Bara kana namoonni hireesaanii baruuf urjii lakkoofsiifatan maaliif baayyatan?

Lakkoofsi namoota urjii lakkoofsifachuun [astrology] hiree isaanii baruuf dhama'anii addunyaa guutuutti dabalaa dhufeera.

Gaa'ila, hojii, dorgommii fi hiree jireenya isaanii baruuf urjii lakkoofsifachuun waan barame tahaa dhufe.

Garuu maaliif? Waan kun amantaa moo ogummaadha?

Kunis haala jireenya jaalalasaanii, ykn rakkoo jireenyaa ykn haala jireenyaa isaanii kanneen haala tarree urjiirratti hundaa'udhaan ilaallatan ykn guyyaa dhalootasaanii lakkaawwachuun carraa isaanii gara fuulduraatif qophaa'aniidha.

Haalli kunis namoota kaaniif kan kofalchiisuu ta'ulleen namoota haala kanatti amananiif garuu waan dhugaati.

Namoonni dhimma kanatti amanan kunneenis dhimmoota hundaaf urjii lakkoofsiisuun ykn warra urjii lakkaa'an irraa gorsa argachuun kan gaafatan jiru.

Addunyaarratti ammaan tana namoonni baayyeen dhimma siyaasaa cimaa fi dhimmoota biyyaatiif osoo hin hafne warra urjii lakkaa'an irra gorsa gaafataa jiru.

Namoonni haala kanaatti amanan kunneenis guyyaa dhalootasaaniiti tarreen urjiifi pilaaneetootaa kallattii jireenyasaanii fi carraa isaanii ni murteessu jedhanii amanu.

Walitti dhufeenya namoota waliin qaban, amala, ilaalchaa fi carraan haalaa tarree urjiiwwaniifi pilaaneetotaa kanaan murtaa'a jedhanii amanu.

Haalli kun namoota baayyeedhaaf amantaa waaqolii tolfamaa salphaa itti fakkaachu danda'a.

Haata'u malee, addunyaa kaaniitti bizinasa doolaara biiliyoonataa qofaa osoo hin taane, kan baayyee amanamuufi bashananaan ol kan akka laayyootti hin ilaalamneedha.

Urjii lakkaa'uun (Astrology) kun kan barrii fide osoo hin taane biyyoota akka Hindii fi Chaayinaatti kan baroota durii irraa kaasee turedha. Jaarraa hedduu lakkoofsiisera.

Keessattuu Hinditti dhimmi urjii lakkoofsiisuu kun ammalleen kan akka laayyootti ilaalamu miti.

Hindiitti ammalleen namoonni siyaasaa tokko tokkoo filannoo siyaasaa injifachuudhaaf carraa qaban kan gaafatan gorsiistoota siyaasaa isaanii osoo hintaane warra urjii lakkaa'aniidha.

Biyyoota lixaattiis taanaan bara kana keessa namoonni baayyeen dhimma siyaasaa hubachuu fi raaguudhaaf urjii lakkoofsiifachuu akka filmaataatti ilaalu.

UK fi Awuroppaattis fudhatamnisaa akka Eeshiyaatti bal'aa ta'uu baatulleen dhiibbaansaa garuu salphaa miti jechuun ni dana'ama.

Bara kana keessa viidiyoowwan hdduun urjii lakkaa'uurratti qabiyyeewwan baayyee jaalatamoo ta'an ni qopheessu, guyyaa guyyaafi daqiiqawwaniin gadhiifamus.

Keessatti qabiyyeewwan kaaba Ameerikaatti qopheeffaman hedduun hordoftoota isaanii dhimmoota akka jii'opolitikaa, ispoortii, dhimmoota idil-addunyaa kaan ibsa lakkoofsa urjii irratti bu'urreeffateen bohaarsu.

Ibsa isaanitiifis kaartaawwan bareedoo fi bal'aa ta'aniitti fayydamu. Hedduunsaaniis kan agarsiisan teessuma biiftuu, ji'aafi urjiiwwaniiti.

Carraan egerees kan murtaa'u haaluma hiriira urjiifi pilaanetoota samiifi guyyaa dhalootaatiin.

Fakkeenyaaf waa'ee siyaasaa irratti ibsa yoo kennan, Iraaniifi Ameerikaan fa'i yeroo hundeeffamaniitti haala tarree urjii turee irratti bu'uureeffachuun haala waraanaa biyyoota lamaan jidduutti umamuu danda'urratti ibsa bal'aa kennu.

''Doonaald Tiraamp Iraan waliin sarara Yuraanas qabu. Kun ammoo balaafamaadha'' jedha viidiyoon guyyaa Ameerikaan Iraan irratti duula bante barii gadhiifame tokko.

Viidiyoon gara biraa guyyaadhuma wal fakkaatu gadi dhiifame tokko ammoo Iraan deebii cimaa akka kennitu kan ibsuudha. Haata'u malee Iraan deebii cimaa hin kennine ture.

Raaguuwwan kunneen soba ta'anii argamunsaaniis amanamu lakkooftiita urjii hin hir'ifne. Jireenis urjiiwwanis ittuma fufu.

Kanneen urjii lakkaa'an yoo raaguusaanii dogongoranilleen nammoonni urjii lakkoofsifatan garuu faallaa kanaatiin haalaan dabalaa dhufaa jira.

Waggoota shanan darban keessa Google irratti lakkoofsi namoota jechoota 'Astorlogy' fi 'waraana' jedhu barbaadan dachaadhaan dabaluu agarsiiseera.

Keessattuu tibba weerara Kooviiditti namoonni baayyeen urjii lakkoofsiisuu akka eegalan himama.

Koovidiin booda ammoo yeroo waraanni eegalameetti namoonni fiiganii urjii lakkoofsiifamu.

Fakkeenyaaf Bitooteessa 2022tti yeroo Raashiyaan Yukireen irratti waraanaa eegalteetti, erga sanaan booda ammoo walitti bu'iinsa Indiyaa fi Paakiistaan Kaashimiiritti wayita mudateetti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman gara urjii lakkooftootaa dhaqaniiru.

Waxabajjii darbe yeroo Ameerikaan haleellaa cimaa Iraan irratti raawwatteetti akkasumas ummanni hedduun fuulsaanii gara urjii lakkooftootaatti garagalfate ture.

Lammiin Iraan Landan keessa jiraattu tokko BBCtti akka himteetti, yoo Teehraan irratti halleellaan raawwatamu eegaluutti dhimmi isheen dursiite raawwattee yoo jiraate namoota urjii lakkaa'an barbaaddee argachuufi marisiisu ture.

Obboleettiin ishees waanuma wal fakkaatu akka raawwattee dubbatti.

Marsariitii Google'n jechoonni 'Atrology' fi 'War' jedhan namoonni baayyinaan barbaadaa turan biyyoota addunyaa kam irraa akka ta'e adda baasuuf yaalamee ture. Kanaanis hedduun Hindii fi Kooriyaa Kaabaa irraa ta'un bira gahameera.

Yunvarsitii Wotarlu Kaanaatti qorataa Sirna Addaa fi Hawaa kan ta'an Dr Gaalan Waatis, Urjii lakkaa'udhaan siyaasa wal xaxaa addunyaatiif fayyadamun 'dhimma hin fakkaanneedha'' jedhu.

Qorataan kun akka jedhaniitti, kallattii kanaan urjii lakkaa'uun ibsa sirrii kennuu ilaalchiisee hanga har'aatti odeeffannoo amansiisaan hin argamne.

Oggeettiin lakkoofsa urjii Niiw Yoork keessa jiraattu, Aliizaa Keelii, yeroo dhihoon asiitti namoonni baayyeen damee kanaaf fedhii agarsiisaa dhufusaanii dubbatti. Haata'u malee, oggeettiin tun ulaagaan damee kanaa cabaa dhufuusaa hunda caalaa akka ishee aarse dubbatti.

Keessattu miidiyaalee hawaasaa irratti namni hubannoo baayyee gadaanaa ta'e qabu kamuu lakkoofsa urjii kan ibsu ta'unsaa gochaa naamusa damee kanaa miidhuudha jechuun dubbatan.

''Waraanni nikulaaraa ni ka'aa? Waraanni Addunyaa sadaffaan ka'u danda'a? dhimmoota jedhan ijoo kanneeniif viidiyoo TikTokii sakandii 90n deebii kennuun naamusa damee kanaa miti'' jetti.

"Viidiyoowwan akkasii doowwattoota hedduu argatu, sababiinsaas miira kan kakaasaniidha. Nuti ogeessoonni damichaa urjii lakkaa'uun akkasi akka hin taane gorsin.''

Iliizaa'n bara 2016 tibba filannoo Ameerikaatti namoonni baayyeen waa'ee bu'aa filannoo baruudhaaf gara lakkoofsota urjiitti akka hawwataman kaafteetti.

Haala hin eegamneen Doonaald Tiraamp yoo Hilaarii Kilintan injiafaniitti, osoo haalicha hin hubatiin maaltu ta'aa jira jechuudhaan namoonni hedduun gaaffii qabachuun gara namoota urjii lakkaa'aniitti yaa'aa turan.

''Yeroo sanadha namoonni bitaan itti gale namoota urjii lakkaa'an irraa hubachuuf yoo ilaalan kanan hubadhe'' jetti.

Namoonni wanti hin eegamne yoo isaan mudatu fuulasaanii gara damee urjii lakkooftootaatti naanneeffachuun kan barameedha.

Yeroo weerarri kooviidi addunyaa raaseettis ''namoonni baayyeen baduudhaafii laata?'' jechuun dhiphaa turan. Tibba sanatti miliyoonooti fuulasaanii gara lakkooftoota urjiitti naanneessanii ture.

Kaasii leevantaal urjii lakkaa'uu ilaaluu kan jalqabde yeroo weerara kooviidiitti ture. Maatiinshee lamaanuu dhukkubsattoota kaansarii turan.

Isheenis maatiishee wallaansa irra turaniif gorsa kennaa kan turte odeeffannoo hakiimoota isaan wallaanaa turan irraa argattuun osoo hin taane, taa'umsa urjiifi pilaatenootaa ilaaluun ture.

Ta'us gorsa hakiimootaas hin dagattuu turte. Haa ta'u, malee gara lakkooftoota urjiitti cillaanfatti turte.

Urjii lakkaa'uun saayinsii akka hin taanee yoo itti himamuutti, akka isa hin haalle, ta'u garuu wantoota wal xaxaaafi bitaa namatti galaniif deebii argachuuf urjii lakkaa'uu akka ta'e mormiiti.

Fakkeenyaaf Doonaald Tiraamp ibsa gadi fagoo yoo kennitu akka jetti.

''Tiraamp pilaanetii kallattii dachiitiin jirtu hin qabu. Ji'i (ibsa miira kan qabu) Saajitaariiyasdha. Mallattoo ibiddaa qaba. Kana jechuun maal jechuudha? Namtichi miiraafi haala of hin to'anneen kan deemamu ta'usaati.''

Urjii lakkaa'uun amantaafi afuuraa?

Dr Waatsi akka jedhaniitti, urjii lakkaa'uun bifa amanta fi afuuraa qaba jechuun murteessuun rakkiisaadha.

''Namoonni Horoskopiin ilaalan yoo xinnaate humni isaan caaluu tokko waa'ee carraa jireenyaa ilaalichiisee agarsiisuuf dandeettii akka qabu kan amananiidha.''

Urjii lakkooftoonni ammoo addunyaa gara garaatti bifa adda addaa qabu.

Fakkeenyaaf Hindirratti urjii lakkooftoonni akka waan guddaatti ilaalamu. Fakkeenyaaf, gaa'ilaan dura urjii lakkoofsiifachuun kan barameedha. Akka waliif ta'an gaafatatu. Maatiiwwan tokko tokkos urjii lakkoofsiisuudhaan gaa'ila raggaasiifatu ykn ni diigu.

Dr Waatsi akka jedhaniitti, namoota xilaa biraatti keessattuu Indoota biratti akkuma itti toluutti itti fayydamu.

"Warri lixaa yoo lakkooftoota urjii bira dhaqan haaluma barbaachisummaasaatiin ilaaluudhaan. Dhimma du'aafi jireenyaa miti isaaniif. Yoo haalli ibsa isaa itti tole fudhachuu danda'a. Yoo ta'u baate ammoo dhiisuu danda'a. Baayyee hin cimsan.''

Qorannoo dhiheenya taasifameen Ameerikaatti ummanni parsantaa 27 ta'u urjii lakkoofsiifachuutti akka amanu agarsiiseera.

Dr Waatsi biyyoota lixaatti babal'ataa dhufuusaa ni tilmaamu. Keessattuu erga Doonaald Tiraamp gara aangootti dhufanii fi wantoonni hin eegamne umamuu eegalanii as namoonni gara urjii lakkooftootaa dhaquu hin ollee.

Ammas gaaffiin maaliif namoonni baayyeen bara kana keessa gara urjii lakkoofsiifachuutti deebii'an? Kan jedhuudha.

Deebiin Dr Waatsi gabaabuumatti akkas jedha: ''Tokkooffaa bashananisiisaadha. Lammaffaa nufisiisaadha. Bitaa kan namatti galuufi dhiphisiisaa bara ta'eetti deebii salphaa nu kenna. Salphaa kan jedhu garuu jala haa muramu.''