Filannoo Turkii: Erdogaan aangoo ofharka turiisuuf duula filannoo eegale

Pirezidaant Recep Tayyip Erdogaan hoggansa Turkii waggoota 20 ol dheeressuuf, paartiin biyya bulchaa jiru aangoorra turuuf carraaqqii jalqabaniiru.

Paartilee mormitootaa ja’a humna walitti makuun filannoo pirezidaantii fi paarlaamaa Caamsaa 14 gaggeeffamu irraatti kan dorgoman yoo ta’an, qormaata cimaa hanga ammaatti isa mudate ta’aniiru.

Turkiin qaala'iinsa jireenyaa olka'aa dhufefi kirkira lafaa lamaan namoota kuma 50 ajjeesseen heddu miidhamte.

Erdogaanii fi Paartiin isaanii biyya bulchu AK qaala’iinsa jireenyaa gara lakkoofsa tokkootti akka gadi buusan himaniiru, kunis waadaa mormitoonni isaanii duraan galaniiru.

Turkiin bara preezdaant Erdoganitti abbaa irree ta’uun ishee dabalaa dhufeera, mormitoonni immoo sana jijjiiruuf yaalaa jiru.

Kaadhimamaan Caamsaa 14 sagalee pirezidaantii walakkaa ol argachuu danda’e kamiyyuu ifatti injifata. Sana yoo dadhabe, torban lama booda gara dorgommii pirezidaantii marsaa lammaffaatti deema.

Paartiin kamiyyuu sagalee paarlaamaa yoo injifate filannoon pirezidaantii marsaa lammaffaa yoo deeme carraa gaarii akka qabutti ilaalama.

Qormaata Erdogaan mudate

Filattoonni Turkii waggootaaf sarara paartiitiin sirnaan qoodamanii turan, garuu Erdogaan haala kanaan dura taʼee hin beekneen dhiibbaa jala jiru.

Erdogan bara 2003 irraa eegalee Turkii bulchaa kan turan yoo ta'u, jalqaba muummicha ministeeraa ta'uun booda bara 2014 irraa eegalee pirezidaantii ta'uun bulchaa turan.

Fonqolcha mootummaa bara 2016 fashalaa’e booda waggaa sadii keessatti aangoo isaa haala ajaa’ibaatiin guddiseera. Paartiin isaa AK Sadaasa bara 2002 irraa eegalee aangoo irra jira.

Lammileen biyyattii hedduun qaala'iinsa jireenyaa ol ka'aa dhufeef isa komachaa jiru.

Qaala'iinsi jireenyaa aanga'oota ibsamu dhibbeentaa 50 ol yoo ta'u, garuu dhugumatti dhibbeentaa 100 ol akka ta'e barsiisonni ni dubbatu.

Pirezidaantii fi paartiin biyya bulchu kirkira lafaa Guraandhala 6 dura gocha ijaarsa Turkii madaqsuu dhabuu isaaniiti fi sana booda tattaaffii barbaacha fi baraarsaa dogoggoraan qabachuu isaaniitiin bal’inaan qeeqamaa turaniiru.

Bulchiinsa kirkira lafaa kanaan miidhaman 11 keessatti Turkoonni miliyoonaan lakkaa’aman mana dhabaniiru.

Hedduun isaanii akka deeggartoota paartii Erdoganitti waan ilaalamaniif, filannoon kun bahaatti injifatamuu fi mo’amuu danda’a.

Paartiin isaa AK hundee isaa Islaamummaa siyaasaa keessaa kan qabu yoo ta'u, garuu paartii MHP kan sabboonummaa ol'aanaa qabu waliin tumsa uumeera.

Paartilee mormitootaa jaha - kaadhimamaa tokko

Kamaal Kilicdaroglu, kan umriisaa ganna 74, mormituu amala lallaafaa, kitaaba jaallatu ta’ee kan mul’atu yoo ta’u, paartii mormituu guddaa Rippabilikaan People’s Party (CHP) hogganuun yeroo baay’ee walitti aansuun filannoo kufaa tureera.

Garuu yeroon kun adda ta'uu danda'a sababiin isaas inni paartilee mormitoota jahaaf kaadhimamaa tokkummaa ta'ee qabsaa'aa jira.

Filannoon isaa akka biyyatti jaallatama hin turre, sababiin isaas namoonni tokko tokko kantiibota magaalaa Istaanbul fi Ankaaraa bara 1994 booda yeroo jalqabaaf bara 2019 magaalota kana erga to’atanii booda akka kaadhimamaa fooyya’ootti ilaalan.

Hojjetaa mootummaa duraanii qaama garee xiqqaa Alevi ta’e Kilicdarogluun bara 2017 hiriira haqaa guyyoota 24f geggeesse. Kunis waggootaaf bulchiinsa Pirezidaant Erdogaan mormuu agarsiisa guddaa ta’ee ilaalama ture.

Gamtaan Saba isaanii kan ‘Table of Six’ jedhamuunis beekamu, Turkiin sirna pirezidaantummaa Erdogaan jalatti uumame irraa gara isa paarlaamaadhaan durfamutti deebisuuf fedhii qaban.

Sirna kana jijjiiruuf miseensota paarlaamaa Turkii 600 keessaa 400, ykn miseensota paarlaamaa 360 injifachuun yaada dhihaate gara rifarandamiitti geessuu qabu.

Hoggantoonni miseensota gamtichaa shanan hafan gahee itti aanaa pireezidaantii fudhachuuf waliigalaniiru.

Sagalee addaan qooduun

Qorannoon yaada Turkii amanamummaa dhabuun beekamaadha, garuu carraan Kilicdarogluun marsaa jalqabaa irratti filannoo kana ifatti injifachuuf qaban kamiyyuu murtee miiltoo paartii bitaa giddu galeessaa duraanii Muharrem Ince dorgommii pirezidaantummaatti makamuun kan kufe fakkaata.

Ince, kan ganna 58, bara 2018 kaadhimamaa pirezidaantii Paartii Uummata Rippabilikaan kan turan yoo ta'u, waggaa lama booda garuu sababa garaagarummaa Kamal Kilicdaroglu waliin qabaniin gadhiisaniiru

Amma paartii sabboonummaa sekulaarii Homeland kan geggeessu yoo ta'u, sagalee mormitootaa laaffisuu fi Pirezidaantii Erdogaan gargaaraa jechuun himannaan isa mudateera.

Garuu miidiyaa hawaasaa irratti argama cimaa kan qabu yoo ta'u, keessumaa dargaggoonni shubbisaa TikTok irratti taasisaniin dinqisiifataniiru.

Mormitoonni Turkii akkamitti jijjiiru?

Gamtaan Nation’s Alliance kan Kilicdaroglun durfamu sirna paarlaamaa Turkii deebisuun pirezidaantummaa haaromsuu, mirga pirezidaantichi labsii tokko raggaasisuu diduuf qabu irraa kaasuu, walitti dhufeenya aangoosaa paartilee siyaasaa waliin qabu kutuu fi waggaa torba torbaan filatamuu akka danda’u gochuu barbaada.

Paartileen jahan kun Turkiin waggoota kurnan lamaan darbaniif Gamtaa Awurooppaatti makamuuf carraaqqii taasisaa turtes jalqabuu barbaadu. Akkasumas waggoota Erdogaan keessatti hariiroon waggootaaf caccabee turee booda, US waliin "wal amantaa" deebisuuf.

Waggaa lama keessatti qaala'iinsa jireenyaa dhibbeentaa 10n gadi fiduudhaan baqattoota Sooriyaa fedhii isaaniitiin gara biyyaatti akka ergan waadaa galaniiru.

Turkiin yeroo ammaa baqattoota Sooriyaa gara miliyoona 3.6 keessummeessiti.