Waan sammuu hoogganaa olaanaa Taalibaan keessa jiruufi addunyaaf icciitii ta'e

Taalibaan erga Afgaanistaan keessatti aangoo qabatee waggaa lama guuteera.

Waggoota lamaan kana keessatti gareen kun seeroota bu'urrisaanii Shari'aa ta'e irraa maddaniifi akkaan jajjaboo ta'an hojiirra oolchaa ba'eera.

Seera jiruu lammiilee miiliyoona 40 ta'anii qajeelchu kana duuba harka nama tokkootu jira. Innis duree olaanaa Taalibaan Hibaatullaa Akundizaadaa jedhama.

Umuriinsaa waggaa 70 keessa jedhamee kan amanamu ajajaan olaanaan Taalibaan kun, waa'eensaa addunyaaf qofa osoo hin taane Afgaanistaaniifuu iccitiidha.

Suuraasaa interneetarraa yoo barbaaddu lama qofa argita. Innuu kan bara 1990oota keessa akka paaspoortiif ta'utti kaafameedha.

Erga humnoonni idil-addunyaa biyyattii keessaa ba'anii yeroon inni hawaasatti mul'ate qubaan lakkaa'ama.

Gaazexeessitootattis dubbatee hin beeku.

Bulchiinsi Taalibaan shamarran barnootarraa dhorkuu fi dubartoota hojii fi hawaasatti ba'uurraa dhorkuun himatama.

Hoogganaan kun kanarrattis as ba'ee waan dubbate hin qabu.

Haalaa fi amala hoogganaa, hawaasa jalaa of dhoksuu filatee, kanaa hubachuuf BBC'n haasaawwan inni taasise hunda xiinxaleera.

Erga bara 2016 hoogganaa Taalibaan ta'ee seerota inni labse 65 fi bara 2018 irraa eegalee ergaawwan inni ayyaanota Iidii irratti dabarse shan akkasumas erga Taalibaan yeroo lammaffaaf Hagayya 2021 aangoo qabatee kan jiran hunda BBCn akka maddatti fayyadameera.

Haasaawwan hoogganaa kanaa erga Taalibaan aangoo qabatee walitti qindeeffamanii maxxanfamaniiru.

Barreeffamoonni kunneen hunduu mala Natural Language Processing jedhamuun qo'atamaniiru.

Tooftaan kun jechootaa fi yaadota namni kun irra deddeebiin fayyadamu hunda adda baasa.

Islaama fi Hibaatullaa

Jechoota 170 ol lakkaa'aman keessaa jechi hoogganaa olaanaan taalibaan kun deddeebi'ee waamu 'Islaam' kan jedhuudha.

Jechoota inni dubbatu keessaa garri caalaan 'Islaam' kan jedhu ta'uusaa fi haaluma kanaan hoogganaan kun, Afgaanistaan seera Islaamaan taliigamuu qabdi jechuun deddeebi'ee dubbachuunsaas barameera.

Akka ilaalcha Hibaatullaatti amantee fi mootummaa gidduu gargaarummaan hin jiru.

Islaam inni baanu Mootummaa Islaamaa seera Shari'aan hoogganamuudha.

Lammiileen Afgaanistaan jireenyasaanii akkaataa bu'uuraa kanaan gaggeessuu akka qaban dhaameera.

Namoonni isa qeeqan, akkaataan inni itti Islaamummaa hiikkatee hojiirra oolchaa jiru, akkaataa biyyoota amantiin Islaamaa keessati heddummaatu biroo 50 irraa adda jedhu.

Taalibaan dubartooti hawaasatti akka gadi hin baane, mana ispoortii akka hin deemne, mana bareedinaa fi mana barumsaa akka hin seenne dhorkuun mirgasaanii sarbuu eeruun UN bulchiinsa garee kanaan ''appaartaayidii koornayaa'' jedheen.

Ilaalcha warra Lixaarratti

Hoogganaan Taalibaan haasawa isaa maxxanfame keessatti jecha filannoo jedhu wayita maqaa dhahu yeroo tokko qofa dhagahame.

Innis Waxabajjii 2022 wayita beektota Islaamaaf magaalaa Kaabul keessatti haasawa taasise ture.

''An pireezidantii miti, filatamees miti. Yookiin ammoo nama siyaasaa micciiramaa miti,'' jechuun dubbate.

Tuffii fi jibbiinsi inni dimokiraasii warra lixaa irraa qabu yoomuu hin jijjiiramne.

Osoo Kaabul hin to'atin duraan haasaawwan taasisaa ture keessatti yeroo 55 maqaa Ameerikaa akka nyaapha hamaatti kaaseera.

Erga aangooo qabatee garuu yeroon inni maqaa Ameerikaa waame akkaan muraasa.

Yoo maqaa dhahes akkaataa hawaasi addunyaa akka inni hoogganaa olaanaa Afgaanistaan ta'uu hubachuu qabuttidha.

Dubartootaa fi Taalibaan

Hoogganaa olaanaan Taalibaan kun haasaa isaa bara 2018 irraa eegalee taasisaa ture keessatti jecha dubattii jedhu yeroo 13 qofa waame.

Erga waggaa lama dura aangoo qabatee ammoo kallattiidhaan waamee hin beeku. Isa biratti dubartiin tokko of dandeessee akka dhala namaa tokkootti hin eeramtu.

Tooftaa ittiin dandeettii dubartootaa gadi qabuun, dubartoota cabsu bocee hojiirra oolcheera. Dubartoonni akka hin barannee fi hin hojjenne dhorkuun tooftaalee kanneen keessaati.

Uummata Afgaanistaan keessaa dubartoonni walakkaa ol ta'anis, Hibaatullaa Akundizaadaa garuu dantaa dubartootaaf xiyyeeffannaa hin kennu.

Waraanaa eebbifamaa

Qondaalli Taalibaan kun haasawa isaa keessatti jechoota 'Jihaad' fi Mujaahidiin' jedhan yeroo 160 waameera.

Muslimoota hedduu biratti 'Jihaad' jechuun cubbuudhaan loluu fi waan gaarii hojjechuuf qabsaa'uutti hubatama.

Jechoota hoogganaa Taalibaan Hibaatullaa keessatti garuu diinota Islaamaa irratti duuluu fi waraana eebbifamaa banuu kan akeekuudha.

'Mujaahidiin' jechuun namoota karaa 'Jihaadii' irra jiran jechuudha.

Hoogganaan Taalibaan kun jecha 'Jihaad' jedhu fayyadamuunsaa haala dhaloonni Taalibaan haaraan amma itti jiraniin yoo ilaalamu dhimma walxaxaadha.

Dhaloonni ammaa Taalibaan, waraana walakkaatti haa guddataniyyuu malee yeroo ammaa haga tokko haala nageenyaa keessa jiraatu.

Yeroo ammaa dargaggoonni hedduun seeraahn ala daangaa Afgaanistaan qaxxaamuruun gara Paakistaan ce'anii garee hidhatee socho'u- Tehrik-i-Taliban Pakistan, TTP, jedhamutti makamaa jiru.

Bulchiinsi Taalibaan loltoonni garas akka hin imalle ifatti dhorka kaa'aniiru, hidhattoonni hedduun garuu dirree waraanaa hiriiruuf kutannoo fi fedhii akka qaban ibsaa jiru.