Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan kutaa reeffaa Harvaard qaamota namaa muree gurgurachuun himatame
Yunivarsiitii Harvaard, damee barnoota Fayyaatti hogganaan kutaa reeffaa namoota sadii biroo waliin ta'uun qaamota namaa bituufi gurguruudhaan himataman.
Sediriik Looj qaamota namaa akka "mataa, sammuu, gogaafi lafee" kutaa reeffaa keessaa baasee karaa marsariitiidhaan gabaaf dhiyeessee gurgurataa ture jedhamuun himatame.
Reeffi kunneen Yunivarsiitii Harvaarditti kutaa barnoota fayyaatiif qorannoof akka oolaniif gumachaan kan kennamanidha.
Akka galmeen himannichaa agarsiisutti, namichi kuniifi haati-warraa isaa Deniisk maamiltoota isaanii Maasaachuseetis fi Peensilvaaniyaa jiranitti kutaalee qaama namaa gurgurataniiru.
Kun kan ta'e bara 2018 hanga 2021 gudduutti ture.
Akka abbaan-alangaa jedheetti, Looj hoggansa kutaa reeffa bifa gargaarsaan kennamanii kana faayidaa dhuunfaa isaatiif oolfachuu isaatiin አቃቤ ሕግ reeffa qorannoof jedhamanii kennaman mummuree gurgurateera.
Qorattoonni HArvaard barnoota fayyaafi qorannoo kan gaggeessan reeffa bifa kennaatiin argamerrattidha.
Yeroo baayyee qorannoo isaanii yeroo xumuran reeffi kunneen akka gubatan ta'ee daaraan isaanii maatiif ergamu.
Kana ta'uu baannaanis bakka awwaalcha Harvaard qorannoo Fayyaa reeffi isaanii akka boqotu taasifama.
Looj fi haati-warraa reeffa kanneen irraa qaama muranii fudhachuu, gurguruufi warra bitaniif geessuudhaan himatamaniiru.
Akka galmeen himannaa FBI agarsiisutti himatamaan kun, "yeroo tokko tokko namoota gara kutaa reeffaa galchuun kutaa qaamaa akka filatan godha," jedhe.
Kutaa qaama namaa bitataniiru jedhamanii kan shakkaman Kaatiriinaa Maakliin fi Joshuwaa Teeylar himanni irratti dhiyaateera.
Akka sanadiin himata kanaa ibsutti Kaatiriinaa Maakiliin fuula namaa dolaara 600 bitatteetti.
Suuqii Kaatis Kiriippii jedhamu kan qabdu Kaatiriinnaan akka fuulli miidiyaa hawaasaashee mul'isutti ashaangulliitii daa'imman ittiin taphatan halluu dibuudhaan gara waan nama sodaachisuutti jijjiruun ishee gammachiisa.
Qaama namaa bitattes kaayyoodhuma kanaaf oolchiteettu ta'a kan jedhu hanga ammaatti ifa hin taane.
Haata'u malee, galmeen himatichaa akka jedhutti, suuqii ishee keessa qaama namaa keessa keesseetti; gurgurteettiyyu.
Jooshuwa Teeylar ammoo waggoota afur keessatti si'a 39 Loojiif kaffalataa kan raawwate yoo ta'u, kaffaltaan kun ammoo qaama namaa hatamaniifidha.
Kaffaltaan kun yeroo ida'amu walumaagalatti dolaara kuma 37 yoo ta'u, yeroo tokko kaffalataa dolaara kuma tokko kaffale irratti "mataa lakkoofsa 7" yaadannoon jedhu itti maxxanfameera.
Dhirsaafi niitiin kun mana-murtii Federaalaa Hampishaayer irratti dhiyaatanii yeroo bahanitti gaaffii gaazexeessitoota irraa isaaniif dhiyaate deebisuu hin barbaanne.
Himatamtoonni afranuu yakkamoo yoo ta'an hanga hidhaa waggaa 15 isaan eeggata.