Tigraayitti gaazexeessitoota himannaan cimaan irratti dhiyaate akka gadhiifaman CPJ'n gaafate

Gaazexeessitoota shan himannaan umurii guutuu ykn du'aan adabsiisuu danda'au irratti dhiyaate aanga'oonni Tigraay akka gadhiisaniif dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ'n gaafate.

Hojii isaanii waliin walqabatee ji'oota lamaa oliif hidhaarra kan jiran gaazexeessitoonni kunneen shananii fi kaan akka gadhiifaman kan gaafate CPJn, maatii gaazexeessitootaafi namoota isaan waliin hojjetan dubbisuu isaa himeera.

Gaazexeessitoonni aanga'oota naannoo Tigraayiin hidhamanii jiran kunneen: Tashoomaa Xamaaloo, Misginnaa Siyyum, Haben Hallefom, Hayilamikaa'el Gassasaafi Daawwit Mokkonnonidha akka ta'an himameera.

Akka maddeen CPJtti himanitti, gaazexeessitoonni Maqaleetti hidhamanii jiran mootummaa Federaalaafi paartii biyya bulchaa jiru paartii Badhaadhinaa waliin hojjetaniiru jechuun "diina waliin tumsitaniittu" jedhamanii aanga'oota naannichaatiin himannaan irratti banameera.

Labsii yeroo muddamaa naannicha keessatti labsame holola, sabaa-himaalee, ykn waliti dhufeenya kamiyyu taasisuu dabalatee yeroo kamiyyu "diina waliin tumsuun" akka gaafachiisuufi adabbii umurii guutuu ykn du'aan adabsiisuu akka danda'u CPJn himeera.

Torban darbe Aministii Intarnaashinaal dura gaazexeessitoonni TV Tigraay shan hidhamanii akka jiran warra waliin hojjetan gaafachuun osoo himanni irratti hin banamiin turuu isaanii BBC'n gabaaseera.

Yeroo sanatti abbaan alangaa magaalaa Maqalee Obbo Addis Gabrasillaasee, gaazexeessitoonni kunneen kan hidhamaniif hojii isaaniitiin walqabateen osoo hin taane, "yakkawwan birootiin shakkamanii" akka ta'e ibsuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu himanii turan.

Gaazexeessitoota shanan keessaa sadan isaaniirratti "diina waliin tumsitaniittu" himannaan jedhu akka irratti dhiyaate abbaan alangaa kun ibseera.

Guyyoota muraasa duras mana-murtiitti dhiyaatanii dhimmi isaanii ilaalamuu jalqabamuun gabaafameera.

"Gaazexeessitoonni Tigraay keessa jiran sababa dhimmoota siyaasaatiin nurratti xiyyeeffatamuu mala jedhanii hin sodaatiin bilisaan jiraachuuf hojjechuu akka danda'an hayyamamuufiif qaba," jedhan bakka bu'aan CPJ Afrikaa Gamoojjii Sahaaraa gadii Mutokii Muumoo.

Namoonni CPJ'n dubbise akka jedhanitti, gaazexeessitoonni kunneen kan hidhamaniif bulchiin yeroo Tigraay kan yeroo gabaabaatiif ture keessa hojjechuu isaaniiti jechuun amanu.

Gaazexeessitoonni kunneen buufata TV keessatti itti-gaafatama gara garaa irra kan hojjetan yoo ta'u, isaan keessaa sadii osoo hin hidhamiin ji'oota dura hojii isaaniirraa dhorkamanii turan.

CPJn ibsa akka gaazexeessitoonni kunneen gadhiifamaniif gaafate kan osoo hin baasiin dura TV Tigraay, Biiroo Hariiraa Laa Tigraay, Piroofeesar Kindayyaa Gabrahiwoot, akkasumas Dubbi-himaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaatiin waa'ee gaazexeessitoota kanaa ilaalchisuun gaaffii dhiyeessuufillee deebii akka hin arganne ibseera.