Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroof dhukaasa dhaabuun waraana guutummaatti xumuruu danda'aa?
Waraanni torban lamaaf Tehran fi Washington gidduutti taasifame furmaata waaraaf karaa saaqaa? kan jedhu amma gaaffii waligalticha booda ijoo dubbii ta'aa jiruudha.
Waraana torban jahaaf Iraan, Ameerikaa fi Israa'el gidduutti gaggeefame booda tattaffii fi gidduu seentuummaan Paakistaaniin daqiiqaa dhumaa irratti, doorsisa pirezidaantiin Ameerikaa Iraan halkan tokkotti mancaasuun gara bara dhagaattin isaan deebisa jedhe" akka hin raawwanne dhorkuu danda'eera.
Waliigalteen yeroo torban lamaaf dhukaasa dhaabuu erga labsamee booda battalumatti hojiirra kan oole yoo ta'u, yeroo kanattis dooniiwwaan karaa ulaa Hormuz keessa akka darban kan hayyamamudha.
Tiraamp miidiyaa hawaasaa 'Truth Social' irratti akka barreessetti dhukaasa dhaabuuf kan walii galaniif "nageenya yeroo dheeraa Iraan waliin, fi Baha Giddu Galeessaa keessatti fiduu ilaalchisee Waliigaltee murtaa'aa ta'e irra ga'uufi''.
''Qabxiilee waldhabdee Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru hundi jechuun ni danda'ama furmaata argateera garuu yeroon torban lamaa kun waliigalticha guutummaan xumuruu ni dandeessisa,'' jedhan.
"Rakkoo yeroo dheeraa kana furmaata itti gochuuf akkasitti dhihaachuun kabaja guddaadha."jechuun ibsan.
Boodarra Tiraamp miidiyaa AFP''tti akka himanitti, US ''injifannoo waliigalaa fi guutuu ta'e'' galmeessisuun ishee gaaffiin hin jiru jedhan.
Haa ta'u malee, Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Ol'aanaa Iraan (SNSC) Ameerikaan kufaatii seena qabeessa ta'etu mudachaa jira jedhe.
Manni marichaa itti dabaluudhaan mariin waliigaltee kana xumuruu guyyoota 15 keessatti Paakistaan keessatti akka gaggeefamuu fi "injifannoon Iraan dirree irratti argatte marii waraanaa fi siyaasaa keessatti ni cima'' jechuun ibsseera.
Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaz Shariif akka jedhanitti, "qaamoleen lachuu ogummaa fi hubannoo ajaa'ibaa agarsiisuun kaayyoo nagaa fi tasgabbii fuulduratti tarkaanfachiisuuf qaban mul'isaniiru" jedhan.
Akkasumas "mariin Islaamaabaad" milkaa'ee yeroo dhiyootti oduu gammachiisaa dabalataa akka fidu abdiin qaba jedhan.
Akkasumas barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antoniyoo Guuteres "qaamotni waldhabdee amma Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate hundi dirqama seera idil-addunyaa jalatti qaban akka kabajanii fi haalawwan dhukaasa dhaabuu akka kabajan, naannicha keessatti nagaa waaraa fi hunda galeessa ta'e akka uumamu karaa saaquu akka tumsan" gaafataniiru.
Garuu akkuma waldhabdee biroo, dhukaasa dhaabuun torban lamaa irraa gara nagaa yeroo dheeraatti ce'uun kamiyyuu ammallee dippilomaasii ogummaa guddaa qabu barbaada.
"Dhukaa dhaabuu" jechuun maal jechuudha?
Akka UN jedhutti, jecha "dhukaasa dhaabuu" jedhuuf hiikni tokko kan addunyaa irratti fudhatama qabu hin jiru.
Jechi kun ajaja waraanaa hiikni isaa "dhukaasa dhaabuu" jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u, innis faallaa ajaja "dhukaasa banuu" jedhuuti.
Dhukaasa dhaabuun waan gamoonni lamaan irratti walii galan irratti hundaa'uun hiika adda addaa qabaachuu kan danda'u yoo ta'u isaan waanuma fedhan jechuun waliigaluu danda'u.
Haa ta'u malee, UN yeroo baayyee jechoota "dhukaasa dhaabuu" fi "diinummaa dhaabuu" jedhan gidduu garaagarummaan akka jiru ibsa.
Diinummaa dhaabuun yeroo baayyee waliigaltee al-kallatti lola dhaabuuf taasifamuudha.
Dhukaasa dhaabuun yeroo baayyee waliigaltee sirnaa ta'ee fi seera ifa ta'e qaba. Kana malees waliigaltee bal'aa kan akka:
- kaayyoo dhukaasa dhaabuu
- adeemsa siyaasaa isa hordofu
- yeroo hojiirra oolu
- naannoo teessuma lafaa inni uwwisu
Akkasumas sochiin waraanaa maaltu akka hayyamamee fi kan hin hayyamamne, dabalatee dhukaasa dhaabuun akkamitti akka hordofamuf kan gargaaru maluudha.
Fakkeenyaaf, waraanni biyya keessaa Laayibeeriyaa keessatti godhame , waliigaltee nagaa booda bara 1993 xumurame. Mootummaan Yeroo Tokkummaa Biyyaalessaa Adda Sabboonummaa Biyyaalessaa Laayibeeriyaa fi Sochii Bilisummaa Tokkummaa Laayibeeriyaa Dimokiraasii waliin waliigaltee uume .
Gamni lachuu meeshaa waraanaa fi rasaasa biyya alaa galchuu dhaabuu, bakka waraanaas ta'ee ejjennoo isaanii akka hin jijjiirre, diinummaa dabalataa kakaasurraa of qusachuu fi albuudaa fi meeshaalee dhuka'an akka hin fayyadamne waliigalaniiru.
Dhukaasa dhaabuun dhaabbataa moo yeroof kan ta'u qofa?
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii lamaanuu ta'uu danda'a jedha.
Yeroo tokko tokko, gareewwan wal lolan yeroodhaaf dhukaasa dhaabuuf walii galu.
Kunis jeequmsa hir'isuuf ykn gargaarsa namoomaa hayyamuuf ta'uu danda'a.
Fakkeenyaaf Israa'elii fi Hamaas Sadaasa 24 hanga 30 bara 2023tti yeroodhaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalanii ture.
Yeroo kana keessatti Hamaas namoota butaman 105 gadhiisee hidhamtoota gara 240 wal jijjiiran.
Yeroodhaaf dhukaasni dhaabuunis haala marii fooyya'aa uumuuf gargaaruu danda'a.
Tarkaanfii jalqabaa dhukaasa dhaabuu dhaabbataa fi waliigaltee nagaa yeroo dheeraas ta'uu danda'a.
Baatii Waxabajjii bara 2000 keessa Itoophiyaa fi Eertiraan waraana waggotaf gidduu isaanii ture dhukaasa dhaabuun akka mari'atan walii galan. Baatii Muddee keessas Waliigaltee Aljeersi jedhamu kan waraana isaanii xumure mallatteessan.
Haa ta'u malee, yeroodhaaf dhukaasa dhaabuun yeroo hunda nagaa hin fidu. Yeroo tokko tokko ni kufa. Dhukaasa dhaabuu duraa fi booda waligaltichi cabee ykn dadhabaa ta'uu irraa kan ka'e waraanni itti fufuu danda'a.
Fakkeenyaaf, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara 1978, 1981 fi 1982tti Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuu qopheessuuf gargaareera, garuu yeroo hundumaa lolli deebi'ee jalqabama. Waraanni bara 1975 eegale kun bara 1990 tti qofa xumurame.
Yeroo tokko tokko biyyoonni (gareen tokko ykn gareen lammanuu)nagaa dhiisanii lola dabalataaf qophaa'uuf yeroof dhukaasa dhaabuutti fayyadamu barbaaduu dandaʼu.
Dhukaasa dhaabuun murtaa'aan (ykn dhaabbataa) yeroo baay'ee kan dhufu marii nagaa gama wal waraanaa jiran lamaan gidduutti milkaa'aa ta'e hordofeeti.
Akka idileetti tarkaanfiwwaanakka loltoonni meeshaa waraanaa isaanii akka hiikkatan ykn dirree waraanaa gadhiisuufaa of keessatti qabata. Nageenyi erga waliigalamee boodas tarkaanfiin nageenyaa waggoota dheeraaf turuu mala.
Fakkeenyaaf, Waliigaltee Good Friday agreement' jedhamu bara 1998 Kaaba Ayerlaanditti gaggeeffame, irratti gareewwan hidhatanii wal waraanaa turan lammanuu meeshaa waraanaa isaanii akka hiikkatan walii galii kan hammate ture.
Waliigaltichis keewwata nagaa fi bulchiinsa daangaa Kaaba Ayerlaandi fi Rippabiliika Ayerlaandi gidduu jiru kan waldhabdee daldala irratti uume banaa taasisuufaa of keessaa qaba ture.
Dhukaasa dhaabuun daangeffama akkamii of keessaa qaba?
Israa'elii fi Hamaas yeroof dhukaasa dhaabuu isaanii Sadaasa bara 2023 ''gargaarsa namoomaa'' jechuun waamuun isaanii ni yaadatama.
Gargaarsa Namoomaaf waraana dhaabuun yeroo tokko tokko jeequmsa lolaa hir'isuuf ykn rakkoo namoomaa salphisuuf itti fayyadama.
Fakkeenyaaf, mootummaan Sudaan gareewwan hidhattoota lama, Sochii Bilisummaa Sudaan fi Sochii Haqaa fi Walqixxummaa waliin dhukaasa dhaabuuf walii galuun, lola Daarfuur keessatti guyyoota 45f dhaabsisuun, dhaabbileen gargaarsa namoomaa namoota naannoo sanaa akka geessaniif hayyame.
Bara 2004 Indooneezhiyaan obomboleettiin erga rukutamtee booda mootummaan Indooneezhiyaa fi Sochiin Bilisaa Aceh lamaan isaanii iyyuu naannoo lola turanitti gargaarsi akka geessuuf dhukaasa dhaabuu labsan.
Lola naannoo murtaa'e tokkotti gaggeeffamu dhaabuufis waliigalteewwan jiraachuu danda'u, kunis dhukaasa dhaabuu teessuma lafaa jedhama.
Bara 2018 Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii mootummaa Yaman fi Huutii gidduutti waliigaltee uumuun ummata naannoo sanaa eeguuf naannoo buufata doonii Galaana Diimaa Hodeyidaatti lola godhamu akka dhaabbatu taasiseera.