Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ho'a cimaa Awurooppaa keessatti hammaate lammiilen Itoophiyaa achi jiran maal jedhu?
Biyyoota Awuroopppaa hedduu keessatti ho'i akka malee hammaachurraa kan ka'e, mootummoonni biyyoota kanneenii lammiileesaanif akeekkachiisa sochii kennaa jiru.
Biyyoota tokko tokko keessatti ammoo sababa ho'insi akka malee ol-ka'eef balaan abiddaa ka'ee qabeenya hedduu mancaasaa jira.
Biyyoonni akka Xaaliyaan, Giriik, Jarmanii, Siwizarlaand, UK, Ispeen fa'aa balaa ho'a cimaa kanaan rakkataa jiru.
Ejansiin Meetiroolojii Addunyaa akka jedhetti Ardii Awurooppaatti ho'inni rikardii haaraa ta'e galmaa'eera.
Bara 2021tti Xaaliyaan, Sisiilitti ho'inni digrii seentigiredii 48.8 galmaa'ee ture. Kan alana Awurooppaatti mudate kun bara 2021 kan caaludha jedhe ejansiin kun.
Xaaliyaan magaalota hedduu keessatti akeekkachiisa kenniteetti.
Hoo'a cimaa Awurooppaatti mudate kanaan wal-qabatee haala achi jiru lammiilen Itoophiyaa achi jiran irraa BBCn iyyaafateera.
Sheek Mu'aaz Xaaliyaan magaalaa Miilaan jiraatu. Biyyattii keessa ho'inni cimaan digrii seentigireedii 40 ol ta'e akka jiruufi akeekkachiisni kennamuu himu.
"Ho'i ni jira; fakeenyaaf gara Sisiiliyaa kana hoo'ina [guddaatu] jira jedhan," jechuun mootummaan akka beeksise himan.
Iddoo isaan jiraatan magaalaa Milaan keessas ho'i cimaan akka jiru himu. "Fakkeenyaaf, Milaanoo keessa har'ayyuu [Adoolessa 17] gara 40 [digrii seentigireedii] seenee jira. Torbee dhufu keessa ammoo baay'ee ni dabala, gara 50 [digrii seentigireedii]tti illee ol dabala jedhanii haasa'an," jedhan Sheek Mu'aaz.
Jiraataan magaalaa Miilan kun akka jedhanitti keessumaa ijoolleefi daa'immaniif of-eeggannoon akka godhamu qondaalonni akeekkachiisni kennameefira.
"Torbee dhufu kana keessa ho'i baay'inaan jira waan ta'eef ijoolleefi nama gurguddaadhaf eeggannoo godhaa wanni jedhu jira," jedhu.
Sheek Mu'aaz akka jedhanitti lammiilen biyyoota kanaa ho'i kun kan itti ulfaatuf yeroo dheeraa haala qilleensaa qabbanaa'aa keessa turuufi ho'a akkanaatin qaamni isaanii wal-hin barreefi jedhu.
"Biyyi kun baay'inaan jireenyi [haalli qilleensa] isaanii in qabbanaa'a. Waggaa keesssatti irra guddaa ji'ootaa qabbanaan dabarsa. Kanaaf aadeffannaa uummataatii ol ta'a.
"Biyyoota Arabaa keessatti ho'i [digrii seentigireedii] 50 ol fa'aa ta'ee namoonnisaanii inuma jiraatu waan itti baraniif. Biyya kanatti garuu gaafa hoo'i afurtamarra ol-dabru baay'ee muddaman; maaliif [yoo jenne] qaamni isaanii aadeffannaa isaa hin qabu," jechuun kanaaf akeekkachiisni akka kennamu himu.
Jiraataan biraa BBCn Xaaliyan magaalaa Milaan irraa dubbise, ho'i cimaan akka jiru himuun keessumaa naannoo qarqara galaanatti akka hammaatu ibse.
"Dhuguma ho'i inuma jira. Milaan xiqqoo bahaara [galaana] irraa xiqqoo in fagaatti. Namni bakka dalagaatti mana keessatti waan dalagatuuf qabbanuma keessatti dandamata. Alli garuu baay'ee ulfaata," jedha Abdoohan.
US fi Chaayinaa keessattis ho'i cimaan digrii seentigireedii 50 ol ta'e galmaa'uu UN beeksise.
Ejansiin Metiroolojii Addunyaa akka jedhetti ho'i cimaan kun Awurooppaa keessatti hanga ji'a Hagayyaatti itti fufa.
Kaaba Ameerikaafi Kanaadaatti ho'a cimaan wal-qabatee balaan abidda cimaan mudateera. Kaalifoorniyaatti balaa abiddaan bosonni hektaarri 3,000 ol gubateera.
Yuunivarsiitii Reeding Inglaanditti argamutti ogeettii jijjiirama haala qilleensaa kan ta'an, Pirofeesar Hannaa Kilook haalli amma jiru baay'ee sodaachisaa akka ta'e dubbatu.
Hoo'a yaaddessaa biyyoota Awurooppafi Eeshiyaallee mudate kanaaf sababni jijjiirama haala qilleensaa akka ta'e ibsuun waggootaf dhimma kanarratti akeekkachiisaa akka turan himu.
Bara darbe sababa ho'atiin namoonni 61,000 ol akka du'an tilmaaman ogeettiin kun.