Biyyoonni jaallattoota saal-walfakkaataa dhorkaniifi adaban isaan kami?

Rogeessa jaallattoota saala walfakkaataa seera Indiyaa bara 2013 mormu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Rogeessa jaallattoota saala walfakkaataa seera Indiyaa bara 2013 mormu

Pirezidantii Itti Aantuu Ameerikaa Kaamaalaa Haariis gara biyyoota Afrikaa sadi- Gaanaa, Taanzaaniyaa fi Zaambiyaa wayita imalte waa'ee jaallattoota saala walfakkaataa irratti qeeqamteetti.

Jaallattoota saala walfakkaataa maqaa waloo LGBTQ jedhamuun beekamaniif falmuun namoota maqaansaanii adda durummaan ka'an keessaa tokko Kaamaalaa Haariis.

Gaanaa keessatti haasaa mata duree ''hunduu walqixa ilaalamuu qaba'' jedhuun paarlaamaa biyyattii duratti taasisteen seera biyyattii qeeqxe.

Gaanaan seera namoota saala walfakkaataaf falman adabsiisu qabdi. Akkasumas kanneen gocha akkanaa keessatti hirmaatan hunda hidhaan adabdi.

Afa yaa'iin biyyattii Alban Bagbin boodarra dubbii Kaamaalaa Haarisiin ''dimokiraatawaa kan hin taane'' fi seera baastonni ''yaada nama dhuunfaan raafamuu akka hin qabne,'' dubbatan.

Taanzaaniyaa keessattis daawwannaa pirezidantittii dura deeggarsa US garee LGBTQ jedhamaniif taasistu mormaa turan.

Ministiroonni fi namoonni siyaasaa biyyattii [mormitoota dabalatee] hiriira mormii akka qindeessan dhaadataniiru.

Itoophiyaan adabbiinsaa hagam akka ta'e ibsuu baattus, biyyattii keessatti saala walfakkaataadhaan hariiroo saal-quunnamtii uumuun seeraan ala.

Biyya kamfaa keessatti seeraan ala?

Biyyoota Afrikaa garii keessatti mirga jaallattoota saala walfakkaataaf kennamurratti mormiin ni ka'a

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota Afrikaa garii keessatti mirga jaallattoota saala walfakkaataaf kennamurratti mormiin ni ka'a
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni gariin ammoo, biyyoota Afrikaa dabalatee, seera namoota akkanaa adabsiisu kaasuun mirgi isaanii akka eegamu taasisaniiru.

Muddee 2022 paarlaamaan Singaapor dhorkaa saal-quunnamtii dhiirota gidduutti raawwatamurra kaa'ee ture kaaseera.

Ji'uma sana keessa Barbadoos seera jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisu kaaste.

Bara darbe ji'a Adoolessaa keessa manneen murtii Antigua fi Barbuda seerri jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisu bu'uura heeraa akka hin qabne labsan.

Guraandhala 2021 Pirezidantiin Angoolaa Joao Lourenco seera adabbii fooyya'ee ba'e, kan hariiroon jaallattoonni saala walfakkaataa uuman adabbiif akka isaan hin saaxille taasisu, irratti mallatteessanii turan.

Namoonni sababa fedhii saal-quunnamtii isaaniin qoollifatamuu fi jibbamuu akka hin qabnes raggaasisan.

Bara 2020 Gaabon seera namoota amala akkasii qaban adabsiisuu fi dhiirota saal-quunnamtii waliin raawwatan hanga ji'a ja'aa mana hidhaa tursiisu akkasumas maallaqaan adabsiisu kaasteetti.

Manni murtii olaanaa Botiswaanaa ammoo bara 2019 jaallattoonni saala walfakkaataa akka hin adabamne deeggare.

Mozaambik fi Siishelsi dhiheenya kana seera namoota amala akkasii qaban adabsiisu haqaniiru.

Haata'u malee biyyoonni seera jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisuu itti cimsanis hedduudha.

Afrikaa keessaa Naayijeeriyaa fi Yugaandaan akka fakkeenyaatti eeramu.

Keessattuu mootummaan Yugaandaa namoota akkasii irratti adabbii cimaa dabarsuun beekama.

Paarlaamaan biyyattii namoota gocha akkasii keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii humnaa fudhachuuf seera dandeessisu baaseera, kunis qeeqa guddaa kaasise.

Biyyoota garii keessatti ammoo yaaliin seera adabbii kana haquuf taasifamaa ture hin milkaa'in hafeera.

Caamsaa 2019 manni murtii Keeniyaa seera namoota saala walfakkaataa osoo qabanii hariiroo quunnamtii saalaa uuman adabsiisu deeggare.

Guraandhala 2023 ammoo aanga'oonni Keeniyaa hawaasni LGBT dhaabbata mirga isaaniif falmu hundeessuun akka hin galmoofneef dhorkuun isaanii dogoggora jechuun Manni Murtii Olaanaa murteesse.

Ta'us garuu walqunnamtiin saala walfakkaataa jidduutti raawwatu yakka akka ta'etti itti fufa jedheera.

Biyyoota Baha Afrikaa jiran keessaa Itoophiyaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan fi Sudaan Kibbaa jaallattoota saala walfakkaataa ni adabu.

Jibuutii keessatti garuu seera qabeessa.

Yugaandaan du'aan kan adabdu yoo taatu Itoophiyaan ala biyyoonni Baha Afrikaa kaan hidhaa cimaadhaan adabu akka ragaa jaarmiyaa mirga jaallattoota saala walfakkaataaf quuqamu- Ilga jedhamuutti.

Bu'aa bulchiinsa kolonii

Seeronni jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisan hedduun bara gita bittaa koloneeffattoota Awurooppaa ba'an.

Biyyoota hedduu keessatti seera kana cabsuun waggaa dheeraa nama adabsiisa.

Biyyoota Koomanweelzi (Common Weath) jedhaman 53 keessaa 23 keessatti gochi jaallattootaa saala walfakkaataa seeraan dhorkameera.

Biyyoonni seera akkasii qaban hedduun biyyoota gita bittaa Ingiliiz jala turaniidha.

Kanaaf ka'umsa kan ta'e ammoo seerota Ingilizii keessa dhiironni waliisaanii waliin quunnamtii saalaa akka raawwatan kan eeyyamu jiraachuudha.

Seerri biyyoonni baasan garuu dhiirota qofarratti osoo hin taane yeroo keessa dubartoota irrattis hojiirra ooluu eegale.

Jaarmiyaan idiladdunyaa jaallattoota saala walfakkaataaf falmu- Ilga jedhamu seerota gama kanaan addunyaarra jiran ni hordofa.

Iraan, Burundii, Mooriishees, Sa'uudii Arabiyaa, Yaman, bulchiinsa kaaba Naayijeeriyaa keessatti jaallattoonni saala walfakkaataa du'aan akka adabaman jaarmiyaan kun ni ibsa.

Sudaan adabbii du'aa namoota akkasiirratti dabarsaa turte bara 2020 kaaste.

Jijjiiramoota dhufaa jiran

Biyyoonni addunyaa seera namoota jaallattoota saala walfakkaataa ta'an adabsiisu kaasuu ilaalchisee jijjiirama agarsiisaa jiru.

Hanga ammaatti biyyoonni 33 gaa'ela saala walfakkaataa gidduutti raawwatuuf beekamtii kennaniiru.

Biyyoonni 34 ammoo namoonni saala walfakkaataa qaban akka jaalallee walii ta'an eeyyamaniiru.

Afrikaa keessaa gaa'ila namoota saala walfakkaataa qabaniif beekamtii kan kennan Afrikaa Kibbaa fi oddoolaawwan Faransaay- Mayotte fi Reunion jedhamaniidha.