Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraa jaalallee ykn maatii ofii miidiyaa hawaasaarratti qooduun dhiibbaa qaba?
Jaarraan teeknolojii amma keessatti argamnuutti, odeeffannoo argachuun yeroo kamu caalaa baay’ee sulphate kan itti ta'eedha.
Haalli ittiin namoota beeknu qunnamnu fi namoota waa’ee isaanii baruuf barbaadnus akkasumas ‘hammayyaa’eera.’
Kan dur xalayaa fi bilbilaan wal quunnamaa turre, amma galanni miidiyaa hawaasaaf haata’utii ammoo ergaan barbaadamu battalumaan bakka yaadamee qaqaba ykn ammoo argama, isayyu barbaachisu suuraa ykn sur-sagaleen dabaalame.
Fakkeenyaaf, namoota beekamoo ta’anii yoo barbaadamne, maqaasaanii qofa waltajjiiwwan miidiyaalee hawaasa kan akka Instaagiraamii, Tiiktook, YouTube fi Feesbuukii irratti barreessuun barbaadu qofti gahaadha.
Haaluma walfakkaatunis namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa irratti waa’ee maatii fi jaalalleewwan isaanii barreeffamaan ykn suuraalee fi warraabbiiwwan viidiyoo isaanii yoo qoodan mul’atu.
Haata’u malee namoonni sababii adda addaa kaasuudhaan gochaa kana morman jiru.
Ofii suuraa ykn warraabbii sursagalee hirriyaa ykn jaalallee qooduun dhibbaa qabaataa?
Fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa, qorattootaa fi nama amantaa dhimma kanarratti dubbifnerra.
Fayyadama miidiyaa hawaasaarratti namoonni maali jedhu?
Fayyadamni miidiyaa hawaasaa kanneen waa’ee jaallalleesaanii maxxansan yoo daangaa itti godhan malee haala jireenyaa fi walitti dhufeenya jaalala irratti dhiibbaa guddaa qabachuu oggeessoonni kaasan jiru.
Kun ta’u yoo ta’u baate ammoo walitti dhufeenya jaalalleewwan qaban irratti dhiibbaa geessisuun waan hin ollee jetti Dr. Susaan Muriungii, Yuunivarsitii Daystartti barsiiftuu Saayikoolojii kan taate.
Haaluma walfakkaatunis, miidiyaa hawaasarratti jaalallee kee maxxansuun ‘ani dadhabe koottaa’ jechuun namoota biraa afeerudha jejechuun sodaa qabu ibsate dargaggeessi fayyadamaa feesbuukii garuu maqaasaa eeruu hin barbaadne tokko.
Haata’u malee yaadni kun dhugaa jirtu kan hin ibsinedha jechuun muuxannoo ofiisaanii eeruun kan mormanis hedduun.
Gammadaa Olaanaa abbaan ijoollee sadii yoo ta’u, erga miidiyaa hawaasaa fayyadamuu eegale waggoota kudhan lakoofsiisu hima. Waggoota kanneen keessattis muuxannoon saa gaarii ta’u dubbata.
Waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa hedduu akka fayyadamu kan dubbatu Gammadaan, yeroo hedduu jireenya maatiisaa wajjiin dabarsu miidiyaalee kanarratti qooda.
Yeroo baay’ees suuraawwan fi viidiyoo sagantaawwanii akkasumas bashannana maatiisaa fi jaalalaa fi kbaja maatiisaaf qabu miidiyaa hawaasarratti qooda.
Kana hordofee namoonni isaan jaalatanii akka fakkeennatti fudhatan jiraachuu fi kanneen isaan qeequu fi arabsanis jiraachu hima.
“Hordofttoonni kenya anaa fi maatiikoo wal qixxee jaalatuu. Haatii manaakoo bakka deemtu hundatti beekkamtii qabnu kanaaf dursaa fi kabaja isheen argattu argeera.”
“Miidiyaa hawaasarra jaalalaa fi kabaja guddoo arganneerra. Hordofttoonni keenya wanta nu keessa darbinee fi wanta nu keessa jiru hunda ni beekuu,” jedha.
Akkasumas odeeffannoon maatii inni miidiyaa hawaasaa irratti qoodu maatii kaan keessatti dhiibbaa uumuun waldhibdee qaban akka fooyyeessaniif dhiibbaa gaarii taasisuu isaa namoonni isaatti himu kaasa.
“Akka maatii isaanii ta’u qabna, akkasaaniitti wal jaalachuu qabna, akka isaanii bakka waliif kennu qabna, nu bashannansiisuu qabda, yeroo nuf kennu qabda jedhanii sirraa arguun gaafatamaa jirra namoonni jedhan jiru.”
Kanaafu waan gaarii ta’e miidiyaa hawaasarratti qooduun jireenya namoota birraa keessatti dhiibbaa uumuun ni danda’ama jedheti amana.
Kanaafu waan gaarii ta’e miidiyaa hawaasarratti qooduun jireenya namoota birraa keessatti dhiibbaa uumuun ni danda’ama jedheti amana.
Kana yoo jedhamus namoonni hundi gochaasaatti gammadaadha jechu miti. Namoonni akkaataa inni waa’ee maatiisaa miidiyaa hawaasaa irrtti qooduuf jecha kan isa qeequunii fi arrabsan jiraachu dubbata.
“Ati wa’ee jaartii keetii maxxansita. Jaartii kee nutti hin faarsini. Dhimma dhuunfaa keessanii feesbuuk irratti hin fidinaa. Of jajuuf akkas gootan jedhanii kanneen na arrabsan hedduu argineera.''
Gama biraatiinis sababa jireenya maatiisaa wajjin dabarsuun maxxansuutiin kan haadha warraasaanii wal waldhabuu itti himan jiraachus ni hima Gammadaan.
Namoonni amantii kana attamiin ilaalu?
Mohammed Abdallaa kan biyya Awurooppaa jiraatu. Miidiyaa hawaasaas bay'inaan fayyadamu. Ta'us garuu suuraa maatiisaa gonkumaa miidiyaa irratti hin qoodu.
Miidiyaa irratti wantoota hedduu barachuu fi barsiisuun ni danda’an kan jedhu Mohammed, suuraa haadha manaa miidiyaarratti baasuun amantii Islaamaatiin kan daangeffame ta’u hima.
“Ilmi dhiiraa tokko haadha manaasaa miidiyaarratti maxxansuu amantiin Islaamaa hin hayyamtu. Haata’u malee, namoonni osoo kana beekanii raawwatanan jiru, gariin ammoo osuma beeknu maxxansu.
“Namoonni gariin ammoo akka waan hammayyaa’uutti fudhachuunn gochaa aadaa fi amantaasaanii keessa hin jirre hordofu. Kunis dhiibbaa mataasaa qabachuu danda’a,” jedha.
Jaalaltii miidiyaa hawaasarratti qoodamu gariin soba ta’u akka danda’u himti barsiiftuun saayikooloojii Dr. Susaan Muriungii.
Addunyaa amma keessa jiru kannatti, namoonni jaalala sobaan beekkamtii argachuun daldala adda addaa gaggeessaan jiraachuu dubbatti.
“Addunyaa teknooloojii kana keessatti intarneetiidhaan hordoftoota gowwoomsun baay’ee salphateera. Ummannis soba kana amanee jireenyaa isaa dhiibbaa keessa galchu danda’a. Kanaafu, utuu itti hin yaadiin akka nama biraatti jiraachuu yaaluun rakkoo hamaa fida,” jetti.
Gammadaa Olaanaa yaadaa Dr. Suusan kun dhugaa qabaachu himuun, inni garuu waan dhugaa hin taane miidiyaa hawaasaarratti akka hin argisiisne dubbata.
“Namni waan fedhu argisiisuu fi dhiisuuf mirga qaba. Garuu ammoo sababii jaalallee biraa barbaadaniif namoonni miidiyaarratti suuraa haadha manaa isaanii hin baasne jiru. Gariin ammoo jaartiisaanii qaanfatu kanaaf hin qoodne,’’ jedha.
“Garuu ammoo, namni haadha warraa ykn abbaa warraa ofiitiif jaalala hin qabu taanaan miidiyaarratti baasees dhiisees gara biraa ilaaluunsaanii waan hin ooleedha,” jedha.
Suura namoota jaalatanii maxansuu fi erga jaalala eegalaniin booda barreessuun jaalala haaromsuu danda’a jetti Diirree Guyyoo.
“Jaarsii kiyyaa miidiyaarratti nan baasuu taanaan waldhabu dandeenya. Maaliif yoo jette, jaalala inni naaf qabu akkasiin ibsu danda’a.
“Miidiya kanarratti namoonni jaalala barbaadan hedduudha. Kanaaf yoo dafee daangaa hin kaa’amiin gaa’elli cabuun salphaa ta’a,’’ jetti.