Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni beekamoon addunyaa 200 ol qoccollaan miidiyaa hawaasummaa akka dhaabatu gaafatan
Dubartootni beekamoo 200 ol ‘qoccollaa miidiyaa hawaasaa dhaabuuf tarkaanfiin jabaan akka fudhatamu xalayaa barreessan’
Xalayaan ifaa ministira mummee duraanii Awustiraaliyaa Juuliyaa Gilaard dabalatee, taphattuu teenisii duraanii US Jeen Kiingiifi taatota Biriitish Taandaayiwee Niiwtaniifi Emaa Waatsaniin mallatteefame Unka UN wal-qixxummaa dhalootaa jedhurratti maxxanfameera.
Ministirri mummee duraanii Awustiraaliyaa Gillaard , ‘’akkuma dubartoota addabaabaayiitti bahanii hojjetanii kamiyyuu ilaalchota saalaan looganii fi jibbisiisoo tahan na mudatu,’’ dubartoonni ammallee loogii akkasii keessa darbuun akka ishee aarsuufi yaaddessu dubbatti.
Xalayaan ifatti barreefame kuni Facebook, Google, TikTok fi Twitter eegumsa dubartootaaf dursa akka kennan gaafata.
Hoggantoonni miidiyaa hawaasaa kunneenis sirna isaanii ilaalchota haleellaa gabaasuu, qulleessuufi waan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaarratti ilaalaniifi hariiroo uuman irratti foyya’insa ni taasisan jedhan.
Gareewwan dhimma kanarratti duula geggeessan biroo garuu waadaa badaa hojii irra akka hin oolle himan.
‘’Ibsooti akkasii kuni dhaabota kunneen carraa ittiin of beeksisani dha, jijjiirama dhugaatiif kennamoo miti,’’ jetti hundeessituun dhaabbata dhimma haleellaa dijitaalaa dubartootaa irratti hojjetuu #She Persisted Global, Lusiinaa Dii Meekoon.
‘’Qabiyyee miidiyaa hawaasaa hogganuufi adeemsa algoorizimii amala badaa deeggaru sirreessina hin jenne, ammallee ba’aansaa harka dubartootaa jira,’’ jetti.
Xalayichis akkas jedha: ‘’ Intarneetiin addabaabaayii jaarraa 21ffaati. Wal-tajjii falmiin irratti adeemsifamu, hawaasni irratti ijaaramu, miini gurguramuu fi namni maqaa itti horatu dha.
‘’Tahus wal-tajjiin kun dubartootaaf lafa nagaa miti. Wal-qixxummaa koorniyaa dhaaf yaaddoo dha.’’
Xalayichi qorannoo bara 2020tti The Economist Intelligence Unit dhaan dubartoota 4000 irratti taasifamee eeruun harki 38 biyyoota 51 keessa jiraatan onlaayinii irratti doorsisni kallattii irra gaha jedha.
Haalli kun gareewwan moggaatti baafaman kanneen akka namoota gurracha, lammiilee Eeshiyaa, Laatiin Ameerikaa fi dubartoota sanyii makaa qaban irratti hammaata.
‘’Haleellaa fi qoccollaan dubartootaa miidiyaa hawaasaa bal’aa tahuufi wal-qixxummaa koorniyaaf danqaa tahuu hubachuun barbaachisaa dha,’’ jedhan hoggantuun World Wide Web Foundation World Wide Web Foundation.
Gaazexeessituun Azarbaajaan Arzu Geybulla, qocollaan miidiyaa hawaasaa hojii ishee akka dhiistu akka ishee dhiibu dubbatti.
Dhaaboti teeknolojii ‘’qoosaafi qocollaa dhimma koo jedhanii ilaaluu isaanii nan yaadda’a,’’ jetti.
Tik Tok namooni waa otoo hin maxxansiin dura qabiyyeen isaanii jecha fudhatama hin qabne yoo qabaate akka eeggatan gaafata. Tiwiitariin waan namootni ilaaluu fedhan haalatti daangeessuu danda’an qaba.
Hoggantuun dhimma seeraa fi imaammataa Tiwiitar Vijaayaa Gaadee, ‘’ foyya’insa dhihoo kana taasisneen namooti dhuunfaa nageenya isaanii akka eeggatan aaboo kenninuufis, hojii hojjetamuu qabu baayyeen garuu hafa,’’ jedhan.
‘’Dhimma kana furuudhaaf michootaa fi hawaasa waliin hojjechuun wal-tajjii nagaa qabeessa uumuuf yaalaa jirra,’’ jedhu.
Gaafa Roobii Feesbuukiin wiirtuu Women's Safety Hub jedhamu banuun haleellaa miidiyaa hawaasaa irratti hojjechuuf lecelloo qindeessuufi waalteessuuf tahuu beeksiseera. Boordii idila-addunyaa qabaachuunis dhimma kana ni hordofna jedheera.
Waadaan kuni Foormii Wal-qixxummaa Dhalootaa UN dhaan kan Paarisitti qophaa’u kanneen beeksifaman keessaati.
World Wide Web Foundation dhimma kana faana bu’een waadaa isaanii akka hojiirra oolchan nan hordofa akkasumas waggaa waggaatti gabaasan dhiyeessa jedhe.