Bakka abbaan-qabeenyaa maallaqa raabsuutti namoonni walirra ejjechuun lubbuun dabre

Madda suuraa, Maatii Adamu
Naayijeeriyaatti sagantaa tola-oltummaarratti walirra ejjechuun mudateen, intala dubraa waggaa saddeetii dabalatee namoonni torba du'an.
Taatee gaafa Dilbataa kaaba-bahaa biyyattii bulchiinsa Baawuchiitti mudate kanaan, abbaan qabeenyaa tokko jiraattonni naannichaa naayiraa 5,000 ykn birrii Itoophiyaa 200 akka fudhatan ergaa dabarse.
Sagantaan kun namoota hedduu hawwachuun "battalumatti to'annoon ala tahe," jechuun gaazexeessaan naannichaa BBC'tti hime.
Qaala'insi jireenyaa biyyattii mudate, namuu harka isaaniif hiixatu barbaachatti isaan galche. Naayiraan 5,000 maatii juddugaleessa tahe guyyaa tokko jiraachisa.
Akka poolisiin mirkaneessetti, dubartoota gaheeyyii afuriifi dubartoota sadii dabalatee, namoonni torba lubbuu dhabaniiru.
Taatee magaalaa Baawuchii bakka Jos Road jedhamutti mudate kanaan, jiraattonni naannichaa lakkoofsi namoota du'anii kanaa ol tahuu himu.
Anga'oonni naannichaa sababa balaa kanaa qorachaa jiraachuu himaniiru.
Sagantaalee arjoomuu akkasiirratti gara caalu kan argaman dubartoota. Maaliif jennaan, warri dhiirotaa bakka akkasiitti argamuu waan hin barbaanneef.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Balaa wal-dhidhiituu kanaan Baabaangidaa Adaamuu intalasaa Ayishaa dhabeera.
"Amma dura sagantaa akkasiirratti hirmaattee hin beektu. Kaleessa namoota wajjin deemte," jechuun sagalee gaddaan Baawuchiirraa karaa bilbilaan dubbate.
"Bakkan ani taa'ee jirutti, shamarreen tokko dhuftee gara hospitaalaa ariitiin akka deemu natti himte.
Gaafan achi gahu intallikoo du'uun bare. Gaafa Dilbataa namoota du'an kaan wajjin owwaalle."
Sagantaa kana kan qopheesse dureessi Alhajii Yaakubuu Maayishaanuu haga ammaa waanti dubbate hinjiru. Abbaan qabeenyaa kun sagantaa maallaqa namootaaf hiruu kana waajirasaa fuulduratti qopheesse.
Alhajii Yaakubuu sagantaa akkasii yeroo yerootti kan qopheessu ogguu tahu, kaayyoon isaas Muslimoota harka-qalleeyyii tahan qarqaaruufi.
Sagantaaleen akkasii yeroo hedduu ji'a soomanaa Ramadaanaa keessa ogguu tahu, hordoftoonni amantichaa ji'a kanatti kan rakkatan akka qarqaaran jajjabeeffamu.
Naayijeeriyaatti namoonni sagantaawwan akkasiirratti namoonni ennaa du'an kun yeroo jalqabaaf miti.
Torban dabre keessa jiddugala biyyattii Yunivarsiitii Bulchiinsa Naasaarawaatti, ruuziin raabsamuuf wayita jirutti barattoonni lubbuu dhabaniiru.
Ji'a dabre keessa ammoo, bakka gurgurtaa ruuzii Yaabaa, Leegositti walirra bahuun namoonni miidhamuufi ajjeefamuu Tajaajilli Gumurukii Naayijeeriyaa mirkaneesseera.
Biyyattii keessa gatiin meeshaalee qaala'uu hordofee, waajirichi ruuzii gatiinsaa hir'ate gurguraa ture.
Naayijeeriyaatti bara dabre keessa gatiin boba'aan akkasuma haalaan dabale - kunis erga mootummaan imaammatasaa tumsa gochuurra qabu dhaabuu hordofeeti.
Faallaa kanaa qaala'insa mudachaa jiruun miindaan ykn gatiin lammiilee biyyattii hin daballe. Kunis maatii hedduu rakkoo hamaa keessa galcheera.












