'Haala baayyee ulfaataa': Lammiileen Iraan manaa baqatan 'suuraalee manasaanii dhumaa' qoodan

Soofawwan nama maleeyyii, kan muraasni isaanii dura ammoo boorsaa meeshaadhaan guutame kaa'ametu mul'ata. Biqiltoonni qodaa keessatti biqilfaman, faayaafi kutaan nyaanni itti bilcheefamu hafaan sirnaan qindaa'anii mul'atu.

Nama miidiyaa haasaa irratti dhiibbaa qabu tokkoon miidiyaa hawaasaa afaan Faarsi dubbatan itti fayyadaman irratti mata duree "suuraa manaa isa dhumaa" jedhuun qoodame naannaawaa ture.

Suuraawwan kunneenis namoonni balbala isaanii cufanii magaalaa isaanii osoo dhiisanii hin bahiin dura kan qoodameedha.

Israa'el Iraan irratti boombii darbachuu wayita itti fufteetti, jiraattonni magaalaa guddoo Tehraan hedduun, mannisaanii osoo hin miidhamiin itti deebii'usaanii kan hin beekne, manasaanii cufuu fi hiriiranii boba'aa konkolaataa eeggachuurra baqachuu filatan.

Isaan keessaa tokko akkas jedhee barreesse: "Yaadannoo namoota jaalladhu irraa naaf kennamee fi wantoota barbaachisoo ta'an walitti qabee, biqiltoota koo bishaan obaasee, imala eegale. Deebi'uu fi dhiisuu kee bakka hin beeknetti manaa bahuun baay'ee ulfaataadha."

Namni biraan immoo: "Waa'ee manakoo gaddi akkasii gonkumaa natti dhaga'amee hin beeku. Yoomi akkan deebi'uu fi dhiisuu koo hin beeku."

Fayyadamaan tokko suuraa bakka hojii, kompiitaraa fi hedfoonii qabate maxxansee akkas jedhee barreesse: "Wantoota argachuudhaaf baay'ee hojjedhee, wantoota hirriba dhabee fi rifeensikoo itti aarrii baaseetti nagaa dhaameera. Yeroon deebi'utti as deebiisee argadhu abdiin qaba."

Jiraataan magaalattii namoota miliyoona 10 qabdu kan biraan ammoo waa'ee gara magaalaa guddootti dhufuu, "abjuu yunivarsiitii galuu fi hojii argachuun" kan guutame akka ture barreesse.

Itti dabaluudhaanis: "Manakoo keessaa waan hundaa jaalalaafi carraaqqiidhaan bitadhee qindeessee ture. Gaaf tokko gara bakka jeennata nageenyakootti akkan deebii'u abdachuunan, sagalee malee nagaa itti dhaamee bahe."

Namoonni kunniinis osoo Israa'el ajaja akka gadhiisanii bahanii guyyaa Kibxataa baasuun dura ture kan manasaanii dhiisanii bahuuf murtee kan fudhatan.

Waraanni Israa'el kutaalee magaalattii kaartaa irratti mallattoo kaa'uun, jiraattonni naannoo bal'aa kaaba Tehraan keessaa ''hatattamaan'' bahuu qabu jedhee ture.

Ajajini kunis kan ta'e haleellaa qilleensaa Israa'el Iraan irratti raawwatte eegaltee guyyaa 4ffaa irratti yoo ta'u, akka ministeerri fayyaa Iraan ibsutti. yoo xiqqaate namoota 224 galaafattee jirti. Haaloo bahuuf ammoo Tehraanis haleellaa misaa'ela magaalota Israa'el irratti raawwattee yoo xiqqaate namoota 24 ajjeeffamusaanii mootummaan Israa'el beeksise.

Haleellaan Israa'el jalqaba irratti iddoowwan nikularaa fi waraanaa akkasumas qondaaltota olaanoo irratti kan xiyyeeffate ture. Haata'u malee, akkuma duulli kun bal'achaa adeemeen magaalaan guddoon Iraan naannoo mana jireenyaa dabalatee yeroo hedduu haleellamuun jiraattotashee biratti sodaa uumuun isaa ni yaadatama.

Gaazexeessitoonni BBC sababa uggura mootummaan Iraan kaa'een biyyattii keessaa gabaasa dhiyeessuu kan hin dandeenye yoo ta'u, lammiileen Iraan tokko tokko garuu BBC Persian qunnamuun muuxannoo isaanii qoodaniiru.

Jiraattonni tokko tokko turuuf murteessuu dubbatu. Kunis sababa maanguddoota, ijoollee xixiqqoo, fedhii yaalaa, ykn filannoo dhabuutiin qeesaanii baqachu hin dandeenye.

Dubartiin ulfaa mucaa xiqqoo biraas akka qabdu BBC Persian'tti akka himte tokko: "Tiraafikaa kana keessa akkamiittan jiraadha? Wanti ani ijaare hundi as jira... eessan deema?"

Kan biraan immoo, qeenxee waan taateef gara maatiishee kan Shiraaz qofaa dhaquudhaa jecha imala kiiloo meetira 800 imaluun balaaf saaxilamuu akka hin barbaanne dubbatteetti.

''Konkolaataa qabaadhus, Tehraan gadhiisuuf sodaan kiyya guddaan fageenya dheeraa, hanqina boba'aa fi rakkoolee akka konkolaataa rakkiin mudachuu danda'udha,'' jetteetti.

Hiriyoonni Tehraan gadhiisanii bahan sa'aatii dheeraaf tiraafikaa cufame keessatti qabamaniiru jetteetti.

"Wanti akka idileetti sa'aatii 10–12 fudhatu amma sa'aatii 20 isaan fudhate. Akkasumas tikkeettiin otobusii hin jiru."

Dubartiin umuriin waggaa 40 fi ijoollee xixiqqoo lama akka qabdu BBCtti himte tokkos, ''eessayyuu akka hin deemne'' ibsiteetti.

"Dhugaa dubbachuudhaaf, amma manakoo dhiisee deemee isa barbadaa'aatti deebi'ee dhufuu yaaduu hin danda'u. Waggoota kana hunda baay'ee hojjedheera - bara Kooviid, qaala'iinsa jireenyaa, waan hedduu keessan darbe.

''Bakka amma jiru ga'uuf rakkadheera. Yoo wanti hundi diigamuuf jira ta'e, ijoolleen koo fi ani mana keenya waliin deemuun naaf wayya. Sababiin isaas ani irra deebi'ee jalqabuuf humna waanan hin qabneefidha."

Rakkoon kun lammiileen Iraan miliyoonaan lakkaa'aman kanneen biyyattiin ala jiraataniif tajaajila interneetii ciccitaa jiruun namoota jaalatan ykn maatiisaanii quunnamuuf yaalan, yaadda'aa jiru.

Fayyadamaan Inistaagiraamii tokko akkas jechuun barreesseera: "Duraan godaansa keessatti wanti ulfaataa ta'e biyya yaaduudha jennee yaadna turre. Amma garuu waraanni waan jiruuf, kanaaf yaaddoon dhugaa fageenyarraa ta'uu maal akka ta'e nutti dhaga'amu baranneerra."

Lammiileen Iraan biyya alaa jiraatan tokko tokkos cimsanii gaafatan illeen firoottan isaanii magaalattii keessaa bahuu diduusaanii himaniiru.

Ergaa akkasii kanaaf deebii kennuudhaaf jiraataan magaalaa Tehraan tokko akkas jechuun barreesse: "Kaan maallaqa hin qaban. Gariin ammoo bakka itti baqatan hin qaban. Bahaa nuun hin jedhinaa."