'Tiraamp hidhamuun hin maluuf' - Istoormii Daani'elsi

Istoormii Daani'els Tiraamp waliin hariiroo saalqunnamtii qabaachuu himatti, Tiraamp ni waakkatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Istoormii Daani'els Tiraamp waliin hariiroo saalqunnamtii qabaachuu himatti, Tiraamp ni waakkatu

Pirezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp hidhaan hin maluuf jette taatoon filmii saalqunnamtii Istoormii Daani'els.

Dhihoo Tiraamp taatoon kuni hariiroo waliin qaban akka hin dubbanne callisiisuuf qarshii kanfalaniiru jedhamuun jedhuun himataniiru.

Isaan kanfaltiin gama abukaatoon raawwate dhimma seeraaf malee dubartii kana waliin hariiroo homaatu hin qabu jechuun waakkatu.

‘‘Yakki isaan narratti hojjetan isaan hiisisa jedhee hin yaadu,‘‘ jette taatoon saalqunnamtii dargaggeettii kan taate Istoormii Daani’elsi.

Daani’elsi Tiraamp erga dhaddachatti dhiyaatanii as yeroo jalqabaatiif af-gaaffii taasiste keessatti kana dubbatte.

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Tiraamp mana murtii Maanhatanitti himannaa galmeen daldalaa isaan ilaallatu 34 irratti dhiyaateera, isaan garuu hunda waakkatan.

Abukaatoon duraanii Tiraamp dolaara 130,000 Aadde Daani’elsiif filannoo Pirezedantummaa bara 2016 dura kan kaffaleef akka callistuuf ta’uun shakkama.

Abukaattonni akka jedhanitti, Tiraamp ogessii seeraa isaaf akkatti maallaqicha deebisee kaffaleef burjaajii taaksii ta’uu danda’a.

Sababni isaa herreegni baankiisaa akka kaffaltii seeraa ta’e akeeka.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daani’elsi af gaaffii ‘Talk TV's Piers Morgan’ waliin gooterratti akka himtetti, waan raawwataniif hidhamuu qabu jedhee hin yaadu jette.

Istoormii Daani’elsi akka jettutti, Tiraamp balleessaa biraa yoo qabaatan himatamuu qabu.

Daani’elsi dhaddacha ittaanurratti ragaa akka baatuuf yoo gaafatamte ragaa bahuuf qophiii ta’uu dubbatte.

‘‘Dhimmichi rakkisaadha, waan gaariin eega, garuu ani waanin dhoksu hin qabu. Ana qofatu dhugaa dubbata,’’ jette.

Tiraamp wayita mana murtiitti dhiyaatan miira wal dhahaatu natti dhaga’ame, garuu nan gadde jette.

Tiraamp akkaataa odeeffannoo icciitii qabuun, filannoo Joorjiyaa geeddaruuf yaaluu, akkasumas hookkara Kaappital Hiil miidhe kaasuu keessatti qooda qabuu jedhuunis ni qoratamu.

Abbaan alangaa Manhaataan himannaa Tiraamp irratti dhiyeessan Alvin Biraag, dhoksaan kallattiin Daani’elsiif kaffalame filannoon wayita dhiyaatetti waa’ee isaanii odeeffannoo faallaa odeeffamu callisiisuun namoota sagalee kennaan gowwomsuuf kan yaalamee jedhan.

Tiraamp garuu hariiroo saalqunnamtii Daani’eelsi waliin qabu jedhaman haaluun, kaffaltiin isheef kaffalame maatiin isaanii hamii dharaa irra eeguuf ta’uu himan.

Ogeeyyiin seeraa BBCtti akka himanitti, Tiraamp yoo balleessaa raawwachuun irratti mirkanaa’e hidhaa fi kaffaltiin maallaqaa isaan eeggata.

Tiraamp pirezidantummaaf deebi’anii kan dorgoman yoo ta’u, himannaan yakkaa Rippaabilikaanoota akka bakka bu’uuf hin yaalle danqaa itti ta’uu mala.