Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaan gameessi Biriiteen bosona Amaazoon keessatti bade
Gaazexeessaan gameessa Biriiteen Doom Fiilips fi lammiin Biraaziil waa’ee saboota ganamaa qo’atu bosona Amaazoon keessatti achi buuteensaanii dhabame. Doom Fiiliips Biraazilitti gaazexaa ‘the Guardina’ jedhamuuf barreessa.
Yeroo dhumaaf naannoo Amaazoon iddoo Jaavaarii jedhamutti dha mul’ate. Gaazexeessichi ogeeessa Buruunoo Peereeraa wajjin qorannoo hojjechuuf imalaa kan ture yoo tahu, jiraattonni jarri kunneen guyyootaan dura doorsisni irra gahaa turee jedhan. Maatiin Fiilips, ‘’ tokkoon tokkoo sekendii darbuun gatii nu kaffalchiisuu mala,’’ jedhan. Poolisiin federaalaa fi humni galaanaa namoota lamaan kunneen barbaacha irra jiru.
Kiyyeesitootni qurxummii lama achii buuteen dhabamuu namoota kanaa irratti shakkamuun Wiixata ganama to’annoo jala oolaniiru jechuun gaazexaan Biraaziil O Giloobooo gabaaseera.
Ergasii garuu deebisanii gadhiifamaniiru. Fiiliip nama ganna 57 yoo tahu waa’ee bosona Amaazoon gadi-fageenyaan barreesseera, Biraazil keessas waggaa 10 oliif jiraateera.
Burunoon immooo yeroo ammaa hojii mootummaa, ejensii saboota ganamaa Funaayi jedhamu irraa boqonnaarra kan jiru yoo tahu, waa’ee gosoota Amaazoon qollifamanii qorata.
Jarreen lamaan naannichatti torbee tokko kan dabarsan yoo tahu gaafa Jimaataa ture gara haroo Jaabuuruu bidiruudhaan kan imalan.
Dilbata darbe magaalaa ‘Atalaia do Norte’ jedhamutti akka deebi’an eegamanillee, gareen hawaasa ganamaa lama, achi akka hin deebine himan.
Maatiin namoota lamaan kanaa achi buuteen isaanii dhabamuun rifachuu himan.
‘’Maaloo yaaddoo atattamaa kanaaf tarkaanfii atattamaa kennaa,’’ jechuun haati warraa Fiilip, Aleeksaandraa Saampaayoo ibsa baduu namoota kanaarratti baheen dubbatan.
‘’Bosonicha keessatti sekandiin tokko darbuun yaaddoo dha, sekandiin tokko garaagarummaa du’aafi jireenyaa fiduu danda’a,’’ jechuunis himan.
Pireezidantiin Biraaziil duraanii Luuyiz Inaasiyoo Da Siilvaa: ‘’Fiilips bara 2017tti anaa wajjin af-gaaffii taasiee ture. Jarri lamaan nagaan jiru, dafaniis argamu jedheen abdadha,’’ jechuun fuula Tiwiitarii isaanii irratti barreessan.
Gaazexaan ‘the Guardian’’ waa’een Fiilips ‘’na yaaddessa’’ jedhe, ‘’achi buutee fi haala nama kanaarattis atattamaan odeeffannoo barbaada,’’ jedhe.
Nannnoon kaaba-lixaa Jaavaarii-gareelee saboota ganamaa 20 tahaniif dahoo yoo tahu-yeroo dhihootii asitti albuuda baasuu,qurxummii kiyyeessuufii adamoon wal-qabatee hokkorr mudachaa jira. Ejensiin saboota-ganamaa mootummaa, Funaayi jedhamu kan naannichatti socho’u waggoota dhihoon asitti yeroo baayyee haleelameera.