Kirkira lafaa Afgaanistaanitti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uu malu

Kirkira lafaa hamaa lixa Afgaanistaan naannoo daangaa Iraan irratti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uu malu sodaan jedhu jira.

Kirkirri lafaa maagnitiyuudii 6.3 qabu gandoota baayyee magaalaa Heraat jedhamturraa fageenya kiilo meetira 40 irratti argaman barbadeesseera.

Gamoowwan hedduu kan miidhaman yoo tahu jijjigaa isaanii jalas namoonni danqamaniiru yaaddoon jedhu jira, kirkirri lafaa inni jalqabaa mudachuun booda kirkirri lafaa sadi dhagahameera.

Namoonni balaa kanarraa hafan gamoowwan waajiraa socho'uun jijjiguu jalqabnaan raafamuu isaanii himu.

Kirkirri lafaa kuni Sanbata kaleessaa halkan keessaa sa'atii 5:00 irratti mudate.

''Waajira keessa otoo teenyu gamoon keenyi tasa socho'uu jalqabe. Waan keenyan irra rarra'ee jiru kukkufuu jalqabe, achii keenyaniyyuu tarsa'uun jiguu jalqabe,'' jechuun jiraataan Heraat Bashiir Ahimad BBCtti hime.

''Maatii quunnamuu hin dandeenye...akka malee yaadda'eera, waan mudate nama jeeqa,'' jedheera.

Lakkoofsa namoota lubbuun darbee irratti gabaasa wal-faalleessutu bahaa jira.

Daarektarri hospitaala Heraat namoonni 255 yoo du'an kanneen 500tti siqan ammoo madaa'aniiru jedhan. Kaan immoo lakkoofsi namoota du'anii kana akka caalu himu.

Hoggansi to'annoo balaa bulchiinsa kanaa Mosaa Ashaarii ammoo, ''dubartoonni, ijoollee fi manguddoonni 1000 miidhamuu himuun kanneen 120 tahan immoo lubbuun darbeera,'' jedhu.

Viidiyoo Hospitaala Gidduugalaa Heraati irraa waraabame namoota ala gamoo guddaa biratti yaalamaa jiraniifi kanneen wal'aansa hatattamaa barbaadaa jiran agarsiisa.

Suuraaleen biroo ammoo jijjigaa gamoowwan hojii namoota danqaman baraaruu rakkisaa taasise agarsiisan bahaa jiru.

''Haalli ture baayyee hammaataa dha, waan akkasii takkaa argee hin beeku,'' jechuun barataa Idrees Arsaalaa AFP'tti hime. Erga kirkirri lafaa eegalee daree barachaa ture keessaa nama dhumarratti of baase dha.

Heraat daangaa Iraan irraa kiilo meetira 120 qofa fagaatti, Afgaanistaaniifi naannoon daangaa kuni akka wiirtuu aadaatti ilaalama. Namoonni miiliyoona 1.9 bulchiinsa kana keessa jiraatu jedhamee amanama.

Afgaanistaan biyya irra deddeebiin kirkira lafaan kan mudatu yoo tahu, Waxabajji darbe bulchiinsa Paakrikaatti kirkira lafaa 5.9 mudatee tureen namoonni 1000 yoo du'an kanneen kuma kurnaan lakkaa'aman ammoo miidhamaniiru.