Jifataan Siitii Haaland aannan ayeetuu dhuguun maaf falmii kaase?

Dhimma soorataa jifataa Manchestar Siitii Erlingi Haalandi yeroo hedduu falmisiisadha.

Viidiyoon inni tibbana chaanaalii 'YouTube' isaa haaraa eegale irratti qoodee kan daawwattoota miliyoona shan ol argate ijoo dubbii ta'eera.

Viidiyoo kana keessatti Halaand akka aannan ayeetuu dhuguu akka jaalatu kan ibse yoo ta'u, ergasii namootni hedduun aannan hin danfine kana barbaaduuf gara ooyiruu qonnaa yaa'aa jiru.

Haland Yuutuubii irratti mata duree "Day in the Life of a Pro Footballer" jedhuun, taphataan sarara fuulduraa Maanchistar Siitii fi Noorweey ganna 25 kun daawwattoota isaaf hojii guyyaa guyyaa isaa dhiheessa.

Viidiyoo haala sanaan hojjatu keessatti yeroo nyaataa qopheessu, bashannaa fi nyaatullee dabalatee dawwattoota isaaf bal'inaan qooda.

Filannoo nyaataa isaa keessaa garuu aannan dheedhii (paastiraayized) hin taane, kan manneen daldalaa ykn suuqiiwwan gurguddoo keessatti hin argamne, dhuguu addatti xiyyeeffannoo miidiyaalee hawaasa ta'eera.

Ingilaand keessatti gurgurtaan aannaan dheedhii seera qabeessa ta'us, dhuguuf hin filatamuu akkasumallee suppermakeetiwwaan heddu keessatti hin aragamu.

Ejensiin Istaandardii Nyaataa (FSA) aannan dheedhiin "baakteeriyaa miidhaa geessisu kan summaa'uu nyaataa fiduu danda'u of keessaa qabaachuu mala" jechuun akeekkachiisa.

Kanaf namootni sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta'e, kanneen umuriin isaanii 65 ol ta'e, dubartoota ulfaa, daa'imman xixiqqoo fi namootni sirni ittisa qaamaa isaanii sababoota adda addaan miidhame kamiyyuu dhuguu akka hin qabne gorsa.

Haalandi hoo maaliif dhuguu filata? warra akkasuma dhuguu yaadaniif immoo dhiibbaa maali qaba?

Agarsiisa viidiyoo kana irratti Haalaand dhiyeessii aannan kana argachuuf gara naannawa qonnaa horiin aannanii jiran wayita daawwatu mul'ata.

''Aannan kana dhuguun nuuf gaarii natti fakkaata, garaachaaf, gogaa, lafee fi maashaaleef gaarii dha. Kanaafidha kanan dhugu " jedha Haaland viidiyoo kana keessatti.

Maddeen taphataa sarara fuulduraa kanaatti dhihoo ta'an ganama ganama shaakala booda burcuqqoo tokko akka dhugu, shaakala boodas akkasuma burcuqqoo tokko akka dhugu BBC Ispoortiitti himan.

Kunis erga hiriyaa isaanii kana baranii hojii idilee isaa guyya guyyaa akka ta'e kan eeran.

Salphaatti yoo ilaalle Haaland fayyaa akka isa taasisu itti dhagahama, kunis ga'umsa ispoortii isaaf yaada barbaachisaa dha. Kunis filannoo jireenyaa soorata ispoortii irratti xiyyeeffate ta'uu caalaa isa filannoo jireenyaa ta'eera.

Hiriyoonni garee Haaland Siitii tokko tokkos aannan dheedhii akka dhugan hubatameera, haa ta'u malee meeqa fi hangam akka fayyadaman hin ibsamne..

Aannan Inglaand keessatti dhugamu harki caalaan isaa kan danfifame kan wal'aaname (paastiraayized) ta'uun baakteeriyaa miidhaa geessisu keessaa dhabamsiifameedha.

Aannan dheedhiin Haalandi dhugu garuu kan haala walfakkaatu keessa darbe utuu hin taane wal'aansa tokko malee kallattiin bineeldota keessaa elmamuun ka;llattumaan gara qaruuraatti naqameedha.

"Aannan dheedhiin baakteeriyaa nyaata summii ta'e qabaachuu waan danda'uuf, beeladootni oomisha aannan dhugaatii dheedhii qorannooni dabalataa taasifamuu akka qabuu fi ulaagaaleen qulqullinaa annanichi qabaachu qabu ni jiru," jetti itti aantuun daayreektarri imaammataa FSA Naatasha Smith.

"To'annoon cimaan kun qulqullinaa fi fayyummaa qabiyyee aananichaa mirkaneessuuf kan gargaaruu fi filannoo fayyadamtootaa deeggaruuf kan kaayyeffate yoo ta'u akkasumallee namoonni dhibee achiin booda dhufuu danda'uuf saaxilamoo ta'an irraa fagaachuu akka qaban yaadachuun barbaachisaadha." jette.

Gurgurtaan aannan dheedhii saawwaa Ingilaandi, Weels fi Kaaba Ayerlaanditti kan hayyamamu yoo ta'u, garuu kallattiin fayyadamtootaaf kan gurguramuu danda'u qonnaan bultoota galmaa'anii fi aannan dhugaatii dheedhii oomishan qofaadha.

Gabaa qonnaan bultootaa eeyyama kanaa qabanii fi raabsitoota aannan kanaa qofatu salphaatti argachuu danda'a.

Iskootilaandi keessatti ammoo aannan kan fayadamuun dhorkaadha.

Aannan dheedhiin beeladoota dhukkuboota adda addaa akka dhukkuba tiruu irraa bilisa ta'an irraa, haala qulqullina qabuu fi waggaatti al lama qorannoon fayyaa taasifameef qofa irra argamantu faayidaa dhugaatiif oola.

Akkasumallee gabaaf dhiyaata yoo ta'e, mallattoo akeekkachiisa fayyaa barbaachisaa ta'e qabaachuu qaba.

Akka maddeen FSA jedhanitti, yoo ulaagaa kana hin eegne fayyaa hawaasaa rakkoo keessa galchuu waan maluuf of eggannoo cimaan kan taasifamuu qabuudha.

Ogeeyyiin maal jedhu?

Oomisha "balaa guddaa qabu" jedhamee kan waamamu ta'us, FSA'n fayyadamnii fi jaalatamummaan aannan dabaluu isaa gabaaseera.

Sababiin isaas "namoonni faayidaa fayyaa qaba jedhanii amanu," jedha dhaabbatichi haa ta'uu malee ragaan saayinsii amanamaan kana deeggaru guddaan akka hin jirree eere.

Qonni Haaland aannan bituuf keessatti mul'ate erga viidiyoon kun qilleensarra oole as oomishni isaanii "baay'ee jaallatama" ta'uu isaa Feesbuukii irratti maxxanseera.

Hojjettoonni "dhiphina guddaa keessa galaniiru," akkasumas ajaja maamiltoota isaa heddu guutuuf "yeroo dhiyootti saawwaan aannani haaraa dabaluuf akka jiran'' ibsan.

Ogeessi soorataa akaadaamii Siitii duraanii Daan Riichaardan BBC Ispoortiitti akka himanitti, yeroo hunda ''nageenyi nyaataa keenya akka hin miidhamne'' mirkaneessuuf ''filannoo fayyaqabeessa qabu'' barbaachisaa jedha.

"Dhimmi aannan dheedhii yoo ilaallee dhaabbileen tokko tokko balaa baakteeriyaa hir'isuu irratti hojii gaarii hojjetan tokko tokko argachuu dandeessa, Haaland bakka qulqullina olaanaa akkasii qabu akka filatu amantaa guddaan qaba."

"Ogeessi soorataa isaa aannan dheedhii balaa faalamaa olaanaa qabu akka bitu hin hayyamu.

''Namoonni kaan garuu filannoowwan nyaataa kana fakkaatu yeroo jalqaban, filannoowwan gatii salphaa fi salphaatti argaman kanneen dhukkuboota nyaataan daddarban qabachuu danda'an filachuu waan danda'aniif balaa guddaa ta'uu danda'a."

Riichaardan, adeemsi aannan dheedhii fayyadamuu ni guddata jettanii yaaddu jedhamee gaafatamee, "Wanti nama gaddisiisu, akkas ta'uu isaa nan arga."jedhe.

Namootni deeggarsa ogeeyyii qaban nyaata isaaniif barbaachisu filachuu kan danda'an ta'us hawaasni garuu nyaata fayya qabeessa ta'e irratti xiyyeeffachuu akka qabantu gorfamaa jedhan.