Chaayinaan shaakala waraanaa daanga Taayiwanitti bifa haaran eegalte

Suura xayyaara waraanaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan shaakala waraanaa torbee darbe eegalte Dilbata gaafa 07, 2022 xumuruu ishee erga beeksifteen booda har'a bifa haaran eegaluu ishee humni waraana biyyattii beeksise.

Waraana Chaayinatti Ajajni Izzii Bahaa akka jedheti shaakalli waraanaa bifa haaran eegalame kun shaakala haleellaa doonii galaana jalaa fi galaana gubbaa fashalsuu irratti kan xiyyeefateedha.

Afa ya'in mana maree US Naansii Peloosin Taayiwan daawwachuu hordofee torbee darbe Chaayinaan guddoo dheekkamtee turte. Kanarraa ka'uun shaakala waraanaa guddaa daangaa Taawinitti guyyoota afuriif erga taasifteen booda Dilbata xumurtee turte.

Taayiwaan gama isheetin, Chaayinan shaakala waraana kanatti fayyadamtee ana weeraruuf qophoofti jechuun himatti.

Shaaala Chaayinan har'a bifa haaran eegalte kanaan dooniwwanii fi xayyaaronni waraanaa hanga ammaa daangaa isheetti akka hin ceene Taayiwaan beeksiftee jrti.

Sochiin Chaayinaa kun biyyoota akkaUS, Jaappani fi Awustiraaliyaa hin gammachiifne. Ibsa waloo baasaniin shaakala Chaayinaan taasiftu mormuun ijjannoo sarara bishaan Taayiwaan (Taiwan Straight) -qaama bisahaanii Chaayinaa fi Taayiwaan gargar hiru- irratti qaban jijjiiruu akka malan akeekkachiisaniiru.

Daangan qaama bishanii Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti argamu kun bal'inni isaa km 180 dha.

Xayyaaroni fi dooniwwan waraanaa Caayina daangaa bishaanii Taayiwaani fi Chaayinaa addan baasu cehaa akka turantu himama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Ittisaa Taayiwan akka jedhetti bara 1950 kaasee sarara kana cehuun waanuma barameedha.

Chaayinaan dhimmoota akka jijjiirama haala qilleensa fi wantoota biroo heddu irratti US waliin hojjachuu dhaabuu beeksisuu ishee hordoftee Washintan tarkaanficha mormiteerti.

Chaayinaan tarkaanfi kana fudhachuuf kan dirqamte Naansii Pelosiin Taayiwaan daawwachuu sababa godhachuuni.

Taayiwaan garaa nagaa gara Chaayinatti hin deebitu yoo ta'e humna waraanatiin deebisuu akka dandeessu Beejing ibsitee turte.

Taayiwaan garuu "ani qaama Chaayina miti" jechuun akka biyyaatti of ilaalti; kuni ammoo Chaayinaa baay'ee dheekkamsiisa.

Naannoo Taayiwaanitti sochiin shaakala waraana bifa haaran kan eegale angawoonni humna galaanaa Chaayinaa shaakalli bakka biraattis akka itti fufu erga beeksiseen booda.

Galaana Keelloo (Yellow Sea)- galoo galaana Kooriyaa fi Chaayinaa giduutti argamuttis- shaakala waranaa Sanbata dhufu gaafa 13, 2022 irraa eegalun shaakala waraanaa haaraa akka eegaltu beeksiftee jirti.

Gama biraan ammoo Chaayinaan nannoo Galaana Bohaayii jedhamutti shaakala waraanaa ji'a tokkoof turu Sanbata darbe gaafa 6, 2022 eegaltee jirti.