erguun akkamiin ilaalama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Mogas fedhii anniisaa ammatti biyya keessa jiruun walbira qabamee yeroo ilaalamu humni anniisaa maddisiisuu Itoophiyaan qabdu olaanaadha jedhu.

''Hanqinni Anniisaa jira kan jedhu sirrii miti yoo ragaarratti hundoofnee haasofne. Humni maddisiisuu keenya hanga meeggaa waattii 5,000 oli. Ammatti fedhiin yeroo dabalu, tibba ayyaanaa fa'a 2,800 maddisiisna.''

Bu'uura kanaan fedhiin anniisaaf jiru kan biyya keessaa guddaadha kan jedhu caala kan dhugaa ta'u bu'urri misoomaa anniisaa elektirikaa waliin gahuu gad aanaa ta'uu isaatiin tajaajila kana kan argataa hin jirre hedduun jiru kan jedhuudha jedhu.

''Anniisaa maddisiisuu, kan hojii keenya ta'e, irratti hanqinni hin jiru. Babal'ina tajaajila kanaa qaamni hordofu ammoo kophaatti jira. Mirkanatti garuu hanqina anniisaa maddisiisuu hin qabnu.''

''Sarara amma gara Keeniyaatti diriire irraa waggaatti hanga doolaara miiliyoona 100 argachuuf karoorfanne'' jedhan.

Haala qabatamaa amma jiruun garuu waggaa kana keessaa doolaara miiliyoona 50 argamsiisuun ni danda'ama jedhan.

Gurgurtaan anniisaa Keeniyaa maaliif barfate?

Keeniyaatti anniisaa gurguruuf karoorri erga qophaayee waggootni lakkaawwamaniiru. Biyyoonni lameen dhimma kanarratti waliigaltee erga mallattesaaniis waggoonni 10 darbaniiru. Waliigalteen Ministira Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa yeroo sanii Obbo Alamaayyoo Taganuufi gita isaanii Keeniyaa gidduutti mallatteeffameen dhiyeessiin anniisaa waggaa afur booda jechuunis waggaa jahaan dura eegalama jedhame ture. Sarara humna ibsaa dhiyeessu kana Itoophiyaan waggaa darbe ijaartee kan xumurte yeroo ta'u, ijaarsi sarara kanaa gara doolaara biiliyoona 1.3 gaafata.

Gama Itoophiyaan hojiin ijaarsa barbaachisuu xumuramus gama Keeniyaan kan hin xumuramne waan ta'eef yeroo eegaluun irra ture irraa waggaa tokkoon barfateera.