Paastariin daldalaa daandiirraa ture attamiin hordoftootasaa akka beelaan du’an amansiisuu danda’e?

Madda suuraa, AFP
Waggoota kurnan darban keessa lallabdooti ajaa’ibsiisoo hedduun mul’ataniiru. Paastariin Keeniyaa Maakeenziin garuu adda.
Hordooftoonni isaa beelaan ariifannaan du’aatii Iyyasuusiin wal argaa jedhee amansiise. Kan inni jedheenis shakkii tokko malee raawwatan kanneen dhiibbaa ol ta’an.
Hordoftoonni isaa hedduunis kanneen baadiyyaa biyyattii irraa dhufaniifi rakkoo arganiidha. Qabeenyaa qaban, lafa qonnaa isaaniifi godoo qaban hunda waldaa isaatiif kennuun of ajjeesan.
Paastarichi yaada isaatiin gara laafummaa waan jedhamu hin beeku. Daa’imman dabalatee beelaan akka du’an jajjabeessa. Haaii mucaanshee ‘Iyyasuusiin akka wal arguuf’ hawwitus ilmoo ishee jaalattu beelaan akka du’uuf nyaata dhorkiti.
Kun garuu attamiin ta’uu danda’ee? Paastariin kun maal jedhee isaan barsiiseeti kan lubbusaanii isaaf dabarsanii kennan? Ogummaa maaliitiin sadarkaa kanatti sammuu hordoftoota isaa amansiisuu kan danda’e?
Mee seenaa duubaa paastarichaa ilaaluun haa eegallu.
Daldala daandiirraa gara lallaba daandiirraatti
Paastar Maakeenziin Keeniyaa bulchiinsa Kiliifii, magaalaa buufataa kan taate Maaliindii keessatti naannawee waan xixiqqaa gurgura ture.
Kan dhalatees bara 1960tti bulchiinsa Maakuweenii ollaa Sulxaan Hamuud jedhamutti. Kan baratees hanga kutaa 12'tti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan bodas jireenyi itti cimuun daldala daandiirraatiin baayyee rakkate. Bara jireenya isaatti warra daandiirratti seera kabachiisaniin hari’atamaa ture.
Booda ammoo dabareesaatiin hordoftoota gara laafeeyyii adamsuu eegale. Kanas lallaba daandii irraatiin eegale.
Yaroodhaan booda Bataskaana Oduu Gaarii Idil-Addunyaa (Good News International Church) hundeesse.
Xiyyeeffannaan lallaba isaas kan barri dhumaa dhiyaachuu irratti xiyyeeffate taasifate. Lallabni isaa baayyeenis kan lallabaa beekamaa lammii Ameerikaa Wiiliiyaam Biraahaan irraa fudhataman ta’utu himama.
‘‘Paastar Maakeenziin sammuu hordoftootaa hawwachu kan danda’e, lallaba Wiiliiyaam Biraahaamiitti fayydamuun. Guyyaan dhumaa dhiyaachuu labsuudhaan namoonni dafanii beelaan du’anii Iyyasuusiin akka wal arganiif hordoftoota isaa irra deddeebiin barsiisaa ture,’’ jedhu kanneen qoratan keessaa tokko.
Paastar Maakeenziin daldala isaa daandiirraa dhiisee Batasikaana kana akkuma saaqeen gara badhaadhiinaatti hin galle. Battalumatti waanti hundi qajeeluufii hin eegalle.
Kanaafuu deebii’ee daandiirratti bahee lallabuu eegale. Daandiiwwan Maaliindii irratti sagalee guddaan lallabuu eegale.
Maatiin namoota barsiisa Maakeenziin saaxilamanii ‘‘Barri dhumaa dhiyaateerra qalbii jijjirradhaa’’ jechaan, namoota akeekkachisa ture. Achiin boodas gara Moombaasaa imaluun, naanawwa Viikaatiiwaniitti lafa seeraan ala qabachuun mana amantaa ijaare.
Garuu sababii lafti kan kee miti jedhuun mana martiin manni amantichaa jalaa diigame. Lafichis harkaa fudhatame.
Egaan isaan booda ture gara magaalaa buufataa bareedduu Maaliindiitti deebi’uun lallaba isaa guutummaan dhiisuun konkolaachisaa taaksii ta’e hojjachuu eegale.
Hojiin konkolaachisummaa taaksii sunis jireenyasaa fooyyeessuu hin dandeenye. Kanaafu mee irra deebiin carraa koon yaalaa jechuun, bataskaana saaqe. Lallaba isaatinis rakkoo jireenya ummata guyyaa guyyaan argan kaasuu eegale.
Waa’ee dhimmoota sodaa ummataa irratti xiyyeeffate. ‘‘Addunyaan tun gatii hin qabdu‘‘ jechuun labsuu eegale.
Baayyinni hordoftootaas guyyaa guyyaan dabalaa adeeme. Galiin isaas haaluma sanaan dabale. Garee dargaggootaa hundeesse. Achiis tajaajila gorsa dubartootaas saaqe. Haalli sorooraafi adeemuu eegale.
Paastar Maakeenziin maqaansaa oduu ta’u kan eegale bara 2019tti ture. Yeroo sanatti Keeniyaatti malli galmee lammiilee hammayaan HUDUMA NAMBA jedhamu yeroo ittii beeksiifamaa tureedha.
HUDUMA’n lammiin tokko barruu qubaa kennuun erga galmaa’een booda lakkoofsa addaatu kennamaaf. Lakkoofsi sunis tajaajila mootummaa kamuu haala salphaa ta’een akka argatu kan dandeessisu.
Maakeenziin egaan yeroo kana ni dheekkame. Keeniyaatti seexanni seenee jira jechuun hordoftoota waliin ta’un adeemsa kanarratti mormii cimaa kaase.
Lakkoofsi Huduma mala biraa osoo hin taanee 666 bara dhumaatti ni dhufa jedhameedha jedhe.
Kanaanis hordoftoota isaa hedduu irraa deeggarsa argate. Poolisiin garuu mootuummaa irratti jeequmsa uumuun himate. Adeemsi himannaa isaas waluma jalaan hafe.
‘Daa’imman yoo beela’an akka du’aniif hayyamaaf’
Paastariin kun namoonni jireenya mijataa fi carraa addunyaa kanaa irraa akka fagaatan qofa hin turre kan barsiisu.
Addunyaa tana akka tuffatan qofaas miti kan barsiisaa ture. Akka soomaafi kadhannaan ciman qofas miti kan lallabu.
Atattamaan qabeenyasaanii waldaa isaatii kennuudhaan ofiifi maatii isaanii beelaan du’uun akka addunyaa tanarraa darbaniif cimsee jajjabeessa ture.
Addunyaa bakka itti ‘wal argaa’ jedheen tanarraa wayita deeman ammoo, kan isaan simachuuf eegu Iyyasuus akka ta’eefi Iyyasuus arguun kan danda’amu garuu yoo hordoftoonni beelaan du’uu danda’an qofa akka ta’e gorsaa ture.
Miseensi waldaasaa duraanii tokko dhimma kana dhugaa baatee jirti. Warraabbii lallaba isaa BBC dhaggeeffate irratti garuu waa’ee akkasii yoo dubbatu hin dhagahamne.
Garuu ammoo hordoftoonni lubbuusaanii dabalatee waan baayyee jaalatan aarsaa gochuun kan nama fayyisu ta’u yoo dubbatu viidiyicha irraa ni dhagahama.
Viidiyoowwan sana keessaa tokko irratti paastariin kun yoo akkasi jedhu dhagahama:
‘‘Namoonni waa’ee Iyyasuus lallabuu hin barbaadne jiru. Maaliif yoo jedhame, daa’imman keenya beela’anii boohaa jiru jedhu. Daa’imman isaanii akka du’aniif maaliif hin hayyamneef? Daa’imman beela’anii boohan yoo du’an rakkoonsaa maali? Rakkoonsaa natti hin mul’atu.’’
Ammattis paastariin kun namoonni dhibbaan lakkaa’aman beelaan akka of ajjeesaniif lallabeera jedhamuun himannaan irratti banameera. Reeffi namoota baayyees kan argame lafa qonnaa isaa ta’e keessatti awwaalamuun.
Hordoftoonni beelli itti cimee guyyaan du’aa irraa fageetees, isaan dafanii akka du’aniif ni gargaaramu odeeffannoon jedhus bahaa jira.
Ta’us Gaazexaan Keeniyaa Nation torban darbe gaaffiidhuma kana fakkaatu kaasee ture. Innis akkas jechuun deebiiseef, ‘‘Namoonni du’a itti qollofamee ykn dallaan itti ijaaramee agartee jirtaa? Kan isaan dirqisiise jiraa?’’
Ijoolleesaa wal walitti heerumsiisa ture
Paastar Maakeenziin ijoollee ifatti beekaman 17 qaba ture. Ijoollee kanneenis dubartoota sadi irraa godhate. Himannaan irratti dhiyaate tokko ammoo ijoollee isaa akka barnoota bu’uraa hin galleef dhorkuudha.
Dhimmi qorannoon bira gahame kan biraa ammoo ijoollee isaa barnoota dhorku qofaa miti. Akka wal waliisaanii fudhaniif dirqisiisaa ture jedhameera.
‘‘Kitaabn kan ajaju kanuma. Hidhati maatii cimaa akka ta’uuf wal walii keessan fudhuu qabdu’’ jedhaan ture jedhame.
Paastar Maakeenziin haala kanaan hordoftootasaa dhibbaan lakkaa’aman beelaan adabee du’aan yoo gaggeessu, inni garuu gammachuufi badhaadhinaan jiraataa ture.
Lafa qonnaa bal’aa hedduu, konkolaataawwaniifi maallaqa hedduu baankii keessaa qaba. Walakkaan reeffa hordoftootaa awwaalamee kan argame lafa maqaasaatiin galmaa’e heektaara 300 irratti.
Hammi qabeenyaa nama kanaa ifatti hin beekamu.
‘Barnooti ammayyaa gochaa seexanaati’
Paastar Maakeenziin dhimmoota baayyinaan lallabu keessaa tokko waa’ee barnoonni ammayyaa gochaa seexanaa ta’usaati.
Hordoftoonni haala kamiinuu akka barnoota ammayyaa irraa of qusataniifi ijoollee saanis mana barnootaatti akka hin ergine, teeknolojiiwwan irraa akka fagaatan gorsa.
‘‘Barnooti hojii seexanaa akka ta’e isaanuu beeku. Garuu bu’aa ofiisaaniif jecha itti fayyadamu,’’ jedha waraabbii viidiyoo lallabaa tokko irratti.
Barnoota attamiin akka bu’aa ittiin argachuuf itti fayyadaman yoo ibsuus, ‘‘Yuniformiin ni gurgurama, dabtarriifi peennaan ni gurgurama. Bu’aa kanaaf jedhaniiti barnoonni akka itti fufu kan taasisan. Ijoolleen keessan iyyuummaa keessa turu’’ jedha.
Paastarichi ijoolleen mana barnootaa akka hin deemne lallabusaatti bara 2017-2018tti himannaa himatamee hidhamee ture. Booda garuu bilisaan gadhiifame.
‘‘Barnooti ammayyaa kitaaba Qulqulluun beekkamtii hin qabu. Barnootichi walitti dhufeenya saala wal fakkaataa jajjabeessa,’’ jechuun lallaba.
Gaaffiifi deebii gaazexaa Nation waliin taasiseen kana haaleera.
Paastar Maakeenziin hidhaaf haaraa miti. Waggoota duras Waldaasaa Maaliindiitti argamtu keessatti ijoollee 90 kaa’ee poolisiin akka tasaa bira qaqqabuun du’a jalaa oolcheera.
Yeroo sanattis barattoonni yunivarsitii 35 waldicha keessa turan hundi ‘barnoonni kan seexanaati’ jechuun koolleejiii irraa barnoota jibbuun akka bahaniif kan amansiisee turan.
Mana murti Maaliindiitti dhiyaachunis himanni irratti banamee kan ture yoo ta’u, barattoonni isarratti raga bahuuf waan sodaataniif ykn waan hin hayyamneef jecha bilisaan gadhiifame.
‘Doktaroonni hundi seexanoota’
Paastarri kun karoora maatii cimsee morma. Ijoolleen akka filmii kaartuunii hin ilaallee fi akka hojii seexanaa ta’e barsiisa.
Hakimoonni waan biraa waan amananiifu haadholiin gonkumaa hakimii bira akka hin deemneefi ijoolee isaaniis akka hin talaalchifne barsiisa.
Waraabbii viidiyoo tokkorrattis haatii tokko attamiin fedha Waaqaatiin deeggarsa hakimii malee mucaa ollaa ishee akka deessisuu akka dandeessisee fi afuurri qulqulluun warri ollaa hundi ijoollee saanii akka hin talaalsifne akka akkeekkachiiftuuf akka itti hime yoo dhugaa baatu argamti.
Ittaansee ammoo kan dubbatu Paastar Maakeenziin, ‘‘talaallii irraa of eegadhaa, hakiimoonni waaqa seexanaa waaqeeffatan kan biraa qabu, isaan irraa of eeggadhaa,’’ yoo jedhu dhagahama.
Dubartoonni wiigii akka hin godhanne, rifeensa saanii guduruu akka hin hojjatanne, faayaa kamuu akka hin kewwannee akeekkachiisa.
‘Addunyaan seexanaa haaraan ijaaramaa jira’
Paastar Maakeenziin barsiisa isaa keessatti adda durummaan kan dhumni addunyaa dhiyaachu irratti xiyyeeffateedha.
Kanaafis hordoftoota sodaachisuuf addunyaa kanarra mootummaan icciitiif seexanaa akka jiru hima.
Ameerikaa, Dhaabbata Motummoota Gamtoman akkasumas Waldaan Kaatooliikii affeeramuun biyyoota amma jiran bakka tokkootti qabuun bulchiinsa seexanaa idil-addunyaa ijaaruuf hojjataa jiru jedha.
Addunyaa seexanaa kanarraa bilisa ta’un kan danda’amu yoo nyaata lagannaan of dadhabsiisuun of ajjeessan qofaa ta’u lallaba.
Kanneen waan namni kun jedhuun amanan daa’imman dabalatee lammiileen Keeniyaa 100tti siqan du’anii reeffasaanii poolisiin argateera. Haata’u malee baayyinni kun dachaa lama ykn sadi ta’u akka danda’u tilmaamama.
Paastar Maakeenziin garuu jireenya bashannanaa jiraachuu itti fufeera. Tarii kana booda turtiinsaa mana hidhaa ta’u mala.
Paastari Maakeenziin ofiin of beelleessaatii of ajjeessaa jedhe kun beelli maal akka ta’e ofiin beekaa laata?
‘‘Kan jiraachaa ture jireenya bashannannaati. Kan jiraatus mana masaraa fakkaatuufi guddaa keessa ture. Manasaa keessatti yeroo hunda diggisiidha. Fedhiin nyaataa isaas olaanaadha.
‘‘Attamiin nyaataa akka jaalatu gaafatamee ’nyaanni sagalee ol kaasanii wangeela lallabuuf waan na gargaaruufan jaaladha’’ jechuusaa gabaasa poolisii irraa fudhatameen himameera.












