Tiraamp iccitiiwwan nukileraafi faayila mootummaa kutaa dhiqannaa keessa olkaa'uun himatame

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraampi iccitiiwwan mootummaa jajjabaa qaban seeraan ala qabachuun himatamaa tureera.
Ragaaleen kunneen biyyattiif murteessoo kan ta'an karoora waraana biyyattii fi iccitiiwwan meeshaalee nukileraa fa'i.
Himanni qabxiiwwan 37 of keessaa qabu Tiraamp irratti baname kun, qondaalli waggaa 76 kun sanadoota iccitii kunneen manasaa Filooriidaatti argamutti mana qaama itti dhiqatan keessa dhoksuun, akka waan hin jirreetti ammoo qaamolee seeraa sobeera jedha.
Akkaataa himannaa irratti dhihaateen Aab Tiraamp qorannoon gadi fageenyaan akka hin gaggeeffamne jeequun, hojii qaamolee seeraa danqeera.
Filannoo pireezidantummaa 2024 irratti hirmaachuuf duula eegalee kan jiru Tiraamp himata irratti dhihaate hunda haaleera.
Himannaan Doonaaldi Tiraamp irratti baname kun barreeffama fuula 49 qabu yoo ta'u, himannaan akkasii pireezidantii US kamirrattiyyuu banamee hin beeku.
Sanadoonni iccitii Tiraamp manasaa keessatti korojoo meeshaaleen hojiin ala ta'an itti gataman keessatti walitti qabe: Sagantaa nukileraa US, humna meeshaalee waraanaa fi loltoota biyyattii, saaxilamummaa US qabduu fi waraana keessatti michuwwan biyyattii kan qabateedha.
Haleellaa qaamni alaa irratti raawwatu akkamiin ofirraa qolachuu akka dandeessurratti karoora US baafattes of keessaa qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbootiin alangaa akka jedhanitti Tiraampi wayita yeroo aangoosaa xumuree waajjira mootummaa keessaa ba'u sadoota iccitii mootummaa 300 ta'an qabatee deeme.
Qondaalli siyaasaa kun iccitiiwwan kunneen fe'uun gara iddoo qabeenyasaa akkaan qaalii ta'e bakka bashannanaa handaara galaanaatti ijaarame- Mar-a-Lago geesse.
Bakki kun kilaba halkanii akkaan qaalii ta'es qaba, warri tujaara ta'an biyya hundarraa asitti bashannaa bulu. Sanadoonni kunneen achuma keessa faffaca'anii argamu.
Aab Tiraampi dhimma iccitii mootummaa kanarratti qorannoon akka hin gaggeeffamnes burjaajii uumaniiru.
Hojii qorannoo Biiroo Qorannoo Biyyaalessaa US- FBI akka bakka hin geenye gufuu itti ta'an jedhan abbootiin alangaa dhimma kana qabatan.
Tiraampi ragaaleen kunneen akka dhabamsiifaman yaalii taasisuun yookiin ammoo abukaatoon isaa ragaan kun isa bira akka hin jirre akka dhaddacharratti falmuuf dhiibbaa uumeera jedhan abbootiin alangaa.
Aab Tiraamp waggaa 77ffaasaa kabajuuf wayita jedhutti jala bultiisaatti mana murtii Filooriidaam Mayaamiitti dhihaachuuf jedha.
Aab Tiraamp gamasaan sanadoonni iccitii mootummaa biiroo duraanii Pireezidantii US Joo Baayidan, akkasumas manasaa Delaware fi gaaraajii isaa keessafaa jiru jedhe.
Dhimma kanarratti Waayit Haawus akkuma faayiloonni iccitii mootummaa kunneen argamaniin qondaaltota mootummaa waliin ta'uun dhimmichatti furmaata gochuu ibsee ture.
Garuu akka Tiraamp dubbii waliin dhahuun seera jalaa ba'uuf tattaafatu kana miti jedhan abbootiin seeraa.
Tiraamp himata biraas ofirraa qaba, kun himata lammaffaadha.
Maallaqa dubartii fiilmii saal-quunnamtiin beekamtuuf kennuun afaanshee ofirraa qabuuf yaaluudhaan himatamee kan jiru yoo ta'u kanaafis waggaa dhufu mana murtii New York dhihaata.












