Wiil Ismiiz kaballaa Oskaars booda Kiriis dubbisuuf yaalee dhabuu hime

Madda suuraa, WILL SMITH / YOUTUBE
Wiil Ismiiz badhaasa Oskaars irratti Kiriis Rook erga kabaleen booda dubbisuuf yaalee akka dhabe hime. Ammatti "dubbachuuf qophii miti" deebii jedhu akka argate ibse.
Bitootessa darbe waltajjii badhaasa Oskaars irratti ture taatoon fiilmii Wiil Ismiiz waltajjicha dursaa kan ture komeediyaan Kiriis Rook kaballaan kan dhahe.
Kunis sababa komeediyaanichi haadha warraa isaatti jalaa qooseef ture.
Jimaata viidiyoo Yuutuubii irratti gadhiiseen yeroo jalqabaaf waa'ee kaballaa sanaa ifatti yoo dubbatu mul'ate. Irra deebiinis dhiifama gaafateera.
"Kiriis, siin dhiifaman si gaafadha. Amallikoo fudhatama hin qabu," jedhe.
"Yeroo ati dubbachuuf qophii taate, ani asin jira" jechuunis dubbate.
Haadha warraa komeediyaan Kiriis Rook fi maatii isaa guutuus dhiifama gaafate.
Wiil Ismiiz amma dura barreeffama qofaan ture dhiifama kan gaafate. Viidiyoo chaanaalii Yuutuubii isaa irratti amma gadhiiseen gaaffilee dinqisiifattoota isaarra dhiyaataniif deebii kenne.
Kaameera fuuladura taa'ee gaaffii dhiyaateef ofumaa dubbisaa deebii itti kenna.

Madda suuraa, Getty Images
"Baatilee sadan darban battala sanatti maaltu akka uumame hubachuuf yaalii gochaan ture," jedhe.
"Yeroo sanatti namoonni meeqa akka miidhaman yaadaa hin turre ... yeroo sanatti wantin godhe sirriidha yaadni jedhu gonkumaa na keessa hin jiru."
"Kiriis dubbisuuf qunnameen ture, deebiin argadhe ammatti dubbachuuf qophii miti, wayita qophii ta'e si quunnama," kan jedhudha jechuun ibse Wiil Ismiiz.
Itti dabaluunis haati warraa isaa Jeedaa Piinkeet Ismiiz akka inni komeediyaanicha kabalu akka isa hin gaafanne hime. "Jeedaa kana waliin wanti walitti ishii fidu hin jiru" jedhe.
Dhiibbaa sababa gocha isaanirra gaheefis ijoollee isaafi maatii isaa dhiifama gaafateera.
Komeediyaan Kiriis Rook sababa dhibee rifeensa namarraa fixu alopeeshiyaa jedhamuun rifeensa ishii kan dhabde haadha warraa Wiil Ismiiz Jeedaatti kan qoose.
Jeedaan ji'a darbe abbaan warraa isheefi Kiriis Rook akka araaraman hawwii guddaa akka qabdu himtee turte.

Madda suuraa, Getty Images
Wiil Ismiiz namoota badhaasa Oskaars irratti isa waliin kaadhimamanii turanis dhiifama gaafateera.
"Beektuu, kun hawaasaa tokkodha, waan isin na filattaniifi kanan an injifadhe. Sirna/yeroo keessan isin jalaa hatuu fi balleessuu kootti baay'een gadde," jedhe.
Taatee kaballaa sana booda Wiil Ismiiz fiilmii 'King Richard' jedhu seenaa abbaa taphattoota teenisii dirree Sereenaa fi Veenas Wiiliyaams bu'uura godhachuun hojjetamerratti qooda qabuun yeroo jalqabaaf Oskaars injifate.
Akkaadamiin Oskaars "amala nama miidhuu fi fudhatama hin qabne agarsiise" jechuun Wiil Ismiiz waggoota 10 dhufaniif waltajjii badhaasichaa irraa ugguree jira.
Battala Rook kabaletti Wiil Ismiiz waltajjicha gadhiise akka bahu gaafatamee dide. Booda Kiriis Rook matuma isaatu akka humnaan baafamu ykn poolisiin to'anna jala oolu hin feene jedhame.















